Huummoo fi allaattiiwwan kaan afoola Oromoo waliin hidhata akkamii qabu?

Huummoo raacha nyaatu

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Hirphaa Gammachuu
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo irraa

Huummoon allaatti gurraacha guddaa wayita aadu sagaleen isaa halaalarraa dhaga’amu.

Hawaasa biratti kaan huummoo akka raagduu roobaatti ilaalu, yoo aadu bokkaatu rooba jedhanii amanu.

Gariin ammoo huummoo cimdiin adeemu gidduu qaxxaamuruun nama duroomsa jedhanii amanu.

Allaattiin gurraachi guddaan kun akka milkii gaarii qabutti ilaalama.

Allattiin kun garuu halaalatti namarraa dheessa.

Milkii gaarii ykn badaa qabaachuusaas waanti qabatamaan mirkana'e dhabamus, afoola Oromoo keeessatti maqaan allaattii kanaa irra deddeebi’ee kaafama.

Huummoo

Madda suuraa, Getty Images

Huummoon hidhata afoola Oromoo waliin qabu

Huummoo wal-dhuungatu

Madda suuraa, Getty Images

Obbo Addisuu Asaffaa waraqaa qorannoosaanii barruu 'sciencedirect' irratti bara 2021 maxxanfame keessatti mammaaksa fi jechamoota Afaaan Oromoo maqaa huummoo kaasanii fi hiikasaanii barreessan.

Jaarsi dulloome ''kanarra huummoo ta’uu kooti'' yoo jedhe hiika qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaladhee guddannaan niitii fuudhuu kooti—suubboo ta’uu kootii; Dulloomee ofdadhabnaan aadaa deemuu kootii—Huummoo ta’uu kootii” jedhama.

Kana kan jedhan namoota umrii maanguddummaa keessa jiran ta'uu eeruun, dulluma keessa deeggarsi akka isaan barbaachisu akeekuuf kana jedhama.

Mammaaksa biroo keessatti ‘Hurunguun farra aaddi, huummoon dhukkuba aaddi jedhama.

'‘Hurunguun farra aaddi, huummoon dhukkuba aaddii, Dhukkubooftuun abbaa warraa, dubbii ganama darbe galgala teessee aaddi'’ jedhama.

Hawaasa keessatti hurunguun aadduu ykn sagalee dhageessistu ''du’a farristi'' jedhamee amanama.

Allaattiiwwan gargaartummaa qaban kana walbira qabuun abbaa warraa rakkoo qaba jedhamee yaadamu fi haadha warraasaa waliin waldhabee qeequuf akka jedhamu barreesse Obbo Addisuun.

Keessattuu namoonni waanta yeroon sirreessuun barbaachisu osoo yeroon itti hin darbin sirreessuun akka barbaachisu ittiin gorsuuf akka jedhamu ibsan.

Kana qofaa miti, namoonni mufii isaanii gabaabsanii nama biroof ibsuuf yeroo barbaadan ''Muu jetti huummoon,'' jedhanii mammaaku.

Mammaaksi waan tokkotti quufu dadhabuu ykn gammaduu dhabu agarsiisa.

Obbo Addisuun waraqaa qorannoo keessatti mammaaksa huummootti hidhata qaban barreessan kana keessatti ''Huummoon lafa hin teessu, muka gubbaa malee Ijoolleen hin beektu, nama guddaa malee,'' jechuun daa'imman maanguddootarraa akka baratan ittiin gorsuuf, akkasuma maanguddoonnis akka waan beekan ijoolleetti himan jajjabeessuuf jedhama jedhe.

Tapha ijoollee keessattillee maqaa allaattii kanaa ni kaafama.

Allaattii rooba waamu

Huummoon Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraan gadi jiran biroo keessattillee ni argama.

Warra Zimbaabwee biratti allaattiin kun bokkaan akka roobuuf aada jedhamee amanama.

Aadaa biyyoota Afrikaa biroo keessattiis ''allaatti rooba waamu'' jedhamee beekama.

Kanarraa ka'uun Zimbaabweetti huummoon wayita du'u namoonni walitti qabamanii akkuma dhala namatti gaggeessanillee jiru.

Allaattiin kun umriin dheertu jiraatas, akka ragaaleen agarsiisanitti waggoota 50-70 akka dacheerra jiraata.

Allaattiin kun gareen kan jiraatu yoo ta'uu, biyyoota gamoojjii Sahaaraan gadii keessatti miidhaaf saaxilamaadha.

Huummoon tokko guyyaatti hanga 11km ol guyyaa guyyaatti soorata barbaacha adeema jedha odeeffannoo jaarmiyaa' Smithsonian's National Zoo and conservation' jedhamurratti maxxanfame.

Allaattiin bofa, lootuuf korophisa dabalatee lubbuu qabeenyi xixiqqoo soorachuun jiraata.