Mallattoowwan dhibee kaansarii salphaatti hin mul'anne kanneen beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Waa'een kaansarii gaafa dhagahamu, dafee sammuutti kana nama dhufu dhibee balaafamaa ta'uusaati.
Garuu qorannoowwan akka agarsiisanitti, bara 1970 booda carraan dhibee kaansarii irraa bayyanachuu dabalaa dhufeera. Sababni ammoo dursanii qorannoo taasisuu akka ta'e ibsu qorattoonni.
Dhibeen kaansarii sadarkaa hamaarra osoo hin gahin dhukkubsattoonni dafanii yoo qorannoo taasisan dhibeen kaansarii hedduun waldhaanamuu danda'a.
Haa ta'u garuu mallattoolee dhibichaa tokko tokko dursanii qoratamuu dhiisurraa kan ka'e namoonni balaaf saaxilamu.
Keessumaa mallattooleen yeroo dheeraf turaniifi namarraa hin adeemne mallattoolee dhibee kaansarii ta'uu akka malan himu ogeeyyiin.
Dhaabbanni American Cancer Society jedhamu akka ibsetti, mallattoolee 10 armaan gadii yeroo heddu kan namoonni ofirratti hin barre akka ta'aniifi xiyyeeffannoo itti kennuun barbaachisaadha.
1. Ulfaatinni qaamaa hir'achuu
Namoonni dhibee kaansarii dhukkubsatan sadarkaa ta'erra gaafa gahan ulfaatina ni hir'isu.
Keessumaa qorannoo dhibee kaansarii hin taasisne taanan sababa ulfaatina hir'isaniif hin beekan.
Ulfaatina 5kg fi isaa ol yoo mul'ate mallattoo dhibee kaansarii ta'uu akka danda'utu ibsama.
Kuni ammoo yeroo heddu kaansarii garaachaa ykn kan sombaa fa'aa ta'uu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
2. Qaama gubaa
Mallattoolee dhibee kaansarii keessaa tokko qaama gubaadha.
Keessumaa dhibichi bakka eegalee gara kutaalee qaama biraatti erga babal'atee booda qaama gubaan mallattoolee mula'atan keessaa tokkoodha.
Namni dhibee kaansariin qabame kamiyyuu sadarkaa ta'etti qaama gubaadhaaf saaxilamuun waan hin oolledha.
Addumatti ammoo dhibeen kaansarii ykn waldhaansi dhibichaa dandeettii dhibee ittisuu (immune system) miidhuu gaafa eegalu jechuudha.
Gama biraan ammoo qaama gubaan mallattoo kaansarii kan jalqabaas ta'uu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
3. Dadhabbii yeroo dheeraa
Dadhabbiin yeroo dheeraaf namarra turu mallattoo kaansarii ta'uu akka danda'u kaasu ogeeyyiin.
Kaansariiwwan akka kaansarii dhiigaa irratti mallattoon dadhabbii yeroo dheeraa gara jalqabaatti mul'achuu danda'a.
Kaansariin garaachaa fa'aa ammoo dhiigi akka hir'atu taasisa waan ta'eef kuni dadhabbiin yeroo dheeraa akka mudatu gochuu akka danda'a jedhama.

Madda suuraa, Getty Images
4. Jijjiirama gogaa qaamaa irratti mul'atu
Kaansarii gogaa dabalatee, gosoonni kaansarii biroos gogaa qaama namaarratti jijjiiramni akka mul'atu gochuu danda'u.
Jiijjiiramniwwan gogaa ittatti mul'achuu malan:
- Gogaan gurraacha'uu (hyperpigmentation)
- Gogaafi ijji bifa keelloo qabaachuu (juandice)
- Gogaan diimachuufi hooksisuu
- Rifeensi baay'ee guddachuu fa'aadha.
5. Bobbaa ykn hojiin hafuuffee fincaanirratti jijjiirama mul'atu
Bobbaa ykn hojii hafuuffee fincaanii irratti jijjiiramni mul'atu mallattoo kaansarii ta'uu mala.
Keessumaa yeroo dheeraa keessa gogi garaa, garaa kaasaa, ykn boca bobbaa irratti jijjiiramni mul'atu mallattoolee kaansarii namoonni iddoo itti hin kennine ta'uu malu.
Addumatti ammoo mallattoo kaansarii mar'umanii ta'uu akka danda'u kaasu ogeeyyiin.
Gama biraan ammoo dhukkubbiin yeroo fincaan fincaa'an namatti dhagahamu, dhiigi fincaan keessatti mul'atu ykn ammoo hojii hafuufffee fincaanii irratti jijjiiramni yoo jiraate kaansarii hafuuffee fincaanii ykn kaansarii qaama saalaa dhiiraa ta'uu danda'a.
Jijjiiramniwwan hafuuffee fincaanii irratti mul'atan ammaa amma fincaa'uu ykn fincaan xiqqaachuu fa'aa ta'uu danda'u.
6. Madaa hin fayyine
Madaawwan qaama namaarratti bahuun guddatan, dhukkubbii qaban ykn dhiigan mallattoo kaansarii akka ta'e namoonni heddu beekuu danda'u.
Garuu madaawwan osoo hin fayyin yeroo dheeraa turanis mallattoo dhibee kaansarii ta'uu waan danda'aniif xiyyeeffannuu itti kennuun barbaachisaa akka ta'e himu ogeeyyiin.
Afaan keessatti madaan nama bahee yeroo dheeraaf osoo hin fayyin kan turu yoo ta'e, kaansarii afaan keessaa ta'uu mala.
Afaan keessa madaan ykn rakkoon fayyaa osoo hin fooyya'in yeroo dheeraa turu yoo isin mudate ogeessa fayyaa ykn ogeessa ilkaanii bira deemuu qabdu jedhu ogeeyyiin.
Gama biraan qaama saalaa dhiiras ta'ee kan dubaraa irratti waanti akka madaa yo jiraate mallattoo jalqabbii kaansarii ta'uu mala.
7. Dhiiguu
Bobbaa keessatti dhiigi yoo mul'ateefi dhiigi bifa gurraacha'uu yoo qabaate, mallattoo dhibee kaansarii mar'umaan guddaa ykn mar'umaan xiqqaa ta'uu danda'a.
Kaansariin gadameessaas qaami saalaa dubartii akka dhiigu gochuu danda'a.
Fincan keessatti dhiigi yoo mul'ate, mallattoo kaansarii afuuffee fincaanii ykn kaansarii kalee ta'uu danda'a.
Gama biraan ammoo fiixeen harmaa yoo dhiige kaansarii harmaa ta'uu akka danda'u himu ogeeyyiin.















