Denmaark akka US aanga'oota Awurooppaa basaastuuf gargaaruun himatamte

Madda suuraa, Reuters
Tajaajilli qaruuxummaa Denmaark US Chaansilara Jarman Angeellaa Merkel dabalatee aanga'oota Awurooppaa bara 2012 hanga 2014tti akka basaastuuf gargaaruun miidiyaan Daanish gabaase.
Tajaajilli Basaasa kan Ittisaa (FE) odeeffannoo sassabbachuuf Ejensii Tikaa Biyyaalessaa US (NSA) waliin tumseera akka Tajaajilli Biroodkasterii Ummataa Daaniish, DR jedhetti.
Odeeffannoon icciitiin aanga'oota biroo Jarman, firaans, Siwiidiniifi Noorway irraa ta'an irraas akka sassaabameeru himannaan dhiyaateera.
Bara 2013 keessas himannaan kana fakkaatu dhiyaatee ture.
Namni icciitii daba US dhoksee baasaa ture, Edwaard Sinoowdan, bilbila Chaansilara Jarman NSAtiin waraabamaa ture gadi dhiisuu himee ture.
Yeroo himannaawwan kunneen dhiyaatanii turanittis, Waayit Haawus kallattiidhaan dhiyaatee hin waakkanne ture. Garuu bilbilli Mrs Merkel yeroo sanatti hin waraabamne, gara fuula duraattis hin waraabamu jedhee ture.
Jarman michuu dhiyoo US ta'uun ishee beekamaadha.
Pirezedaantiin Jarman Firaank-Waalter Istemiyer, akkasumas dubbi himaan Angellaa Merkel Denmaark keessatti hirmaachuu hanga gabaasa DR kanaatti kan beekan hin qaban. Gabaasni DR kun ammoo miidiyaalee Awurooppaa biroof dhum-torbee darbe kana qoodamaa tureera.
NSAn akka jedhetti ergaa barreeffamaafi haasaawwan bilbilaa namootaa bebbeekamoo argachuuf Interneeti Keebilii Denmaark FE waliin tumsa gochuun waraabeera.
Taatee kanaaf deebii maaltu kenname?
DR namoota sagala waliin gaaffiifi deebii kan taasise yommuu ta'u, hundi isaanii odeeffannoo icciitii qabateera jedhame FEn qabatee jiru argataniiru.
Mrs Merkel, yeroo sanatti Ministeera Dhimma Alaa Jarman kan ture Firaank-Waalter Istemiyer, akkasumas gaggeessaa mormituu yeroo sanaa Peer Steinbrück namoota irratti xiyyeeffatamee ture keessaati.
"Ani ija siyaasaan kana gocha fokkuu ta'ettin ilaala," jechuun Mr Steinbrück miidiyaa Jarmanitti himan.
Ministirri Ittisaa Denmaark Trine Bramsen, hojii basaasuu kana dursee akka dhaga'u kan taasifame yommuu ta'u,, "siisteema akkasii kanaan michuu dhiyoo waraabanii basaasuun fudhatama hin qabu," jechuun DRtti himan.
Gabaasa ammaa kana irratti FE, akkasumas NSA hanga ammaa yaada hin kenniin jiru.
Gaabaasa haaraa kana hordofee, Mr Sinoowdan Pirezedaantiin US Joo Baayidan, "yeroo jalqabaatiif gocha fokkisaa akkasii kana keessatti hirmaatan" jechuun himateera. Joo Baaydan yeroo sanatti Pirezedaantiin itti-aanaa US ture.
"Akka guutummaatti ummataaf ifoomu ifatti gaafatamuu kan qabu Denmaark qofa osoo hin taane michuun isaanii ol-aanaas gaafatamuu qaba," jechuun tiwiitara irratti barreesse Mr Sinoowdan.
Bara 2013, Ejensii Basaasa Ameerikaa (CIA)tti kontiraaktera kan ture Mr Sinoowdan, icciitiin dhoksaa basaasni US ergaawwan karaa iimeeliifi bilbilawwan sassabbataa ture miidiyaaleef dhoksee kenneera.
Kanarraa ka'uun US qabeenya mootummaa hateera, odeeffannoo ittisa biyyaaleessaa itti gaafatama isaa malee dabarsee kennuu, odeeffannoon icciitii mootummaa guddaa qabu jedhamanii adda baafamanii egaman maaldhibdeedhaan dabarsee kenne jechuun isa himateera.
Mr Sinoowdan Raashiyaatti kolu-galtummaan jiraachaa jira.














