Waayyuu Guutoo - simbira Booranatti qofaa argamtu beektuu?

Madda suuraa, Fanis Theofanopoulos
Hawaasni Booranaa simbira naannoosaaniitti qofaa argamtu kana, "Waayyuu Guutoo'' jedhee waama. Maqaan saayinsaawaan simbira kanaaf moggaafame ammoo Piriins Rispoli Turaakoo yoo ta'u, seenaa adda ta'e qaba.
Piriins Rispoolis maqaa nama bara 1890 keessa waa'ee sanyii lubbu-qabeeyyii qorachuuf Itoophiyaa seeneefi gara biyya dhalootasaa Xaaliyaanitti otoo deebi'uuf jedhuu naannoo Hora Abbayyaatti arbi dhaanee ajjeesedha. Maqaan simbira kanaas kan moggaafame maqaa qorataa kanaan akka ta'e ragaaleen ni mul'isu.
Boorsaan ykn shaanxaan isaa gara Xaaliyaanii wayita gahutti simbirroo miidhagduu eegee dheeraa qabdu keessatti argamuutu himama.
Yaadannoosaaf jecha maqaasaatiin sanyiin simbirroo kun moggaafamte.
Maalummaa simbira Oromiyaa keessatti qofaa argamtu kana Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosona Oromiyaatti ogeessa bineensota bosonaa kan ta'an Obbo Cammaraa Zawudee BBCtti himaniiru.
Sanyiin simbira Turaakoo gosa sadii kan qabdu yoo ta'u, gosti simbirroo miidhagduu kanaa Oromiyaa, Boorana naannoo Areeroo lafa bal'ina km2 600 ta'u keessatti argamtii jedhan.
Kanatti dabaluun akka ibsanitti, simbirroonni hawaasni naannoo maqaasaanii, ''Raareefi Qaaqaa'' jedhanii waaman Itoophiyaa qofa keessatti kanneen argaman yoo ta'u, godina Boorana keessatti ni argamuu jedhan Obbo Cammaraan.
Simbirri kun bosona uumamaa Areeroo keessatti kan argamtu wayita ta'u, bakkichi Paarkii Biyyaalessaa Booranaatiin alatti argama jedhan.
Simbirri kun halluu adda addaa kan qabduufi iddoo tokkichatti daangoftee jiraatti jedhan.
Simbirroo bifaan miidhagduu taate Piriins Rispolis Turaakoon, simbirroota sanyiin isaanii akka hin badne yaadda'amu keessaalle jirti.
Qabeenya simbirrootaan kan badhaate -Oromiyaa
Itoophiyaan qabeenya simbirrootan beekamtuu yoo taatu, harki caalan sanyii simbirroota kanaa Oromiyaa keessaatti argamu.
Akka Obbo Cammaraan jedhanitti yoo ta'e, gosoota simbirroota Itoophiyaatti argaman keessaa %90'n Oromiyaa keessatti argamu.
Simbirroota 18 Itoophiyaa qofa keessatti argaman keessa 16 Oromiyaa keessa jiraatu.
Simbirroota kana keessaa afur Booranatti simbirrootaa sanyiin isaanii baduuf saaxilamaa jiran keessatti ramadamu jedhan Obbo Cammaraan.
Walumaagalatti gosoota bineensa bosonaa 320 biyyattii keessatti argaman keessaa %80 kan ta'an naannoo Oromiyaa keessatti argamu.
Isaan keessaa akka addunyaatti akaakuun 28 Oromiyaa keessatti qofa kan argaman ta'uusaanii ogeessi dhaabbata bosonaafi bineensa bosonaa Oromiyaa Obbo Cammaraa Zawudee eeraniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Akka hin badneef maaltu hojjatamuu qaba?
Obbo Cammaraan akka ibsanitti, sirnaakkoon naannichaa badiirraa eeguun simbirroota kana badiirra akka hambisutti lakkaa'u.
Egeree simbira kana eeguufi bosona uumamaa iddoo jiraattu balaa ibiddaafi qonnaaf akka hin oolfamne eeguun fala sirriidha jedhan.
Lakkoofsi simbirroota kanaa meeqa akka ta'an tilmaamuun alatti ragaa quubsaa qabatamaa akka hin qabne dubbatu Obbo Cammaraan.
''Simbirri kun iddoo murtaa'e qofaatti waan argamtuuf dhibeef yoo saaxilamte baduu dandeessi'' jedhan.
Bosona simbirri kun keessa jiraattu eeguun alatti kunuunsi simbira kanaaf addatti yeroo ammaatti godhamu akka hin jirre dubbatan.
Obbo Cammaraan akka jedhatti, turistoonni kutaalee addunyaa gargaararraa Itoophiyaa seenaa turan simbirroo kana dhaqanii dawwataa turan.
Hawaasni naannoos simbira kana beeka, turistoota daawwataniirra bu'aa argatu jedhan.
Kanaaf, hawaasni naannoo simbirri kun akka eegamtu tumsaa qab jedhan.

Madda suuraa, Fanis Theofanopoulos
Simbirroo kana dabalatee, bineensota bosonaa kan kunuunsinu ykn eegumsa taasifnuuf waan miidhaganiif ykn uumama waan ta'aniif qofa miti kan jedhan Obbo Cammaraan, "Jiraachuufi jiraachuu dhabuu dhala namaatiif barbaachisoodha," jedhan.
Bineensonni bosonaa jiraachuun dhalli namaa akka jiraatuuf murteessaa ta'uun hubatamee, mootummaan fayyadama lafaa ilaalchisuun imaammata rakkoo kana furu mijeessuu qaba jechuun gorsu.
Hawaasni naannoo bineensonni bosonaa jiran jiraatan, wantota bu'uura jireenyaa ta'an ittiin jiraatan guutuufiin barbaachisaadha jechuun dubbatan.
Bineensonni bosonaa hambaa biyyaafi dhaalmaa dhalootaati kan jedhan Obbo Cammareen, hambaa maallaqaan bakka hin buufamneefi dhaalmaa dhalootatti darbu kana akka hin badneef kunuunsuu barbaachisa jedhan.


















