'Namoonni butaman akka gadi hin dhiifamneef Netaaniyaahutu danqe'

Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Namoonni butamanii Gaazaa jiran akka hin deebine danqaa cimaa kan ta'e Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ta'uu himatu maatiin namoota butamanii.

Maatiin namoota butamanii Gaazaa jiranii yeroo garaa garaatti hiriira bahuun bulchiinsi Netaaniyaahuu Hamaas waliin waliigalteerra gahuun namoota kanneen akka gadi dhiisisuuf gaafataa turan. Ammas ittuma jiru.

Netaaniyaahuun garuu waliigaltee gochuun namoota butaman gadi lakkisiisuu irra danqaa ta'eera jechuun himatu.

Dhaabbanni Hostages and Missing Families Forum jedhamu akka beeksisetti, Israa'el hoggantoota Hamaas Kaataar jiran irratti haleellaa gaggeessuunshee waliigalteen akka hin jiraannef Netaaniyaahuun danqaa ta'uu kan agarsiisudha.

"Waliigalteerra gahamuutti gaafa dhiyaatu, Netaaniyaahuun [yeroo hunda] ni danqa," jechuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti barreesse garichi.

Netaaniyaahuun garuu gaggeessitoonni Hamaas Kaataar jiran waraanni Gaazaa akka hin dhaabbanneefi namoonni butaman gadi hin lakkifamniif dubbii lafarra harkisu jechuun haleellaa irratti gaggeessuun murteessaa akka ta'e kaleessa, Fulbaana 13 ibse.

Haleellaa humni qilleensaa biyyattii gaggeessenis gaggeessitota Hamaas keessaa shan yoo ajjeefaman kaan lubbuun oolun himame.

Tarkaanfii bulchiinsi Netaaniyaahuu Kaataar keessatti qondaalota olaanaa Hamaas iratti fudhachuu hordofee Baha Giddu Galaatti muddamni bifa haaran dhalachuu mala sodaan jedhu uumameera.

US biyyoota lamaanifuu: Israa'elifii Kaataariif michuu jabduudha. Dubbichi akka hin hammaaneef Ministiirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo garas imalanii jiru.

Maatiin namoota butamanii garuu Netaaniyaahuun Kaatar keessatti haleellaa gaggeessuf sababni inni dhiyeesse, namoota butaman deebisuu waan dadhabeef sababa dubbii ofirra dabarsuuf akka ta'e himatu.

"Kaataar keessatti haleellaa gaggeessuun shakkii tokko malee kan namatti agarsiisu namoota butaman 48 deebisuuf danqaan jiraachudha- danqaan sunis Ministiira Muummee Netaaniyaahudha," jechuun aangotti cichee hafuuf yeroo bitachuuf kana akka godhu himu maatiin namoota butamanii.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maarkoo Ruubiyoo yeroo kaleessa, Fulbaana 13 osoo Israa'el gahin dura ibsa kenneen, haleellaa Israa'el Kaataar keessatti gaggeessitetti Pirezidaant Donaald Tiraamp akka hin gammanne ibsuun garuu walitti dhufeenyi US-Israa'el ammayyuu cimaa ta'uu dubbatan.

"Dhugaa dubbachuuf waa'ee haleellichaatti gammachuu hin qabnu, pirezidaantiin [Tiraamp] itti hin gammanne. [Kan darbe darbeera waan ta'eef] gara duraatti tarkaanfachuu qabna," jedhan Maarkoo Ruubiyoon.

Haleellaan Israa'el Kaataar irratti gaggeessite walitti dhufeenya Kaataarifi US wal-xaxaa taasisaa? jedhamanii yoo gaafataman, "[Kaatar] gama hedduun michuu keenya gaaridha," jechuun deebisan.

US Baha Giddu Galaatti buufata humna qilleensaa isa guddaa ta'e Kaataar keessaa qabdi.

Israa'el haleellaa qondaalota Hamaas magaalaa Dohaa keessa buufatan irratti gageessuu hordofee, Kaataar haleellaa "maal na dhibdee" fi "seera idila addunyaa cabse" jechuun Israa'el balaaleffatte.

Netaaniyaahuun ammoo qodaalonni Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti gaggeeffame qindeessaniifi dursan Kaataar keessa buufachuu ibsuun, haleellaa irratti fudhachuun sirrii akka ta'e falma.