Haadha miidhama qaamaa osoo qabduu takkaatti daa'imman afur deessee abbaa warraa malee guddiste

Aadde Raaheliifi daa'imman ishee afur takkaatti dhalatan

Madda suuraa, Sheger Info

Haati magaalaa Adaamaa keessatti daa'imman lakkuu lama (ijoollee afur) takkaatti deessee miidhama qaamaa osoo qabduu abbaa warraa fi firri hedduun bakka hin jirretti kophaa guddiste naannoo isheetti mallattoo jabinaa taateetti.

Waggaa jahan har'aa ijoolleen lakkuu lama magaalaa Adamaatti dhalatan amma fayyaa guutuudhaan waggaa jahaffaa isaanii qabataniiru.

Haati ijoollee kanaa Aadde Raahel Kabbadaa daa'imummaa isheetti kuftee miilla isheerra miidhaa qaamaa qaqqaberraa kan ka'e deeggarsa kiraanchiin sochooti.

Gaa'ila erga dhaabbattee booda abbaa warraa ishee waliin daa'ima jalqabaa yeroo eeganitti wanti amma dura maatii ishee keessatti ta'ee hin beekne, odeeffannoodhaanis dhageessee hin beekne isaan mudate.

Garaatti baachuu ishee erga bartee ji'a shanaffaarratti sababa hanqina maallaqaan hakiimni hordoffii ishee tolaan akka isa biratti hordoftu gargaareen qorannoo altiraasaawundii akka gootu gorsee ''bu'aan isaa guyyootaaf dubbachuu akkan hin dandeenye na godhee'' jechuun BBC'tti himte.

''Naasuurraa kan ka'e guyyootaa sadii moo afuriif afaankootii jecha baasuu dadhabeen ture. Dubbachuun dadhabe. Ijoollummaas waanin qabuuf amanee fudhachuun natti ulfaate.''

''Wanti ogeeyyiin fayyaa natti himan dhugaamoo abjuudha jedhee amanuun guyyoota natti fudhatee ture'' kan jettu Aadde Raahel, haalli fayyaa isheefi diinagdee isaanii akkamiin guddisuu dandeenya kan jedhurratti yaaddoo guddoo itti uumuu yaadatti.

Ijoolleen afranuu kan deesse waldhaansa baqaqsanii yaaluun ta'uufi dugdi ishee akka hadoodu godhamuurraa kan ka'e ijoolleen afran yeroo bahan sammuun ishee hanga ta'e dammaqee ta'iiwwan san hordofaa akka turte dubbatte. ''Ijoollees siistarittiin fiddee natti agarsiifti ture'' jetti.

''Daa'ima tokko dahanii guddisuun qormaata hedduu qaba. Yeroo dhalatanii qabee hanga ji'oota muraasaa halkan ka'anii hoosisuu, deeffachiisuu, raffisuun achiimmoo gaafa daa'imuu fi deemuu jalqaban wajjin fiiganii nyaachisuufi kunuunsuun nama qofaa guddisuuf qormaata.

''Qoramaata kana hunda keessa ammoo haati hanqina qaamaa yeroo qabaattu hangam akka cimu yaaduun hin ulfaatu. Rakkoo diinagdee fi sanirrattimmoo gaa'illi diigamuun yeroo itti dabalamu namni tokko sadarkaa baachuu danda'uun ol gara ta'uutti adeema.''

Haatii ijoollee afur takkaatti deessee guddiste kun qormaata kana hunda keessa dabarte.

Takka takka miira koon to'achuu dadhaba ture jette. Kana dura daa'ima deessee kan hin guddifne ta'uus wanna ishee mudate kana amantee fudhachuuf jalqaba rakkattus ''ergan of amansiisee fudhadhee garuu nan jabaadhe rabbis na gargaare'' jetti.

''Keessa koo amansiisuun yeroo natti fudhate. Ergan of amansiisee garuu waan hunda jabinaan keessa darbuu akkan qabu amaneen rabbis ogummaa isaan naa kenne.'' Wanti ulfaataan yeroo kennamu oogummaa wajjiin namaa kennama jetti.

''Humnan ittiin aannan bituuf hin qabu ture. Yeroo sanitti mana kiraan kaffalee jiraadha ture. Aannanicha mooqaan bakka buusee isa ganamaaf galgala ho'isaan guddise.''

Daa'imman ishee afran lakkuulee firaaternaal jedhama (kan anqaaquu adda addaarraa dhalatan) ta'uufi amalle isaaniifi gosti dhiigaa isaaniis adda adda ta'uu kan himtu Aadde Raahel, hedduu amala dhibu hin qaban turee jetti.

Ji'a saddeettaffaa irratti kan dhalatan ta'uus mucaa dubaraa tokko hanqina dhiigaa qabduun alatti hunduu fayyaa guutuu qabaachuun isaanii gammachuu akka kennuuf himti.

''Har'a maaliin kennaaf bor maalin nyaachisa yaaddoo jedhu malee amalli isaanii homaa na hin rakkifne.''

''Amma erga guddatanii naa yaadu yeroon waa hojjedhu harmee koo nuti haa guddannu malee siif hojjenna naan jedhu. Isaanitti gammachuu guddaan qaba.''

Akkamiin hoosisaa turte?

Daa'imman yeroo reefu dhalatan maatiin halkan hedduu hirriba malee dabarsuuf dirqamu. Haati daa'ima halkan ka'uun hoosisuu qabdi, achii deeffachiiftee deebistee raffisuuf dadhabbii qaba. Aadde Raahel halkan hirriba hin qabne hedduu dabarsuun ''akkuma jiruttuu jiraa'' jetti.

Waa'ee daa'imman afur hoosisuu yoo himtu, daa'imni tokko harma isa tokko hodhaa jira yeroo ta'u isa dabareen hodhanii inni tokko ammoo aannan isaa elmamee qodaatti kaahamee warri hodhaa hin jirre sadeen xuuxxoodhaan dhuguu himti.

''Galgala dhaqna isaanii dhiqee dugda isaanii sirriitti vaaziliiniin sukkumeen ho'iseen raffisa isaaniis akka gaariitti rafanii bulu'' jechuun halkan qormaatni hedduun akka ishee hin mudanne dubbatti.

Halkan akka tasaa yeroo ka'aniis xuuxxoo kenniteefi akka dafanii rafaniifi guyyaas hirriba hedduu akka rafan himte.

Daa'imummaatti moo erga jabaatanii guddisni isaanii cima?

Ijoolleen Aadde Raahel afran bara kana mana barnootaa galaniiru.

Aadde Raahel rakkoo dinagdee ishee furuuf miidhama osoo qabduu ijoollee kana erga deessees hojii adda addaa hojjettee galii ittiin jiraattu argachaa turte. Miidhamni ijoollumma kiraanchiin ishee deemsisuuf dirqama itti ta'e garuu ishee miidhaa akka jiru dubbatti.

Akkanumas ta'ee deeggarsa namootaas argachaa ijoolleen ishee wayita mana barnootaa galan kanatti galgala waan qooda laaqanaa isaanii keessa marsaa lama nyaatan ijoollee ishee lakkuu lamaaf qopheessiti.

Halkan sa'aa 11 fa'atti ammoo kaatee ho'istee qoqopheessitee ergiti.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Haadha hiyyeeyyii Dirree Dhawaa'

''Nyaati lamatu qophaa'aaf kan sa'aa afuritti nyaataniifi kan sa'aa laaqanaatti nyaatan. Ijoollee koo afraniifu lama laman qopheessaaf.''

''Hojii ittiin jiraannus osoo isaan hin deebi'iin daddafee xumureen gala'' kan jettu Aadde Raaheel, ''bakka haadhaas bakka abbaas bu'een guddifachaa jira'' jetti.

''Dhiibbaan jiru yeroo daa'imummaa isaaniirra amma erga of baranii ni hir'isa jetti. Daa'imummaatti itti himuun ni cima isaaniis hin hubatan amma garuu dubbiinis walii galla ergan itti himee booda ''akkasii harme tole' naan jedhu.''

''Amma jireenya koo guutuu isaaniif jiraadha. Gammachuun isaanii naa gammachiisa. Ani fayyaa hedduu hin qabu. Yoon har'a fayyaa bule boru nagaa koo miti. Garuu gammachuu isaaniin gammada'' jetti Aadde Raahel.

Jiraattotni naannoo ishee 'haala rakkisaa keessatti akkamiin ijoollee afur takkaatti deessee akka guddiste yeroo yaadan jabduudha ati' jedhanii akka ishee dinqisiifataniis Aadde Raahel miidiyaa biyya keessaa Sheger Info jedhamu waliin turtii yeroo taasistettis dubbatteetti.