Naqamteetti gudeeddii dubartoota lamarratti raawwatameen kan shakkaman ja’a to’ataman

Dubartii harkashee lamaan fuula dhokfatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii harkashee lamaan fuula dhokfatte

Dilbata Onkololeessaa 27, 2024 guyyaarraa eegaluun viidiyoon safuu hawaasaa cabsee fi shamarran lama walcinaatti osoo gareedhaan gudeedamanii mul’isu miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture.

Viidiyoo kanarratti akka mul’atutti shamarran lama walcinaatti dargaggootaan yoo gudeedaman dhiironni kan biraa ammoo viidiyoo waraabaa yoo itti qoosan dhagahama.

Kanneen yakka kana raawwatanii fi yakka kana viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduudhaan shakkaman keessaa hanga ammaatti namootni ja’a too’atamaniiru.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuu fi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan too’annoo jala ooluu himan.

Shakkamtoonni kunneen Roobii ganama too’annaa jala ooluu kan himan ogeettiin seeraa kun, shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun too’ataman ja’an kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan.

Gochi kun gudeeddii gareedhaan raawwatame ta’uu kan akeeku ammoo kanneen dhaabbatanii ilaalan ‘dabareedhaan raawwachuu akka qabanii fi ‘iddoo jijjiiranii fi xiqqoo boqotanii’ gocha kana raawwachuuf yoo dubbatan dhagahamuusaati jedhaniiru.

Viidiyoon gocha safuu hawaasaa cabse kun erga miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame booda namoonni hedduun miira dallansuutiin dhimmicharratti barreessaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta'u garuu yakki kun magaala Naqamtee keessatti raawwachuu Hogganaan Qajeelcha Poolisii Magaala Naqamtee Komishinar Shaalloo Galataa BBCf mirkaneessaariiru.

Akka isaan jedhanitti taaten kun kan raawwate amma osoo hin taane ALItti gaafa Fulbaana 7, 2017 akka ta'e ibsanii ture.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daaa’immanii Oromiyaas gamasaan yakki kun kan raawwatame magaala Naqamteetti ta’uu beeksise.

Hoggantuun biirichaa Aadde Mabraatee Baacaa BBC'tti akka himanitti, viidiyoo kana akkuma arganiin hojii qulqulleeffachuu jalqabuu himan.

“Akkuma odeeffannoo kana arganneen hojii qulqulleeffachuu hojjechaa turre. Dura Gimbiidha jedhamee ture. Amma gaafa Adda baasnu yakkichi Naqamteetti raawwatame” jedhan.

Ijoolleen dubaraa lamaan yakki gudeeddii garee vidiyoodhaan deeggarame irratti raawwatame kunneenis barattootaa ta’uus himan.

“Ijoolleen dhiiraa yakka kana raawwatanis afur akka ta’anii fi ijoolluma baajaajii hojjetan akka ta’e adda baafanneerra. Inni tokko baajaajii achumatti gatee akka miliqee odeeffannoo qaba. Kaanis akka too’ataman caasaa nageenyaaf kallattiin kennameera,” jedhan.

Yakkoonni akkanaa dubartoota irratti raawwataman keessumaa iddoowwan rakkoon nageenyaa jirutti akka mudachaa jiruu fi gochoota akkanaa too’achuuf hawaasni gaheesaa bahuu akka qabus dhaamu.

“Kun kan miidiyaatti bahe malee dhimmonni akkanaa ni mul’ata. Kanarratti hawaasaaf hubannoo uumuun nibarbaachisa. Miidhaan deddeebi’ee mudatu kun akka hin raawwanneef, yoo raawwatame ammoo olaantummaa seeraa akka mirkanaa’u hojjechaa jirra,” jedhan.

Ijoolleen dubartootaa karaa nagaatiin bahanii akka galaniif yeroo yakkoonni akkanaa mudatan murtii akka argatu gochuun murteessaa akka ta’ee fi taatee amma Naqamteetti mudate kunis olaantummaa seeraa akka mirkanaa’uuf hordoffii barbaachisu akka godhanis himan.

Taatee sukaneessaa fi safuu hawaasaa cabse kanaan walqabatees odeeffannoowwan gara fuula duraatti qulqullaa’an hawaasaaf akka ibsamus himan.

Komishinii mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti hogganaa Damee Oromiyaa kan tahan Obbo Badhaasaa Lammeessaa komishinichi odeeffannoo kana argachuu fi qorachaa jiraachuu himan.

Oromiyaa keessatti yakkoonni dubartoota irratti raawwataman irra deddeebiin dhagahamuu fi miidiyaa hawaasummaa irrattis qoodamuun waan irra deddeebiin mul’achaa dhufe.

Harargeetti abbaan Warraa haadha ijoolleesaarrati asiidii naquun qaamashii gubee fi Booranatti baatu ijoollee sadii gabaa keessatti mukatti hidhamtee reebamtes dhiheenyuma gabaasuun keenya ni yaadatama.

Ta’ii miilana Naqamteetti mudate kanarrati bulchiinsaa fi poolisii magaalichaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.