Pegasus: Lakkoofsi bilbilaa intala bulchaa Dubaayi Latifaa mosaajii basaasaa keessatti tarreeffamee argame

Latifaan bara 2018 miliquuf yaaltee turte
Ibsa waa'ee suuraa, Latifaan bara 2018 miliquuf yaaltee turte

Lakkoofsi bilbilaa maatii warra mootii Dubaayi lama qorannoo mosaajii bilbila butuuf oolu Pegasus keessatti tarreeffamee argame.

Bilbilli intala bulchaa Dubaayi Latifaa fi haati warraa duraanii bulchaa Dubaayi Haya Biint al-Huseen kanneen mosaajii basaasaa kana keessatti tarreeeffaman keessa jiru.

Walakkeessa ji’a Guraandhalaa keessa BBC Panorama'n viidiyoo iccitiin waraabame kan Latifaan manatti ugguramuufi lubbuu isheef sodaachuu dubbatte tamsaasee ture.

Intalli warra mootii Haayaan immoo bara 2019 lubbuusheef akka yaaddofte eeruun Dubaayii baqattee turte.

UAE’n garuu himannaa dubartoonni lamaan dhiyeessan haalte.

Bilbilli isaanii garuu bilbila namoota 50,000 maamiltoonni dhaabbata Israa’el ‘NSO Group’ akka basaasamuu barbaadu jedhamee yaadamu keessatti tarreeffameera.

Lakkoofsi bilbilaa tarreeffaman kunneen miidiyaalee gurguddootti miliqfamanii kennaman.

Bilbilli ilmaan warra mootii fi namoonni isaan waliin walitti dhiyeenya qaban muraasni tarree namoota basaasaaf irratti qiyyaafatame keessatti argamuun, tarii mootummaa maamila gartuu NSO ta’een basaasaaf irratti qiyyaafatamuufi dhiisuun gaaffii uumeera.

Jaarmiyaan Aminastii Intarnaashinaal ibsi baase akka akeekutti, argannichi ‘NSO Group’ sarbamiinsa mirga namoomaa dubartoota lamaan keessaa qooda qabaachuu himata.

Itti dabaluun dambiin ‘’indastirii basaasaa hin sakatta’amne to’atamuu’’ akka qabu waamicha dhiyeesse.

NSO’n garuu dogoggoran hojjadhe hin qabu jedhee waakkateera.

Mosaajichi yakkamtoota fi shororkeessitoota ittin to’achuuf waraanni, qaamoleen seera kabachiisan fi dhaabbilee basaasa mirga namoomaa kabajuurratti fooyyee qaban qofatu itti gargaarama jedhe.

Qorannoon jalqabaa gabaasichaaf ka’uumsa ta’e dhaabbata miti-mootummaa ‘Forbidden Stories’ fi Aminastii Intarnaashinaalii baase‘’ tilmaama dogoggoraan kan guutame fi yaad-rimee hin mirkaneeffamne qaba’’ jedhe gartuun NSO.

Qondaalli basaasaa olaanaan Israa’el BBCtti akka himetti, mootummaan Israa’el garee himannaa moosajii Pegasus qoratu hundeesseera.

Intalli mootii Latifaan bara darbe BBCtti akka himtetti Dubaayii miliquuf wayita yaalte butamtee hidhamte.

Akka Latifaan himtetti, bara 2018 UAE keessa baate miliquuf bidiruu garba Indiyaatti erga seentee qabamuudhaan gara Dubaayitti deebifamte. Sana booda viillaa tokko keessatti hidhamte.

Hidhamuun ishees sadarkaa idil-addunyaatti dheekkamsa dammaqsee ture.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii lubbuun jiraachuu ishee mirkaneeffachuuf erga gaafate booda, maatiin warra mootii Dubaayi’’ manatti kunuunfamaa jirti'' jechuun isaanii ni yaadatama.

Latifaan turtii ji’ootaan lakka’aamuuf hin mul’anne ykn wayita dubbattu hin argamne.

Suuraan wayita Latifaan hawaasa keessatti mul’attu agarsiisufi wayita imalarra jirtu agarsiisu toora Instaagiraamii namoota isheetti dhiyeenyaa qabaniirratti mul’ateera.