Keeniyaatti adamoo bineensota bosonaa yaadoo ta'e dhaabsisuuf tooftaa mootummaan falate

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan lammileenshee aadaa bineensota bosonaa adamsuu akka dhaabaniif hojjechaa jiraachuu himte.
Mootummaan biyyattii namoota bineensota bosonaa adamsan waan isaan barbaadan kennuufiif qophii ta'uusaa dhaabbanni kunuunsaafi eegumsa bineensoota bosonaarratti hojjetu himeera.
Akka Tajaajilii Bineensa Bosonaa Keeniyaa (KWS) jedhutti, gosti Keeniyaa hedduun fedhii aadaa ofii guutachuuf bineensa ajjeesuuti isaanirraa eegama.
Itti-aanaan daarektara Tajaajila Bineensa Bosona Keeniyaa (KWS) Roobart Obriyeen adamoo kana dhaabuuf tarkaanfii hedduu fudhachuu BBCtti hime.
Qabeenna naannoo Kaabaa biyyattii jiruuf itti gaafatamaa kan ta'e Aab Roobart, sabaafi sablammoonni Kaaba Keeniyaa naannawaa Marsabeetii keessa jiraatan kan akka Reendilaafi Saamburuu yeroo dhaqna qabatan , gogaa leencaa akka barbaadan dubbata.
"Gogaa leencaa kan barbaadaniif gogaan kun muramee harka, mataafi miilatti hidhatan; abbaan ilmi isaa dhaqna qabatuu hundi gogaa kana hidhatu," jedha qondaalli kun.
Gosti harmaan olitti eeraman kunneen aadaa isaanii akka sirnaafi seenatti geegeffachuuf, leencii ajjeefamuu qaba jechuu.
Naannuma kanatti gostii Daasannachi jedhaman namoota hiriyaa tokkorra kan biraatti darbuu gogaa qeerransa akka uffataniif barbachiisa.
Akkuma gosoota Afriikaa biroo qeerransa ajjeesuun jannumma yookaan jabinaa namni kun qabuu argisiisa, goota jedhame hawaasa biraatti kabajii guddaan kennamaaf.
Akka Roobart jedhutti gosti Turkaanaa jedhamu kan naannoodhuma sana jiraatu guchii waan baay'eefi itti fayyadamtuu isaaniif xiqqeessuu hima.
Turkaanan lafa gammojjii keessa jiraatan, nyaata qofaaf osoo hin taane guchii akkuma jiruun itti fayyadamu.
"Sarbaan guchii guddaa waan ta'ef fooniif nyaatan, lafeesa bocuudhaan waan faayaa godhan gogaan ammoo qamisii dubartootaf ta'a."
"Namni uffata guchii kana hin qabne sirna ayyaana gara garaa isaanii yeroo kabajan dhaquun itti hin toluu; kanaaf eegeen guchii gosa tanaaf barbaachisa," jedha Roobarti.
Naannoo Kaaba kanaatti saboonni biroo kan bineensa adamsuun waan aadaatatiif itti fayyadaman keessaa warri kaan gosoota Gabraafi Boorana ta'u himan.
"Dubartoonni Gabraafi Booranaa waa'ee meeshaa faayaa qaama ofii ittin bareechifatanidha, guraa eegeefi qeensa arba barbaadan jedhan, kun rakkoo guddoo nuu warra bineensa kana eeguuf," jedha Roobart.
Tarkaanfii mootummaan fudhate
Mootummaan Keeniyaa bineensota bosonaa adamsuu dhaabsisuuf yeroo gara garaatti tarkaanfiwwan hedduu fudhachuu dubbata.
Bara 1989 irra jalqabee Keeniyaa keessatti eegdoonni bineensota bosonaa namoota warra adamsan akka ajjeesaniif mirga kennee ture.
Kun garuu bineensonni ajjeefamuurraa hin oolchine waan ta'eef bara 2018 mootumman Keeniyaa seera namoota bineensa adamsuu ajjeessisuu dhiheesse.
Amma ammoo mootummaan karaa bira yaalaa jiraachuu kan himan aanga'aan kunuunsa bineensotaa kun, saboonni gara garaa dhimmoota aadaaf jecha akka bineensota bosonaa hin ajjefne gochuuf fala biroo dhiyeessaa jira.
Dhiheenna kana, sabni Reendilaa warri akka aadaa isaaniitti sirna dhaqna qabachuu yeroo gaggeessan gogaa leencaa ufatan akka leeenca tokkollee hin ajjeefneef Tajaajilli Bineensa Bosona Keeniyaa gogaa leencaa kan dhaabatichaa keessa kennuuf himan.
"Ummataan waligaleerra, waan isaan barbaadan nuti duraanuu qabna. Amma dhiheenna kana gogaa leencaa kenninee, muranii hidhatanii aadaa ofii nagaan geegessan."
Akkasumas warra guchiifi qeerransa barbaaduuf qooduu kan himu Roobart, qabeenni kun xiqqaa waan ta'ef akka itti faayyadamanii deebisan gaafatu.
"Aadaan kun waan waggaa hedduun boodaa raawwatuu, kanaaf namoonni gogaa argate hundi deebisuu qaba, akka yeroon martee yoo deebituu ammallee kennuufifi dandeennu."
"Bineensa bosona kan ofiin du'e, qallee gogaa irra baafnee, gogsinee ummataaf lafa ka'aa jira. Akka isaan yoo barbaadan dhufanii of galmeessanii fudhatanitti," jedhan.
Akkuma biyyoota Afriikaa biroo, adamsuun keeniya keeessatti rakkoo guddaa uumuutti jirti keessattu, bineensii adamsuuf barbaadan warseessafi arba.
Fedhiin addunyaan ilka arbaafi gaanfa warseessaf qabduun gatiin isaa olka'aadha. Kun ammoo bineensota kanneen seeraan ala adamsuun akka dabaluuf sababa ta'eera.
Haata'u malee, Keeniyaa keessatti Tajaajilii Eegumsa Bineensota kana seeraafi qajeelfama kaa'un lakoofsa bineensota waggaatti ajjeefamuu gad-buusuu hima.
Baruma kana Guraandhala keessa Tajaajili kun, bara 2020 lakoofsii bineensota ajjeefamamanii duraan 350 kan ture gara 11 gad-bu'uu ibsee ture.
Kun akkamiin ta'e?
Itti-gaafatamaan Tajaajila Bineensota Bosona Keeniyaa Joon Waweeruu akka BBCtti himeetti, milka'ina kana kan fide, tumsaafi waliigaltee eegdota bosona, poolisiifi hawaasa gidduutti uumameen.
"Gargaarsa uummataatin beekkumsa gaarii arganne, yoo akkanumaan itti fuufne, adamoo bineensaa dhaabsisuu ni dandeenna," jedha
Keeniyaan adamoo kana balleessuuf akka salphaatti hordofuun ana'amuuf jechas warseessota biyyattii keessa jiran irratti mallattoos itti giiteetti.
Dabalataan, namoota ajjeessan salphaatti akka bira gahanii qabuun dana'amuuf jecha meeshaa ittiin faana dha'uuf nama gargaaru gaanfa isaanii keessa kekkeesseetti.
Bineensota Itoophiyatti ce'an
Tajaajilli Bineensota Bosona Keeniyaa bineensoti biyyattii gama Itoophiyaatti ce'uu quba qabachuu hima.
Ji'a darbe, arbi tokkoo naannoo Marsabeeti Keeniyarra Itoophiyaa ce'uun godina Booranaa seenuu BBCn gabaasee ture.
Namoonni hedduun itti gammadanii akka arbi sun hin ajjeefamne, jaarsoliifi uummati gaafachaa ture.
Mootummaan Itoophiyaallen eegumsa gochuufi himan, Paarkiin Biyyoollessa Booranaa barbaacha arba kanaaf gdinicha keessa hedduu marmarmaare.
"Kan biyyi biraa arba tokkootti gammaduu lammilleen keenna ajjeessuf dhaadatan; kun waan hamtuu. Gaafa dhaban gaabbuurra silaa amma tiksuu qaban," jedha Itti-aanaan daarektara Tajaajila Bineensa Bosona Keeniyaa Roobart Obriyee.
Dhiheenna kana harree diidaa tokkoo Keeniyarra Itoophiyaa seenuu hima.
"Bineensi keenna hedduu achi boba'utti jira, amma harree diidaa kana akka miidiyaa hawaasa irratti argineetti namni tokko ollaasa keessatti hidhee, mallaqa fudhachaa jira.
"Akka nuuf deebisan namoota erginee ture, yoo furiinsa barbaachisellee kaffallee deebifachuuf qophiidha," jedhan

















