Aadde Lalisee Dhugaa waa'ee fayyaa isaanii maal jedhu?

Komishinera Komishinii Turizimii Oromiyaa, Lalisee Dhugaa, uffata aadaa Booranaan

Madda suuraa, Feesbuukii Lalisee Dhugaa

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinera Komishinii Turizimii Oromiyaa, Lalisee Dhugaa, uffata aadaa Booranaan
    • Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist

Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa tibbana dhibee kaanseriin qabamuun biyya alaatti yaalamaa akka jiran BBCtti himan.

Aadde Lalisee Dhugaa dhibee kaanserii 'Liimfoomaa' jedhamuun akka qabamte himte. Amma biyya Joordaanitti yaalii keemooteeraappii fudhachaa jirti.

Dhuma ji'a Waxabajjii irra ture dhibee kanaan qabamuu ishee kan barte.

''Dhibee garaachaa natti fakkaateen qoratamuuf mana yaalaa deeme. Kanaaf deemeen dhibee kana tahuu natti himame,'' jette.

Dhibeen ishee qabe kaanserii liimfoomaa jedhamuun beekamudha. Gosa kaanserii dhiigaa tahee seelii dhiiga adii huba. Erga dhibee kanaan qabamuu bartee amma gara ji'a afurii taha.

''Salphaa miti. Amma kaanseriin na qabe sadarkaa arfaffaa irra jira. Madinummaakoo waan miidhaa deemuuf salphaa miti. Garuu waaqayyoon nan amanadha. Isa nan dursa, nan kadhadha,'' jette.

''Abbaan warraakoo, ijoolleenkoo, maatiikoo fi hiriyyoota anaaf kadhatan, na jajjabeessan qaba. Mul'anni qabduyyuu akka itti fuftee jiraattu, wal'aansoo qabdu, cichoominaan hojjettu si taasisa.''

Yaaliin amma argataa jirtu keemooteeraappii tahuu kan himte Laliseen miidhaa cinaa [side effect] hedduu natti hin finne jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Waanan dhabe rifeensakooti. Rifeensa bareedaan qaba ture. Beektaa! Kun dubartiif ulfaataadha. Isaafis qophii addaa si barbaada,'' jette.

Waaqayyo na fayyisee gara biyyakootti yoo na deebise warra kaanserii dhukkubsatanii yaalamuuf carraa hin qabne gargaaruuf faawondeeshinii tokko hundeessuun barbaada jechuun BBCtti himte.

Namoonni rakkoo faayinaansii fi xiin-sammuu qaban hedduu tahuu kan kaastu Laliseen dhibee kana irraa yaalamuuf maalalqa guddaa waan barbaaduuf akkasumaan lubbuu isanaii dhabu jette.

''Ani inshuraansii UN karaa abbaa manaakoo qaba. Inshuuraansii nan qaba. Mootummaanis deeggarsa anaaf godhee na yaalsisaa jira.

Rakkoo faayinaansii waan hin qabneef yaalamaan jira. Namoonni gargaarsa barbaadan baay'ee jiru. Gaafan fayyee asii bahu dhaabbata isaaniin gargaaru hundeessuun yaadaan jira. Waaqayyo nagaan naa haa deebisu,'' jette.

Aadde Laliseen cichoomina ishee kanaaf icciitiin tokko falaasama jireenyaa hordoftu tahuu himti.

''Falaasamni jireenyakoo salphaadha. Guyya guyyaan waan danda'u hundaa hojjechuu, inni ammoo akka lakkaa'amu ykn gaarii tahee beekamu gochuu. Waaqarraas kan baranne kana. Lafarra hanga jiraannetti waan gaarii yoo hojjenne baay'ee gaariidha,'' jette.

''Jireenyi ani qabu kan koo miti. Kan waaqayyooti. Kan inni naaf kennen jiraadha. Isa ammoo gaabbii tokko malee waan gaariidhaan hojjedheen darbuu barbaada. Kun akkan itti fufee haamilee qabaadhee jiraadhu na godheera.

Galgala Lalisee har'a maal hojjette? jedhee of gaafadheen, waan gaarii goote jedhee ofitti himeen waaqayyoonis araara gaafadheen rafa,'' jette.

Aadde laliseen kana booda yaalii ishee xumurtee achii bahuuf gara ji'oota afurii hanga shanii gaafachuu akka danda'u himte.

Komishinara Komishinii Turizimii Oromiyaa, Lalisee Dhugaa

Madda suuraa, Lalisee Dhugaa/ Feesbuuk

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinara Komishinii Turizimii Oromiyaa, Lalisee Dhugaa dhibee kaanserii irraa yaalamaa jirti

'Cichoomina [Resilience]....'

Adde Lalisee Dhugaa waggoota shanii oliif Komishinara Komishinii Turizimii Oromiyaa tahuun hojjechaa jirti.

Maqaan 'Visit Oromiyaa' yeroo ka'u maqaan Lalisee Dhugaa biraa hin hafu. Isheenis dhibameera jettee hin ciisne.

Yaalii ulfaataa kaanserii osoo fudhachaa jirtuu bakka jirtu Joordaanitti cinumatti biiroo mijeeffachuun hojjechaa oolti.

Sadarkaa olaanaatti hojjechaan jira. Gamagama istraateejii waggaa shanii Komishinii Turizimii Oromiyaa hojjechaan jira. Kana irraa ka'uun waggaa shanan dhufan ammoo maal akka tahuu qabu qopheessaan jira.

Isa darbe irraa barannee waggoota dhufan ammoo addunyaa jijjiiramaa jirtu kana keessatti fuulli Visit Oromiyaa itti aanuu maal fakkaachuu akka qabu irratti hojjenna jette.

Akka Komishinii Turizimii Oromiyaatti gorsaa qabna. Garuu akka gaggeessituu tokkootti isa darbe gamaggamnee isa itti aanuuf qopheessuu waanan qabuuf hojjechaan jira.

Guyyaan keemooteeraappii qabu hospitaala deemee fudhadheen deebi'ee takka boqadhee hojiikoo hojjechaa jira.

Guyyaakoo hundaa hojiidhaan qabameen dabarsaa jira jette.

Laliseen dargaggummaan hojii ishee tokko jettee kan jalqabde dhibee HIV/AIDS ittisuu fi qoollifannaa isaa irratti tahuu himte.

Qoollifannaa namoota dhibee kanaan qabamanii irratti hojjechaa turuu kan himte Laliseen namoota amantaa adda addaa hordofan waliin hojjechaa turteetti.

Sagantaa Dhibee HIV/ AIDS Biyyaalessaa Itoophiyaa irratti waggoota kudhanii ol hojjechaa turte.

''Hojiinkoo inni guddaan qoollifannaa irratti ture. Qoollifannaan nama irra gahu dhibee nama qabe sana caalaa nama ajjeesa'' jette.

''Gaafa rakkoon si qunnamu tarkaanfiin jalqabaa of amansiisuudha. Amantee fudhattee nagaatti jiraachuudha. Qoollifannaa kana irratti hojjechaa turuunkoo amma anaanis na gargaareera,'' jette.

Itoophiyaa keessatti namoonni kaanseriin qabaman qoollifannaa isaan irra gahu sodaachuun yeroo dhibee isaanii himatan jecha 'kaanserii' jedhu irraa hin dhageessu. Kun tahuu hin qabu.

Namni kan fayyuu jalqabu jalqaba gaafa amanee ofitti fudhatee ofiisaa waliin nagaa buusudha.

Akkuman HIV irratti gorsaa ture ammas fayyee dhibee kaanserii ilaalchisee namoota gorsuu fi barsiisuun barbaada,'' jette.

Kitaaba haaraa gaggeessummaa

Laliseen hojii idilee hojjechaa jirt cinatti kitaaba haaraa ''Becoming Through Leadership' jedhu barreessaa jirti.

Kitaaba kanas walakkaa irra akka dabarsiteefi dhiyootti xumuruuf hojjettu himteetti.

Guyya guyyaadhaan waan haaraa barattu qabda. Namni waan guyya guyyaan baratu sana tahaa deema. Mul'ata addaa ykn haaraa kaawwatta. Yookiin muuxannoo argatte irraa ka'uun istraateejiikee jijjiirta. Gaggeessaanis adeemsuma kana keessa darba,'' jetti.

Ani ijoollummaakootii hanga manguddummaakootti maal akkan baradheefi muuxannoo argadhe dabaleen kitaaba gaggeessummaa kana barreessaa jira jette.

Aadde Lalisee Dhugaa magaala Finfinnee keessatti dhalatanii akka guddatan himu.

Imbaasii Biritish dabalatee dhaabbilee miti mootummaa garaagaraa keessa kan hojjetan Aadde Laliseen, yeroo waggaa tokko oliif waajjira pireezidantii mootummaa naannoo Oromiyaatti gorsituu imaammata wal-ta'iinsaa ta'un hojjetaniiru.

Waggoota shanii oliif ammoo Komishina Komishinarii Turizimii Oromiyaa tahuun hojjetaa jirti.

Komishinii haaraan hundaa'e qabeenyaa fi hawwata turizimii Oromiyaan qabdu addunyaatti beeksisuu fi gurguruu ykn madda galii argamsiisuuf hojjechaa ture.

Dargaggoota hedduufis carraa hojii uumeera. Isarra darbee seenessa turizimii Itoophiyaa keessaa waggoota dheeraaf gara Kaaba biyyattiitti qofa xiyyeeffatte jijjiireera.