Mosaajii Israa’el gaazixeessitoota Al Jeziraa hedduu ‘basaasuuf’ oolfame

Madda suuraa, Getty Images
Gaazixeessitootni Al Jeziraa hedduu mosaajii basaasaa dhaabbanni Israa’eel ‘NSO Group’jedhamu hojjateen basaasamaa akka turan qorattoonni nageeyummaa saayibiirii qoratan himan.
Haleellaan saayibarii kun gaazixeessitoota TV gubbaatti oduu dubbisanii fi hoji-gaggeessitoota dhaabbaticha dabalatee, hojjattoota dhaabbatichaa 36 irratti qiyyafate jedhee akka yaaadu gabaasni dhaabni qorannoo sitizin laab, yunvarsiitiin Torontoo maxxanse kan agarsiisu.
Hojjattoota dhaabbaticha basaasuuf mojaasii bilbila Aayifooniitti(iPhone) dhimma bahaniiru jedha gabaasichi.
DHaabbanni Israa’el ‘NSO Group’ jedhamu garuu, haleellaa saayibarii kana hin raawwanne,’’ragaa quubsaa kana agarsiisu hin qabani’’jedhee waakkate.
Qarattoonni garuu, namoonni haleellaa kana raawwatan lama bilbila moobaayilii gaazixeessitoota Al Jeziraa kan basaasaa turaniif Sa’ud Arabiyaa fi mootummaa Gamtaa Emiretoota Arabaaf(UAE) akka ture himaniiru.
Sitizin Laab dhaabbanni jedhamu bilbiilli gaazixeessoota Al Jeziraa basaasama jiraachuu ogeessi qorannoo filmii Al Jeziraa Tamir Almisahal akeekkachise ture.
‘Mosaajii basaasaa Pegasus’
Aab Almisahal bilbillisaa butamuu yaaddoo akka qabu Sitizan Laabitti himuun, gocha bilbila isaarratti raawwatamu akka hordofan erga eeyyamefiin booda irra qaqqabame.
Dhaabbatichi bibila Almisahal irratti haleellaan raawwatama akka ture Adolessa 19, bara 2020 hubanneerra jedhe.
Dubbi himaan‘NSO Group’ garuu‘’himanichi tilmaamarraa madde, ragaa quubsaa NSO dhimmicha duuba jiraachuu agarsiisu hin qabanii’’jechuun deebisaniiru.
Itti dabaluun, dhaabbatichi moosaajii mootummaan yakkoota gurmiin raawwatamanii fi shororkeessummaa akka ittiin qolatuuf akka kennaniif ibsaniiru.
‘NSO Group’ addunyaan tasgabbii akka qabattuuf ‘’dadhabbii malee ni hojjataa’’jedhan.
Dubbi himaan dhaabbata Appiil, maamiltoonni isaanii odeeffannoon isaanii akka hin hatamneef moosajii fooyyeeffamee(IOS 14) bilbilasaaniirratti buufatanii akka itti fayyadaman gorsan.
‘’Haleellaan qorannoo gaggeeffame keessatti ibsame kun biyyoonni muraasni namoota dhuunfaa muraasa irratti qiyyaafachuu kan agarsiisu’ jedhan dubbi himaan dhaabbata Appiil.
BBC’n dhimma kanarratti yaadasaanii akka kennaniif Al Jeziraa fi imbaasii Sa’ud Arabiyaa Landanitti argamu haasofsiisee ture.















