Pireezidant Joo Baayidan meeshaalee teknoloojii kam fa'i fayyadamu?

Tarii namtichi addunyaa kanarra aangoo guddaa qabu meeshaalee teknoloojii filate fayyadamuu dandaya jettanii yaaduu dandeessu - tahus garuu gama kanaan Baayidan filannoo qabaniin waan gammadan miti.
Meeshaaleen elektirooniksii pireezidantiin Ameerikaa fayyadamu, addunyaarratti xiyyeeffannoo haakarootaa isa olaanaa ta'uu mala.
''Raashiyaan dureewwan biyyootaa irratti tasumaa hin xiyyeeffatu jechuun hin danda'amu,'' jedha barsiisaa Harvard Kennedy School kan ta'an Bruce Schneier.
2000'moota keessa gama kanaan sodaan hinjiru ture. Meeshaaleen gaafas butamuu danda'an kompiyutaraafi bilbila mobaayilaa ismaartii hintaane qofadha.
Silumayyuu pireezidantichi bilbilli mobaayilaa maaliif isa barbaachisa? Salphumatti bakka barbaadutti sarara nageenyisaa eegameen haasawuuf gaafachuu danda'a.
Adeemsi kun garuu gaafa Obaamaan 2009tti aangoo qabatan jijjiirame.
Obaamaan bilbilasaa Blackberry guddoo jaalata kan ture oggaa tahu, gorsitoota nageenyaasaa wajjin bilbilicha of bira tursuuf torbanootaaf falme - boodarras mo'ate.
Sababbi dhiyaate ammoo ''hojjettoota olaanoofi hiriyoota muraasa qofa wajjin walarguuf jedhamee ture kanirratti waliigalame.
Ergasii kaasee, meeshaaleen teknoloojii pireezidantoonni fayyadaman dabalaa kan dhufe oggaa tahu, kunis warra isaan eeganiif yaaddoo guddaadha.

Obamapad
2010tti yoguu iPad as bahu, pireezidantichi argachuu fedhan.
Kanaanis gorsitoonni nageenya biyyoleessaa ObamaPad uuman - innis Ayipaadii caalaatti nageenyumaan isaa eegamedha. Hojjettoota isaan wajjin hojjetaniifis meeshaan walfakkaataa hojjetamuu gorsaan duraanii BBCtti himan.

Madda suuraa, WHITE HOUSE POOL (ISP POOL IMAGES)
Hojjettoonni iPad qabaatanis, sirni teknoolojii Waayita Haawus akkuma duriiti ykn moofaadha.
''Wi-fi achi keessa hinjiru,''jedhan qondaalli nageenya saayibarii duraanii Ari Schwartz.
"Yeroo tokko waa'ee wi-fi galchuu mari'achaa turre. Miirri tures yaaddoo nageenyaaf nu saaxila kan jedhu ture.''
Boodarra garuu mana jireenyaasaanitti maatiin Obaamaa wi-fi galfatanii turan.

Madda suuraa, SAUL LOEB
Tiraamp bara aangoosaatti Twitter irratti pireezidantii haalaan beekamaa tahe keessaati. Innis meeshaalee elektirooniksii dhuunfaa fayyadamuuf irra deddeebiin gaafata ture.
Kanaas jechas bilbiloota ''burner'' jedhamaniifi oggasuu itti fayyadamanii gataman yookis bakka buufamanitti gargaarama ture.
Garuu kompiyutaraa fi imeelii fayyadamurratti garuu ni shakka ture jedhama - kanarra ergaa dabarsuuf waraqaa filata ture.
Saayikilii Peloton Baayidan
Gorsitoota Obaamaaf Ayipaadin itti fayyadamu hirriiba dhorkeera taanaan, guyyaa hardhaammoo yeroo waanti hedduu intarneet wajjin walqunnamee jirutti, yaaddoo amma duraa daran caala.
''Waanti hunduu kompiyuutara ta'aa jira,'' jedhu Aabba Schneier.
''Kompiyuutaroonni kunniin ammoo saaxilamoodha. Saayikiliikee Peloton tahee bilbila kee, konkolaataas tahe meeshaan qilleensa mana keessaa kan to'atu - kun cufti butamuuf (hack godhamuuf) saaxilamoodha.''
Kunammoo Pireezidantichaaf rakkoodha. Baayidan meeshaalee teknooloojii nama jaalatan fakkaatu.

Madda suuraa, SOPA Images
Aabba Baayidan sa'aatii Apple Watch keewwatanii suuraa kan kahan oggaa tahu, saayikilii shaakala qaamaa Peloton jedhamu akka qabanis gabaafameera. #
Meeshaan kunis iskirinii kompiyutaraa, kaameraafi maayikirofoonii qaba, isaanis intarneeta wajjin kan qunnamanidha.
Nageenyummaa meeshaalee kanneenii dabaluu ni danda'amaa?
''Meeshaa kanatii jijjiirama muraasa gochuu dandeessa. Kaameraa keessaa baasuu faa,'' jedhu qondaala nageenya saayinbarii duraanii Schneier.
Haala kanaan balaarraa bilisa tahuu danda'a.
Garuu gochaan kun, meeshaa teknoolojii daran ammayyaawaa tahe bitachuunuu maaliif barbaachiseree gaaffii jedhu kaasa.
''Meeshaa haak godhamuu hin dandeenye argachuun hedduu nama dhiba,'' jedha Herbert Lin, Yunivarsiitii of Istaanford irraa.
Nageenyummaa meeshaalee 'smart'
Kanarra meeshaalee teknoolojii kamuu fayyadamuu dhiisuun naga-qabeessadha.
Garuu akkuma pireezidantoota lamman darbaniirraa akka ilaaletti, hooggannaa olaanaa biyyattiitti sana himuun ulfaataadha.
Namni seenaa jireenyaa Baayidan katabu Evan Osnos akka jedhutti, pireezidantichi aappii oduu Apple News ni fayyadamu.
Kunis rakkoo tahuu mala.
Akka Schwartz jedhutti, meeshaarraa nageenyummaa sofitiweerii eegutu ulfaata.
''Gama sofitiweeriin, nageenya gaarii mirkaneessuun ni ulfaata. Sababni isaas, kan haaromsamu bakka biraarraatti waan taheef,'' jedha.
''Gaafa jalqaba oomishicha bittu nageenyikee mirkanaa'eera taha.
''Garuu ganna tokkoon booda, namni tokko dhufeetu 'malware' irratti fe'uun, eegumsa duraan qabdu sijalaa barbadeessa.''
Akkasumas Aabba Schneier's yada kanaan waliigala.
''Waanti hunduu jalqabumarraa saaxilamoo tahuu danda'a... Apple News fi kaanillee kanarraa adda miti. Kuni hundi walqabatoodha, wanti tokko miidhamnaan kaanis hinoolu,'' jedha.
''Kanaafidha dhimmichi walxaxaa kan taheef.
''Kanaafis gorsi nageenyaa inni bu'a-qabeessa tahe, gorsa meeshaalee kanniin guutummaatti hin fayyadamin kanjedhudha. Hojiirra oolchuuf rakkisaa tahuus.''

















