Chaayinaan waggaa 70'ffaa Paartii Koministi Chaayinaan buluu itti eegalte kabajje

Madda suuraa, GREG BAKER
Chaayinaan waggaa 70'ff paartiin Koministii biyyiittii bulchuu itti eegalee Onkoloolessa 1 magaala guddoo biyyattii Beejiingitti kabajamaa jira.
Waggaa 70ffaa bittaan paartii kanaa itti eegale sababeeffachuunis addababayii Taaynemeen jedhamutti agarsiifni meeshaalee waraanaa biyyattiin kalaqxee agarsiifamaniiiru.
Ministirri Ittisaa biyyattii agarsiisa kanaan Chaayinaan kaayyoo irree ishee mul'isuu hin qabdu, haata'u malee biyya ''nagaa jaallattuu fi itti gaafatamummaan itti dhagaahamu'' ta'uu agarsiisuufi jedhaniiru.
Akka gabaasa Ministeera Ittisaa Chaayinaatti agarsiisa kanarra loltootni 15,000 fi gosootni meeshaalee waraanaa 580 addababayiitti bahanii mula'atu. Xiyyaaronni waraanaa 160's samii isheerraa balali'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Meeshaalee waraanaa argaaf dhiyaatan keessaa misaayelootni haaraan (DF-41 Intercontinental ballistic) kutaa addunyaa kamuu rukutuu danda'an ni argamu.
Bulchiinsa paartii Koministii jalaatti Chaayinaan hiyyummaa keessaa baatee diinagdee guddicha aaddunyaa isa lammataa taateetti, siyaas dinagdee addunyaa keessattis biyya dhageettii qabdu taateetti. Kunniin sababoota Chaayinaan guyyaa kana itti kabajuu qabdu keessaati.

Madda suuraa, CGTN
Faallaa kanaan qabiinsa mirga namoomaa fi yeroo dhiyoo as ammoo sababa hariiroon Hong Koong waliin qabdu hammaateef qeeqaaf saaxilamteetti.
Qondaaltotnni waraanaa fi aangawootni biyyaa hedduun sirna kana irrattii kana affeeraman yoo ta'u bulchaan biyya ormaa haas'aa akka taasisuu affeerame garuu hin jiru.
Sirna kana Ameerikaa dabalatee biyyootni jajjaboon aaddunyaa of eeggannoon hordofu.
Suurotni muraasni kabaja ayyaanichaa agarsiisaan kunooti.

Madda suuraa, GREG BAKER

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images














