Dubartiin tokko takkaatti daa'imman lakkuu meeqa dahuu dandeessi?

Madda suuraa, CHAD KEMPEL
Lammiin Maalii takkaatti daa'imman sagal dahuun addunyaa irratti nama takkaatti ijoollee baayyee horatte akka taate gabaafameera.
Itoophiyaa keessatti ammoo ijoollee sadiifi afur takkaatti dahanii guddisuun dinqisiisaa ta'us waan haaraa miti. Ofii dubartiin tokko takkaatti daa'imman meeqa dahuu dandeessi?
Hanga ammaattis dubartiin lammii Ameerikaa taate Nadiyaa Suleeman Ameerikaa keessatti bara 2009 daa'imman fayyaa saddeet takkaatti dahuun riikardii galmee ta'iiwwan dinqisiisoo (Guinness Book of World Records) qabattee akka jirtu USA Today barruun jedhamu gabaaseera.
Ergasii dubartiin lammii Malii tokko Mookootti daa'imman sagal nagaan deessee dhiyoo kana ammoo daa'imman hunduu nagaan waggaa tokkoffaa isaanii kabajaniiru.
Haliimaa Siissee haatii ganna 26 fayyaa gaariirra jirti jedhame. Abbaan daa'imman kanaa kan waraana Maalii keessatti ofiisara ta'an Abdelqaadir Arbiiy ''daa'imman hunduu daa'imaaa jiru. Kaan ni taa'u, waa qabataniis ni deemu'' jechuun BBC'tti himan.
Maatiin kun ijoollee sagal takkaatti argachuu dura mucaan takkittiin horatan ganna sadii guutteetti.
Daa'imman kun galmee ta'iiwwan dinqisiisoo (Guinness Book of World Records) hanga ammaatti daa'imman hedduu takkaatti dhalatan ta'uun rikoordii cabsaniiru.
Siisseen dahuu isheen dura waldhaansa olaanaa akka argattu gara Morokootti ergamte. Amma daa'imman kun hordoffii fayyaa narsoota irraa argachaa jiru. Nyaatni isaaniis ogeeyyii fayyaan kennamaafi jira.

Madda suuraa, Salum Arby
Itoophiyaa keessatti ta'iiwwan akka kanaa ilaalchisee odeeffannoo hanga ammaa sassaabneen dubartoota takkaatti lakkuu lama(ijoollee afur) dahan jiraachuu beekneerra. Kana jechuun garuu kanaa ol kan takkaatti dahan hin jiranii jechuu miti.
Torban lama dura naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa magalaa Muka Xurriitti haati tokko ijoollee lakkuu lama, dhiira lamaafi dubara lama nagaan dahuu isaanii Hospitalaa Muka Xurriitti meedikaal Daayireektara kan Dr Tsaggaayee Tasfaayee BBC'tti himanii turan.
Haatiifi daa'imman kun hordoffii fayyaa olaanaa waan barbaadaniif gara magaalaa Finfinneetti ergamuus Dr Tsaggaayeen himaniiru.
Daa'imman kunneen dhiira lamaafi dubara lama yeroo ta'an oogummaa fayyaan 'fraternal twins' jedhamu.
Barbaacha keenya haadha takkaatti daa'imman hedduu deesse itti fufnee waggaa jahaan dura magaalaa Adaamaattis haadha takkaatti daa'imman afur, dhiira lamaafi dubara lama deessee argannee dubbifneerra.
Aadde Raahel Kabbadaa dhiira lamaafi dubara lama dahuuf akka jedhan yeroo beekan amanuun itti ulfaatee qormaata keessa turan.
Ogeeyyiin fayyaa walhormaataa Itoophiyaa keessaa dubbifne hanga ammaa wanna addunyaarratti dhagahaniin cinatti Itoophiyaa keessatti haadha takkaaatti daa'imman afurii ol deesse akka hin dhageenye Dr Tsaggaayeeniifi Yunivarsiitii Jimmaatti ogeessa fayyaa kan ta'an Dr Damissoo Amanuu BBC'tti himaniiru.
Ofii carraan takkaatti daa'ima tokkoo ol godhachuu hangami?
Hoji gaggeessaan hospitaala Muka Xurrii Dr Tsaggaayee Tasfaayee takkaatti daa'imman sadiifi afur godhachuu Itoophiyaa keessatti akka waan addatti ilaalamaa jedhan. Hospitaala isaanii keessatti ta'iin kun dhagaahamee akka hin beekne dubbatan.
Dr Tsaggaayeen uumama keessa jiraatus carraan mudachuu isaa gargar ta'uu qo'annoolee hanga ammaatti godhaman waabeffachuun ibsu.
''Carraan lakkuu tokko garaatti baachuu gidduugaleessaan yoo xiqqate dubartoota ulfa 250 keessa tokko mudata, daa'imman sadii ammoo dubartoota ulfa 10,000 keessaa tokko mudata'' jedhan.
Carraan daa'imman sadii ol takkaatti dahuu dhiphachaa deema kan jedhan ogeessi kun ''daa'imman lakkuu afur takkaatti dahuu dubartoota ulfa 700,000 keessa tokko qofatu mudataa jedhan.

Madda suuraa, SHEGER INFO
Carraan kun gosa ulfaa irattis hundaa'a. Ulfa takkaatti ijoollee baayyee (multiple pregnancy) daa'iimman walfakkaatoo (identical wins) fi daa'imman walhinfakkaanne(fraternal twins) jedhamuunis gargari.
UK'tti daa'imman dhiiraa sadii takkaatti dhalatan waggaa tokkoffa isaanii ji'a darbe kabajatan. Carraan akka kanaa, jechuunis daa'imman saalaa fi waantoota kaaniinis walfakkaatoo (identical twins)miiliyoona 200 keessaa tokko qofa mudata jedhu ogeeyyiin.
Addunyaa irratti dhalli namaa takkaatti daa'ima hangam dahuu akka danda'u ifatti wanni ogeeyyiin lafa kaahan hin jiru.
Qorannoo hanga ammaatti jiruun daangaan dubartiin tokko yeroo tokkotti daa'imman dahuu dandeessu agarsiisu hin jiruu jedhu Dr Damissoon.
Takkaatti daa'imman tokkoo ol dahuun akkamiin uumama?
Seenaa maatii keessatti lakkuu dahuu, umrii soddomaa booda ulfaahuu fi waldhaansa daa'ima argachuuf godhamu, ulfa daa'imman tokkoo oliif sababootni hedduu jiran keessaa muraasa.
Akka qorannooleen agarsiisanitti Afrikaa-Ameerikanoonni gosa kaan caala carraa lakkuu dahuu guddaa qabu. Dubartootni adiin ganna 35 ol jiran ammoo takkaatti daa'imman sadiifi isaa ol dahuuf warra kaan caala carraa qabu.
Dr Damissoo Amanuu Hospitaala Yunivarsiitii Jimmaatti hakiima dhimma qaama walhormaataat(gyncology) uumamaan namni daa'ima tokko yeroo hedduu kan eeguuf yeroo hedduu dubartiin tokko Ovaariidhaan anqaaquu tokko qopheessitee sanyiin dhiiraa sana yeroo argatu uumamaa jedhu.
Kanaan dabalataan hanqaaquun tokko sanyii dhiiraan walqunnamee bakka lamaafi sadittis qoodamuun ammoo carraan lakkuu walfakkaatoo akka uumamu dubbatu.
Carraan inni biraan sababa adda addaatiin ovaariin ji'atti anqaaquu tokkoo ol omishee sanyii dhiiraatiin yeroo walargu daa'imman tokkoo ol uumamuu danda'uu jedhan.
''Inni kun dubartoota rakkina daa'ima godhachuu qabaniif waldhaansa fudhatan irratti baayyinaan mudata.''
Teeknolojiiwwan akka vitro fertilization (IVF) fi maloonni yaalaa biroon sirna anqaaquu omishuu Ovaarii si'eessuun anqaaquun heedduun akka omishaman godhu. Achi booda laabraatoorii keessatti sanyii dhiiraa waliin akka walargatu erga godhamee booda gadameessa haadhaa keessa kaahama.
Akka gidduugalli to'annoo dhibee US jedhutti ''Ameerikaa keessatti daa'imman sadiifi isaa ol dhalatan afur keessaa sadii yaala daa'imman gochuuf kennamee dhalatan'' jedha.

Madda suuraa, AMY KEMPEL
''Daa'imman tokkoo ol ykn lakkuu addunyaa irratti dhalatan keessaa dhibbeentaan 70 lakku wal hin fakkaanne(fraternal twins) dha. Kanarraa kan hafan garuu 'identical twins' dha'' jedhu Dr Damissoon.
Daa'imman lakkuu walfakkaatoo(identical twins) lakkoofsaan lamaa argachuuf carraan jiru xiqqaa ta'uu kan himan ogeessi kun, daa'imman akkasii qaamaan, ilaalchaan akkasumas gosa dhiigaan walfakkaatuu jedhu. ''Garuu ammoo takka takka walfakkaachuu duwwaan anqaaquu tokkorraa uumamuu hin agarsiisuu. saayinsiin inummaayyuu warra fraternal ta'antu irra qaamaan walfakkaata jedha.''
Ameerikaa keessa dahuumsi yeroo tokkotti daa'imman hedduu kan bara 1980 hanga 2009 dhibbeentaa 76'n dabaleera. Haata'u malee lakkoofsa daa'imman qeenxee ta'anii dhalatan waliin walbira yeroo qabamu dhiibbeentaa 3.5 qofadha.
Rakkoon fayyaa daa'imman lakkuu baayyee yeroo tokkotti dhalatan mudatan maali?
Daa'imman lakkuu tokko caala yeroo lakkoofsi daa'immanii hanguma dabaluun rakkoon fayyaa isaan mudatu akkaan dabaluu danda'a jedhu qorannooleen.
Daa'imman lakkuu lamaa olii yeroo baayyee osoo yeroon guddinaa gadameessa keessatti qaban hin xumuramiin dhalatu.
Daa'imman lakkuu afur kan magaalaa Adaamaatti dhalatiin waggaa jahaffaa kabajatan ji'a saddeettaffaa isaaniitti dhalachuu haatii isaanii aadde Raaheel BBC'tti himanii turan.
Hoji gaggeessaan Hospitaala Muka Xurrii Dr Tsaggaayeenis dubartiin torbanoota dura isaan biratti daa'imman lakkuu afur deesse osoo yeroon hin gahiin dhalachuu dubbataniiru.
Hakiimni Yunivarsiitii Jimmaa Dr Damissoo rakkoo ijoon daa'imman lakkuu baayyee yeroo tokkotti dhalatan mudatu kan yeroo malee dhalachuu wajjin walqabatu ta'uu dubbatu.
Barruun dhaabbata Joon Hopkiins daa'imman lakkuu dhalatan keessaa dhibbeentaan 60 osoo yeroon isaanii hin gahiin dhalatu jedha. Hanguma lakkoofsi micireen dhala namaa dabalu carraan guddina isaanii osoo hin fixiin dhalachuu akka dabalus ibsa. Kanaan walqabatees rakkoon fayyaa daa'imman dhalatan mudatu ni dabala.
Yeroo tokkotti daa'imman hedduu dahuu fayyaa haadhaafi daa'imman irratti miidhaa waan qabuuf, biyyoota ulfa baasuun hayyamamaa ta'e tokko tokko keessatti micireewwan afurii ol akka dhabamsiifaman gorfama.
Yeroo kun ta'uu garuu gadameessa keessatti miidhamuu, lubbuunis darbuu danda'u, haatis dhiibbaa dhiigaafi rakkoowwan walxaxoo akka uumus Dr Damissoon ni himu.
Daa'imman haala kanaan dhalatan qaamni isaanii xiqqoo ta'uu, rakkoo hargansuu qabachuu dhukkubootaaf saaxilamoo ta'uu.
Guddinni isaanii harkifachuu danda'a, dhibeewwan akka 'sepsis fi celebral palsy' jedhamu fa'aafis akkaan saaxilamuu jedhu qorannooleen.
Daa'imman sadiifi isaa ol gadameessa keessatti hordofuun rakkisaa waan ta'uuf yeroo baayyee daa'imman sadii ol ta'anii takkaatti dhalatan waldhaansa baqaqsanii waldhaanuun(caesarean section)akka dhalatanis dubbatu.















