'Maatiinkoo akka Tehiraanii baqatan amansiisuun dadhabe'

Parhaam Gobaadiin maatiin isaa magaalaa Tehiraan keessaa akka baqatan watwaataa ture

Madda suuraa, Parham Ghobadi

Ibsa waa'ee suuraa, Parhaam Gobaadiin maatiin isaa magaalaa Tehiraan keessaa akka baqatan watwaataa ture

Maatiinkoo akka mana isaanii dhiisanii baqatan amansiisuu hin dandeenye, Ripoortaroonni BBC waa'ee maatiisaanii Teehiraan jiranii yaaddoo qaban ibsu.

Gaazexeessaan BBC News Pershiyaa, Parhaam Gobaadi maatiisaa Magaala Tehiraan jiran mana isaanii dhiisanii akka baqatan amansiisuu akka hin dandeenye hima. Nageenya isaaniif jecha suurri maatiisaa gariin akka hin mul'anne ta'e.

Erga Doonaald Tiraamp jiraattonni hataattamaan magaala Tehiraan gadhiisanii akka bahan akeekkachiisaniin booda maatiikoo magaala keessaa miti, mana isaanii keessaa akka bahaniifuu hin amansiisne jedha gaazexeessaan kun.

Abbaankoo "umrii keenya kan rakkoo fayyaa hedduu qabnu kanatti daandii cuccufamaa kanarratti sa'aatii hedduu dhaabbannee sanboodammoo magaalota namni hedduun itti baqate keessatti hanqina waan fayyadamnuutin cinqamuu hin barbaannu. Kanaaf Tehiraan dhiisnee bahuun nuuf filannoo miti," naan jedhe jedha.

Haatikoos abbaankoos Dhibee Sukkaaraa qabu. Haatikoo ji'oota muraasaa asitti dhukkubni itti cimee manatti hafteetti. Bakkaa bakkatti kan sochootuyyuu gargaarsa namaatini.

Abbaankoos dhukkubni itti hammaatee waan jiruuf walitti fufiinsaan osoo hin dhaabbanne kan deemuu danda'u meetira kudhan qofa.

'Baqachuun hundaaf mijataa miti'

Osoo hin baqatin kan hafee jiru maatiikoo qofa miti.Dubartiin Iraan jirtu tokkos maatiinshee baqachuu akka hin barbaanne natti himteetti.

"Mana keenya keessatti kabajaan wareegamuu nuuf wayya malee baqannee baqataa ta'uu hin barbaannu.yoo manni keenya haleelamee barbadaa'e waliin barbadaa'uu nuuf wayya" jedhu jetti.

Dubartiin biraa Teehiraan keessa jirtu ammoo akkas jechuun magaala dhiisanii baqachuun salphaa akka hin taane dubbatti

"Ollaa qabna. Namoota dhukkuba waa dagachuu qaban, kanneen wiilcheriidhaan socho'anfaatu jiru. Kanaaf baqachuun akka jedhamu waan salpha amiti" jetti.

Nyaataa fi Boba'a hanqinatu jira

Namootni magaala Teehiraan keessaa baqachaa waan jiraniif daandiin cuccufamee jira.

Maashinoonni maallaqa namaaf baasan hedduun duwwaadha. Akka dubartiin magaala Teehiraan jirtu tokko jettutti, suuqii kudhan keessaa tokkotu banaa ta'ee argama.

Magaalaa Tehiraan keessa daandiin konkolaataan guutameera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Tehiraan keessa daandiin konkolaataan guutameera

Jiraataan magaala Teehiraan tokko gamoo isaanii bishaan akka hin qabne natti hime. Ujummoon bishaan gara gamoo isaanii geessu jalqaba haleellaa irratti dhoohee eegasii namni suphu hin argamne.

"Ijoollee bakka nageenya fooyyee qabutti ergine. Nageenya gamoo keenyaa fi adurreewwan magaala keessa jiran kanaaf jecha Nuti garuu asuma turre" jechuun dubbata.

Adurreen isaan jedhan adurroota hedduu daandii magaala Teehiraan irra jiraatanii fi jiraattotaan kunuunfamani.

Magaalli Tehiraan Kaaffee fi Muuziyeemii Adurrootaa 'Meowseum' jedhamuu fi adurroota daandirra jiraatan hedduu qabaachuun beekamti.

Daandiin cufamuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Teehiraan bakka uummanni hedduu baay'innisaa hamma baayina uummata waliigala Israa'eel gahu keessa jiraatu. Uummata hanga kana baay'atu bakka daandiin cuccufamee fi hanqinni boba'aa jirutti baqachiisuun hangam akka ufaatu yaaduun ni danda'ama.

Konkolaachisaan hundi guyyaatti Boba'a liitira 25 qofa akka warabbatutu heeyyamamaaf. Kanneen magaala gadhiisanii bahaa jiran ammoo sa'aatiiwwaniif karaarratti danqamanii dhaabatu.

Kanneen baqachaa jiran tokko tokko daandii walakkaarra osoo jiranii boba'aan isaan jalaa dhumuu natti himan.

Hedduun isaanii kutaa Kaaba biyyattii Mandaranii fi Gilan jedhamanitti baqachaa jiru.

Daandiin yeroo kaan konkolaataan imaluuf sa'aatii sadii yookan afur namatti fudhatu amma sa'aatii 12 yookan guyyoota fudhachaa jira.

"Guyyoota darban kana haala danqama daandii iyyaafachaatuma turre. Yeroo daandiin fooyyee qabutti deemuuf yaannee ture. Garuu dhumarratti daandii cuccufamaa keessatti danqamnee hafne" jedha jiraataan tokko.

"Qilleensi garmalee hoo'aadha. Bakka boba'aan hanqinni jiru kanatti konkolaataa keessatti waan qilleensa qabbaneessu fayyadamuun hin yaadamu. Buufataaleen boba'aa hundi hiriira kiiloomeetiraan dheeratu qabu" jedha.

Haleellaa Israa'el miidiyaa Iraanirratti raawwattee booda aara fagoodhaa mul'atu

Madda suuraa, MINA / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'el miidiyaa Iraanirratti raawwattee booda aara fagoodhaa mul'atu

Kanneen bakka itti baqachaa jiran gahanis rakkoo haaraa keessumeessuu jalqabu. Mana kireeffachuuf manni gahaan hin jiru. Gatiin nyaataa samii tuqeera. Taaksiin namoota geejjibsiisuuf gatii guddaa gaafatu.

Gaafa duune, *"Nuti itti himee turre" jechuu barbaadu

Lammiileen Iraan hedduun cunqursaa waggootaaf jala turaniin booda halkan tokkotti waraana walakkaatti akka of argan dubbatu.

Jiraataan Magaala Teehiraan kan manasaatii godaanuu hin barbaanne akkas jechuun BBC Pershiyaatti hime " Neetaanahuu fi Israa'eelis ta'e, warri Ripaabliika Islaamaa kan dhimma keenya qabu hin jiru" jedha.

"Mootummaa abbaa irree waa'een uummatasaa isa hin cinqinee fi warra boombii misaa'elaatiin nu haleelu gidduutti danqamnee jirra" jechuun dubartiin tokko dubbatti.

Akka isheen jettutti ergaan Doonaald Tiraamp kan Magaala Teehiraan dhiisaa bahaa jedhan dhumaatii namoota nagaatiif sababa qopheeffachuudha.

Dubartiin kuni Tiraampiif ergaan qaba jechuun akkas jette "Ofii kutaa addunyaa biraa taa'anii Teehiraan dhiisaa bahaa yoo jettu maal jechuudha? Gaafa nuti dhumne 'ani itti himeen ture' jechuufii?"