Al-Sharaa: US shororkeessaa jettee nama barbaadaa turte kabajaan Waayit Haawisutti affeerte

Madda suuraa, Reuters
Prezdaantiin Sooriyaa Ahmed al-Sharaa daawwannaa hojii seena qabeessa ta'eef Ameerikaa Washiingitan ga'eera.
Kunis erga Ameerikaan maqaa isaa tarree shororkeessitoota keessaa haqxee guyyaa lama qofa booda.
Hidhattoota Islaamummaa duraanii kan gamtaan finciltootaa mootumma Bashaar al-Asaad aangoorraa buusuuf hundaa'e hogganuun aangoorraa kan hari'e gareen kun Ameerikaa dabalatee biyyoota hedduutu garee shororkeessaatti ramade
Yeroo sanatti Ameerikaan nama odeeffannoo Al Shaaraa kenneef badhaasa doolaara miiliyoona 10 dhiheessitee turte.
Boodarra garuu Pirezidaantii Sooriyaa Bashar al-Asad aangoo irraa hari'uun ofii angotti ba'e. Ameerikaanis tibbna maqaa isaa tarree shororkeessitootaa keessa haqaxe
Al-Sharaa Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin Wixata dhufu Waayit Haawusitti wal arguuf kan beellamame yoo ta'u, erga bara 1946 biyyattiin walabummaa argatte booda pirezidaantiin Sooriyaa daawwannaa gosa kanaa isa jalqabaati.
Al-Sharaa jalqaba Tiraampiin kan wal argan magaalaa guddoo Sa'uudii Riyaad keessatti daawwannaa prezidaantiin Ameerikaa baatii Caamsaa keessa taasisaniin ture.
Magaalaa guddoo Ameerikaa ga'uu isaa sa'aatii muraasa dura tajaajilli nageenyaa Sooriyaa miseensota garee Islaamummaa jedhamu keessatti shakkaman kudhanootaan lakkaa'aman to'annaa jala oolchuu beeksiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Marii Al-Sharaan Tiraamp waliin taasisuu rakkoo garee kana waliin jiru furuuf tattaaffiin waloo taasifamu ajandaa olaanaa ta'a jedhamee eegama.
Maddi dippilomaasii Sooriyaa AFPtti akka himetti, Ameerikaan buufata waraanaa naannoo Damaasqootti hundeessuuf karoorfattee jirti, kunis Baha giddu galeessaa keessatti ''gargaarsa namoomaa qindeessuu, guddina Sooriyaa fi Israa'el gidduu jiru hordofuuf'' akka ta'e ibsameera.
Akka maddeen dhimmicha beekan kanaan dura Rooyitarsiif mirkaneessaniittis, Waashingitan waliigaltee nageenyaa giddu seentummaa Ameerikaan Sooriyaa fi Israa'el gidduutti akka taasifamu haala mijeessuuf loltoota buufata xiyyaaraa Damaasqootti bobbaasuuf qophaa'aa jirti.
Tiraamp fi al-Sharaan marii kallattiin aangawoota Sooriyaa fi Israa'el gidduutti taasifamu irrattis mari'achuuf beellama qabu.
Ji'a Caamsaa keessa Tiraamp prezidaantiin Sooriyaa waliigaltee Abrahaam akka makaman gaafataniiru. Waliigalteen kun adeemsa biyyoonni Arabaa hedduun erga bara 2020ti hariiroo Israa'el waliin qaban idileessuuf taasisaniidha.

Madda suuraa, Reuters
Daawwannaan Al-Sharaan Ameerikaatti taasise kun yeroo biyyatti keessatti duulli garee Islaamummaa irratti guutuu biyyattii keessatti raawwatamuu eegaletti ta'uu dubbi himaan Ministeera Biyya Keessaa Siiriyaa Nohureddine al-Baba kan himan.
Humnoonni nageenyaa Sooriyaa sakatta'iinsa addaa 61 raawwachuu, hoggantootaa fi miseensota garichaa dabalatee namoota dhuunfaa 71 to'annaa jala oolcheera jedhan.
Al-Sharaa daawwannaa Waashingitanitti taasisaniin, Sooriyaa kan waraana biyya keessaa waggoota 13 booda qormaata deebisanii ijaaruu guddaa ishee mudateef deeggarsa maallaqa ni gaafatas jedhamee eegama.
Ji'a Waxabajjii keessa Baankiin Addunyaa baasii Sooriyaa deebisanii ijaaruuf bahu doolaara biiliyoona 216 ol akka ta'u tilmaameera.
Dawwannaan Al-Sharaa kun erga Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Jimaata darbe tarree shoroorkeessitootaa keessaa isa haquuf murteessee boodadha.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Tommi Pigot akka jedhanitti mootummaan al-Sharaa gaaffii U.S. kan akka lammiilee Ameerikaa dhabaman barbaaduufi meeshaalee keemikaalaa hawwalamee hafe kamiyyuu dhabamsiisuu hojjataa jira.
Bigot itti dabaluudhaan, "Tarkaanfiiwwan kun kan fudhataman guddina hoggansi Sooriyaa erga Bashar al-Asad aangorraa bu'ee booda agarsiisaniif beekamtii kennuudhaafi."
Dubbi himaan kun itti dabaluudhaan Ameerikaan maqaa kana tarree kana keessaa baasuun ishee ''nageenyaa fi tasgabbii naannoo, akkasumas adeemsa siyaasaa bal'aa Sooriyaan durfamu guddisa'' jedhan.
Tarkaanfiin Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kun kan fudhatame erga Waashingitan Kamisa darbe Mana Maree Nageenyaa keessatti sagalee kennuudhaan maqaa Ahmed al-Sharaa tarree qoqqobbii garee Islaamummaa fi Al-Qaayidaa irratti kaa'ame keessaa akka haqamu murteessen booda.
Al-Sharaa waggoota kurnan darban keessatti pirezidaantii Sooriyaa jalqabaa ta'uun isaanii Adoolessa darbe daawwannaa seena qabeessa ta'een Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti haasawa taasisani.
Sochiin dhiheenya kana mootummaan Sooriyaa waltajjii addunyaa irratti raawwatte, kun waggoota kurnan lamaan darbaniif moggatti dhiibamuu biyyattii yeroo pirezidaantii duraanii Bashar al-Asad jalatti irra gahe booda, hawaasa addunyaa keessatti makamuuf gahee cimaa hogganichi taphateen akka ta'etti ilaalama.















