Israa'eliifi Sooriyaan dhiibbaa UStiin waliigaltee nageenyaarra gahuuf jedhu

Madda suuraa, Reuters
Dhiibbaa US gochaa jirtuun Israa'eliifi Sooriyaa gidduu diinummaan barootaa qabbanaa'ee waliigalteen nageenyaa ni mallattaa'a abdiin jedhu uumamaa jira.
Kuni ammoo bulchiinsa Sooriyaa haaraaf carraa guddaadha- lafa Israa'el yeroo dhiyoo as humnaan irraa fudhatte kan deebisuuf ta'uu mala.
Tattaaffii US gochaa jirtuun biyyoonni lamaan kun waliigaltee nageenyaa ni mallatteessu jedhamee abdiin jiraatus, waliigalteen nagaa waarawaa ta'e yeroo gabaabatti ni jiraata jedhamee akka hin eegamne ibsa Rooyitars maddeen waabeffachuun xinxaala barreesseen.
Yaa'ii Waliigalaa UN dhuma ji'a Fulbaanaa kana Niwu Yoorkitti gaggeeffamu dura Sooriyaafi Israa'el waliigaltee nageenyaa taasisuuf akka hojjataniifi yaa'ii kanarratti Tiraamp milkaa'ina guddaa argamsiisuu gaggeessitoota addunyaatti himuuf akka jedhan maddeenirraa argadhe jechuun Rooyitars gabaase.
Biyyoonni lamaan ifatti ibsuu baatanis ji'ootaf marii gaggeessaa turuutu gabaafame.
Rooyitars maddeen waa'ee marii Israa'elifi Sooriyaan gaggeessaa turanii sirriitti keessa beekan sagaliifi qondaalota Israa'el waabeffachuun akka gabaasetti, maricharratti yaada Sooriyaan dhiyeessite keessaa Israa'el lafa erga bulchiinsi Asaad kufee qabatte guutummaaan gadi dhiistee akka baatudha.
Gama biraan ammoo waliigalteen Israa'elifi Sooriyaan bara 1974 naannoo waraanarraa bilisaa daangaa irra akka jiraatuf waliigalanii turan akka kabaju bulchiinsi Sooriyaa haaran aangoo qabate ibseera.
Akka gabaasa Rooyitars kanaatti, mariin Israa'elifi Sooriyaa dhimma Gaarren Goolaan kan Israa'el bara 1967tti Sooriyaa irraa fudhatte akka ajandaatti hin kaane.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el bara 1948tti erga hundooftee kaasee biyyoonni lamaanuu sadarkaa yaadatti waraana keessa jiru.
Yeroo garaa garaatti walitti duulanii waraana gaggeessaniiru. Garuu waraana Yoom Kippuur (The October War) jedhamuun beekamuufi bara 1973tti gaggeeffameen Sooriyaan mo'amuurraa kan ka'e waliigaleen dhukaasa dhaabuu mallatta'ee ture.
Ji'ootaan dura bulchiinsi Asaad Sooriyaa waggoota hedduuf bitee ture hidhattootaan aangorraa kaafamuu hordofee, Israa'el waliigaltee bara 1974 cabsuun daangaa Sooriyaa hanga magaalaa Damaasqoo irraa 12km fagaatutti qabatte. Buufataalee waraanaa Sooriyaan mancaaste.
Mootummaan Asaad kufuufi biyyattii keessa amma mootummaan cimaan jiraachuu dhabuu akka carraatti fayyadamuun marii Sooriyaa waliin gaggeeffamaa ture irratti fedhii cimaa agarsiisaa hin turre jedhama.
"Sooriyaan waliigaltee nageenyaa akka milkeessitu US dhiibbaa gochaa jirti- Tiraamp kana akka milkaa'ina isaatti ilaala," jedha maddeen nageenya Israa'eel keessaa tokko Rooyitarsitti akka himetti.
Bulchiinsi Tiraamp Baha Giddu Galeessatti akka qaama karaa dippilomaasiin rakkoo furuufi milkaa'inaatti lakkaa'achuu barbaadu ta'uus himu maddeen kun.
Akka gabaasa kanaatti Israa'el Sooriyaa wajjin nagaa buusuf waan kennitu baay'ee hin qabdu.
Marii wal-amantaan baay'een hin irraa hin mul'anne
Israa'el mootummaa Sooriyaa hidhattoota kanaan dura garee ISIS waliin hidhata qabu turan irraa amantaa cimaa hin qabdu. US garuu biyyoonni lamaan marii akka taasisan jajjabeessuun, Sooriyaan qaama sagantaa Tiraamp beeksisee ture Abraham's Accord akka taatu barbaaddi.
Biyyoonni lamaan ji'a Eblaa keessa Abu Daabitti wal-qunnamuu eegalan. Sana booda Azarbaajaanitti marii akka itti fufan ragaaleen ni ibsu.
Mariin Azarbaajaanitti gaggeeffamee guyyoota muraasa booda walitti bu'iinsa gosaa kibba biyyattii magaalaa Suweeyidaatti mudate tasgabbeessuuf loltoota gaafa bobbaastu Israa'el haleellaa eegalte.
Humnoonni Sooriyaa achitti bobba'uun waliigaltee naannoo waraana irraa bilisaa kanaan dura ture kan cabsuudha jechuun waajjira muummee Ministiira Ittisaa Sooriyaa dabalatee bakkeewwan heddu haleelte.
Boodarra US gidduu galuun Israa'el haleellaa akka dhaabdu godhamee mariin biyyoota lamanii ji'a tokko booda Faransaayitti itti fufe.
Marii Paaris booda, Israa'el wajjin marii gaggeessuu Sooriyaan ifatti beeksifte. Haa ta'u malee, miirri biyyoonni lamaanuu wal-tajjii mariiwwan gaggeessanii irraa mul'atu wal-amantaan baay'een kan irraa mul'atuu miti.
Bakka bu'oonni maricharratti dhiyaatan adeemsi marii akka kanaan dura Masiriifi Israa'el gidduutti gaggeeffamuun boodarra waliigaltee nagaa waaraa buuse ta'e akka fakkaatu barbaadu- marii toora tooran gaggeeffamu.
Masiriifi Israa'el adeemsa keessa walamantaa uuumun bara 1980tti Masriin Israa'eliif beekamtii kennuun, Israa'el Gammoojjii Siinaa Masiriif deebiste.
Maddeen Rooyitars dubbise akka jedhanitti, Israa'el marii yeroo dheeraa keessatti iyyuu Gaarren Goolaan deebistee Sooriyaaf kennuuf fedhii hin agarsiisne. Sooriyaa wajjin nagaa buusuf yaadi Israa'el dhiyeessite, humnootashee Kibba Sooriyaa keessaa akka baatudha.
Sooriyaan Israa'el wajjin walitti dhufeenya uumuf jecha Gaarren Goolaan dabarsitee Israa'eliif dhiisun bulchiinsa Pirezidaant Al-Shaaraaf kufaatii ta'a.
Haalaa qabatamaa amma lafa jiruun Sooriyaan humna jabaa Israa'el dura dhaabbatu hin qabdu. Gama biraan ammoo Israa'el wajjin waliigaltee gochuun Israa'el rakkoo garaa garaa keessoo biyyattii keessa jiru akka carraatti akka itti hin fayyadamne gochuu barbaaddi.
Bulchiinsi Sooriyaa haaraa hundaa'e lammiilee biyyattii waraana waliinii yeroo dheeratiin gargar hirame deebisee ijaaruuf akkasumas diinagdee kufe bayyanachiisuuf nagaarratti xiyyeeffatee hojjachuu ni barbaada.
Biyyoonni lixaa michuu Israa'el ta'an kan akka US fa'aas Sooriyaan Israa'el wajjin nagaa akka buustuuf dhiibbaa gochaa jiru. Mootummaan Sooriyaa haaraa hundaa'es biyyoota lixaa biratti beekamtii argachuufi deeggarsa isaanii argachuu ni barbaada.
Kana gochuuf Israa'eliif Gaarren Goolaan dhiisaa? Israa'eliif beekamtii ni kennaa? Israa'el kibba Sooriyaa keessaa loltootashee ni baasti moo ni dhiisti kan jedhu ammayyuu dubbii dhuma hin arganneedha.












