'Iraan sooftweerii suuraa, restooraantiifi appii geemii keessa dhoksuun basaasti'

Madda suuraa, CHECK POINT
Dhaabbanni eegumsa saayibarii, Iraan qaamota ishee morman 1,000 irratti xiyyeeffachuun oppireeshinii lamaan hojii basaasuu akka adeemsiftu hime.
Gochi kun namoota dhuunfaa Iraan jiraniifi biyyoota 12 biroo irratti kan xiyyeefatedha. Biyyoonni kunneenis UK fi US dabalata jedha dhaabbati qorannoo saayibarii Check Point.
Gareewwan oppireeshinii lameen kunneen kompitaraafi bilbila qaamota baasaasuu barbaadan irraa odeeffannoo argachuuf sooftweerii mala haaraa qabu fayyadamu.
Kanas, sagalee haasaa bilbilaafi faayiloota miidiyaa waraabuun faayyadamu.
Gareen Domestic Kitten yookiin APT-50 jedhamu namoonni sooftweerii kana bilbila isaanii irratti akka buufataniif gowwomsaa ture. Kanas:
· Geemii viidiyoo kuusaa Guugl keessa jiru akka haaraatti qoppheessuun
· Applikeeshinii mana nyaataa Teeraan keessa jiru fakkeessuun
· Appii sobaa nageenya moobaayilii eeguu dhiyeessuun
· Appii sobaa oduu biyya keessaa maxxansu kennuudhaan
· Suuraawwan ededaa 'Islamic State' deeggaran dhiyeessuun
· Sooftweerii biraa kan Andirooyidii fakkeessuun kan biraa akka buusan taasisuun raawwata.
Qorattoonni Ameerikaafi Israa'el qaamota haleellaan kun irratti xiyyeeffate 1,200 biyyoota torba keessatti bira gahaniiru.
Hanga yoonaa meeshaaleen 600 tahanis basaasa kanaan faalamaniiru.
Gareen inni lammataa Infy yookiin Prince Of Persia jedhamu manaafi kompitara mormitootaa biyyoota 12 keessa jiran basaasa. Kanas, namoonni ergaa imeelii akka banan taasisuun odeeffannoo icciitii fudhata.
Mootummaan Iraan dhimma kanarratti homaa yaada hin kennine.
Oppireeshiniin Domestic Kitten bara 2018tti ture yeroo jalqabaaf kan barame.
Sakatta'insi Check Point dhaan adeemsifame bara 2017 irraa hanga yoonaa duula 10 tahu taasiseera jedha.
Kanneen keessaa afur ammallee hojjetaa kan jiran yoo tahu, kaan dhihoo kanaa baatii Sadaasaa 2020tti jalqabe.
Marsariitii, Telegiraamiifi ergaa gabaabaa fayyadamuun sooftweerii qorattoonni Furball jedhanii waamaniin kana namoonni akka bilbila isaaniirratti fe'an taasisaa. Kanaanis:
· Sagalee haasaa bilbilaafi kan biroo waraabuu
· Moobaayiliin itti haasa'amaa ykn itti fayyadamaa jiran eessa akka jiru baruu
· Waantota meeshaa adda baasan funaanuu
· Ergaa gabaabaafi lakkoofsa itti bilbilame, irraa bilbilame ykn bilbila hin milkaa'ina hafe qabachuu
· Faayiloota kanneen akka viidiyoofi suuraa hatuu
· Appiiwwan biroo bilbiloota irratti fe'aman fudhachuu
· Faayila kuusaa alaa keessa jiru fudhachuu
Gowwomsaafi hanna kanaan warreen mootummaa Iraaq qeeqaniifi namoota sanyii Kuurd 600 saaxilamaniiru.
· Iraan
· Ameerikaa
· Biriitan
· Paakistaan
· Afgaanistaan
· Tarkii
· Uzbeeekistaan
Gareen Infy jedhamu bara 2007 irraa qabeeti kana dalagaa kan ture.
Warri sakatta'insa kana raawwatan akka jedhanitti gareen kun kompiitara, imeelii sobaafi qabiyyee hawwatoo tahan fayyadamu.
Fakkeenyaaf, dokimeentiin tokko liqii gootota waraanaa qaamni miidhameef kennamu jedha.
Takkaa dokimantii kana bannaan sooftweeriin basaasaa waan kompitarratti galuuf odeeffannoon ni hatama jechuudha.
Suuraaleen lama dhiyoo kana faayidaarra oolan ammoo suuraa bulchaa Iraaniifi teessoo isaa qabataniiru.
Qorattoonni sakatta'insa kana raawwatan gareen Infy jedhamu warreen kaanirra duula cimaa gaggeesa; sababiinsaa ammoo xiyyeeffannoo isaanii sirriitti beeku, adda isaan baasaniis badu jedha Check Point.
''Mootummaan Iraan oppireeshinii saayibarii irratti akka maallaqa dhangalaasu beekamaadha,'' jedha hogganaan dhaaba qorannoo saayibarii Check Point Yaaniiv Baalmaas.
''Oppireeshiniin saayibarii haleellaawwan gitaa biroo tiin waan miidhaman hin fakkaatu, kana dura dhaabsifamaniis, saaxilamanillee deebisanii jalqabniiru,'' jedha.













