Haakarri bishaan Magaalaa Filooridaa keessaa faaluuf yaalii taasisuun himame

Tap water, file

Haakaroonni sirna kompitaraa bishaanii magaalaa Filooridaa keessatti argamtu cabsanii seenuun, hanga keemikaalaa ''balaafamaa'' tahe gadhiisuuf yaaluu aangawoonni himan.

Haakaroonni kunniin sirna bishaan qulqulleessuu magaalaa Oldsmar keessa lixuun, sodiyem haayidirooksaayid yeroo gabaabduuf dabalan. Haa tahu malee, hojjetaan achi keessaa kana arguun, bakka dura turetti deebisaniiru.

Keemikaala kana hanga muraasa taheen, sadarkaa asidii itti to'achuuf kan ooluudha. Haatahu malee hangi hedduun bishaan keessatti rakkoo cimaa uuma jedhameera.

Kantibaa magaalaa Oldsmar kan tahan Eric Seidel ''Qaama hamaa tahetu jira,'' jedhan.

Haga ammaa gochaa kanaaf namni to'annoo jala oole kan hinjirre yoo tahu, gochaan kun achuma biyya keessaa yookaan biyya biraarraa aggaamame tahuu wanti beekamu hinjiru.

Sirni kompiyutaraa to'annoo bishaan qulqulleessuu guyyaa Jimaataa bakka fagoorraa to'atame.

Hojjetaan bakka bishanichi itti qulqullaa'u tokko, yaalii sirnicha to'achuu kan arge tahus, hoogganaa isaaniitu kana godhe jechuun bira dabre.

Garuu yaalii biraa sa'aa boodatti godhameen, haakaroonni softiweerii to'annoo bishaan qulqulleessuu keessa lixan. Achiis hanga keemikaala sodiyem haayidirooksaayidii ppm 100 irraa ppm 11,100 tti ol dabalan.

Hojjetaan bakka sana ture battalumatti, sadarkaa duraan turetti deebiseera.

Map
Presentational white space

Sodiyem haayidirooksaayidin yaa'umsa balfaa (xurii) dhangalaa'aa tahan qulqulleessuuf oola. Sibilafaa nyaachuu kan danda'u, gogaafi ija irratti miidhaa kan geessisuufi yeroof rifeensi akka buqqa'u taasisa.

Keemikaala kana liqimsuun afaan, qoonqoofi garaacharra miidhaa kan geessisu yogguu tahu, hoqqisaafi garaa kaasaas ni fida.

Qondaalli poolisii tokko waan jedhe: ''Ani ogeessa qorichaatii miti. Garuu waanin isinitti himuu danda'u... keemikaala hangana gahu bishaanitti naqxa taanaan, waan dansaatii miti.''

Haa tahu malee qondaalli kun dabaluun ''Biishaan qulqullaa'aa turerratti rakkoon hamaa qaqqabe hinjiru. Keessattuu, hawaasni rakkoo keessa hin seenne.''

Bakki bishaan qulqulleessuu Oldsmar kun dhaabbilee fi jiraattota 15,000 tahaniif bishaan dhiyeessa.

Sirna bishaanii kana bakka fagoorraa to'achuuf haalli dandeessisu, yeroodhaaf adda kutameera.