Arbi tokkichi Keeniyaarraa Itoophiyaa seene maaliif hawaasa biratti miira addaa uume?

Arba qophaa deemu

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Oromiyaa godina Booranaatti arbi tokko gama Keeniyaarraa daangaa qaxxaamuree seennaan ummanni gar-malee gammaduun akka eegumsi godhamuuf dhaamachaa jijru.

Arbi kun Keeniyaa naannoo Marsabeetiirraa karaa Soloolotiin Iddii Lolaatti ce'uu dubbatu namoonni aanaalee Miyoofi Dirreerraa taatee kana quba qaban.

Akka ilaalcha Booranaatti arbi deebi’uun isaaniif waan milkii akka ta'etti ilaalama. Kanaaf, arbi tokko dhufuun hawaasa godinichaaf gammachaa waan ta'eef dubbii ijoo ta'aa jira.

Jaarsii argaa dhageetii Aabba Borbor Bulee dhufiinsa arba kana bilbilaan itti himuu dubbata. 'Hin ajjeesinaa jechuun hawaasni waliigalee, nama tokko kan qawweedhukaasellee poolisiin Iddii Lolaa qabuu hima.

Gaafa inni ijjoollee ture bara Gadaa Jaldeessa Liiban arbi tokko Keeniyaarra Boorana dhufee osoo hin turiin jiraattonni akka ajjeesan kan himu Aaba Borbor Bulee, arbi amma dhufe kun korma abuuruu dhufedha jedha.

Yoo namni itti bu’uu baate, ol deebi’ee manasaatiin godaanee dhufa jechuun amanu. “Inni lafa ilaaluu dhufe; yoo jaallatee namni isa hin tuqu ta'e nagaan deebi’ee maatiisa fudhatee deebi’a. Booranni akkanaan beekaa,” jedha hayyuun argaa-dhageettii kun.

Arbi dur adamoon itti cimnaan Booranarra gara Keeniyaatti godaanuu kan himan namoonni, hanga ammallee mallattoon toora ittiin godaane jiraachuu ibsu. Jiraataa Iddii Lolaa kan ta'an Aabba Qaallichaa Nuuraa karaa Iddii Lolaatiin arbi osoo Solooloo deemuu du'ee lafeen isaa dhakaa gidduutti rakkatee jiraachuu hima.

Namoonni dur bineensota bosonaa adamsanii ajjeessuun gootummaa ittiin mul'ifatu. Dhalooti ammaa garuu waan barnoota qabuuf, fedhiifi faayida bineensaa beekuun hedduu jaalala qabuuf.

“Eegiin dhaladhee lafee sana argaan ture; jaarroleen gaafa arbi godaane, tokko darbuu dadhabee achitti du’e jedhu."

Qilleensii Booranaa bineensa bosonaa kan akka arbaafi saattawwaatiif gaarii ta’uu himuun, haala mijaataa argannaan, bineensi hedduun deebi’ee jijraachuun dirqama jedha. Akka Aabba Qaallichaa himutti, bineensonni hedduun Keeniyarraa dhufan, dangaa ga’anii deebi’u.

“Bineensi akka saattawaa yeroo baay’ee dhufanii gaara kanaan bahuun deebi’u. Silaa garana dhufu guddoo fedhu fakkaata. Bineensii ammoo qilleensa lafaa waan beekaniif ofumaan godaanee dhufa, yoo haalli mijataan jiraate gamana jiraata ture," jechuun miira gaabbiin ibsa.

Itti-gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Booranaa Obbo Nigusee Waatoo kan barbachaa arba kanaa aanaa Iddii Lolaa ganda Melbaanaa keessa jiru, kun seenaa addaati jedha.

Barbaacha arba kanaa godina Booranaa keesssa namoonni aanaa cufa irra dhufanii faan dha’uutti jiraachuu hima. "Uummanni haalaan arba kana itti gammadee, simatee akka namni hin tuqne eegumsi akka godhamuuf qaamolee mootummaa qunnamuun isaanii waan baay’e nama gamachiisuu," jedha.

“Uummanni kun badhaafamuu qaba; akka Oromiyaatti ykn akka Itoophiyaatti qofa miti, akka Afriikaatti dhimma kanarratti badhaafamuu qabu."

Arbi kun dhufuu hordofee Obbo Niguseen mootummaa Federaalatti dhaamsa dabarsuun mootummaan akka xiyyaara erganiif waadaa galuu ibsa.

Ammaatti garuu waan nami jedhu osoo hin taane arbi kun garamitti socho’ee jechuun qorannoof faan dha’utti jiran.

Ogeeyyiin bineensotaafi namoonni dhimma kanarratti hojjatan hedduun aanaa Dirreefi Iddii Lolaa keessa akka arbi kun eegumsa argatuu dhaamsa dabarsuufi barbaaduurra jiru.

Torbaan tokkoon dura daarektorootiin Paarkii Federaalaa Kumara Waqjiraa, akkasumas bulchaan godina Booranaa Aabba Guyyoo Galgaloo dhimma bosona Booranaa irratti yaada qaban miidiyaa hawaasarratti maxxansaa turan.

Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Obbo Hayile-Maariyaam Dassaaleny eebba Yunivarsitii Booranaa irratti waamnan, dursa Paarkii Biyyaaleessa Booranaa daawwadha jechuu isaanii hima Obbo Niguseen.

Obbo Hayile-Maariyaam Dassaaleny ofii isaaniillee waan dansaa qabatanii akka dhufan dhageenyeerra jedha.

Miidiyaa hawaasarratti namoonni hedduun bakka arbi kun jiru hordofuu, seenaa bineensoota Oromiyaa nama hubbachiisuufi eegumsi akka godhamuuf dhiibbaa gochuuf barreessaa turan.

“Yaadaa namni arba kana irra miidiyaa hawaasa irrati maxxanse guddoo irra gammade cufa fudhadhe bakka tokko keewwadhe…uumama walliin uummanni kun waan sii dinqisiisuu hedduu irra barachuu danda’ani.

"Maanguddoon Booranaa Aabba Jaatanii Taadhiifi jaarroleen biroo Nageellee Booranaafi Finfinneerraa naaf bilbilanii arbi kun akka hin ajjeefamne nuuf himan. , iccitiinsa maal akka ta’e ani hin beekuu, garuu qabeenna uumama jiru kun maal akka ta’e nu caalaa beekuusaaniirra maddaa. Karaa biraa ammoo faayidaansaa biyya kanaaf maal akka ta’e ni beekuu,” jedha itti-gaafatamaan kun.

Akka Abbaa Taayitaa Qabeenya Bineensota Itophiyaatti bara 1970 keessa arba 10,000 Itoophiyaa keessa jiru ture. Haata'u malee, adamodhaan ajjeessuun xiqqaatee amma 2,500 tti gadi deebi’eera.

Mudde bara 2020 keessa guyyaa tokko keessatti arbi 6 ajjeefamuullee himan.

Harka caalaan arbi Itoophiyaa paarkiiwwan Baabbilee, Maagoofi Gambeelaa keessa akka jiran himama.

Namoonni arba kanaan, “baga dhufte, baga biyya teetiitti deebite" jedhani faarsaa jiran. Kana qofaa miti, kan biroonillee akka dhufu abdii guddaa qabanis ibsachaa jiru.

"Osoo arbi tokkichi kun gara Booranaa hin dhufiin dura, arbi ni dhufa jedhanii jaarroleen ibsaa turan garuu naaf hin gale malee," jedha aanga'aan mootummaa dhimma kana hordofu.

Arba qophaa deemu

Madda suuraa, Getty Images

Akka seera addunyaatti bineensa biyya tokko qaxaamure biyya biraa deemuun dhorkaa miti.

Bineensa kana kan dur haadhee biyyaa baasee uumata. Akka jiraatonni jedhaniitti wallaaluufi seera dhabiinsati rakkoo sun fide.

Itti-gaafatamaan Paarkii Biyyaalessa Booranaa Obbo Niguseen,” bineensi bosonaa dhukaasa hin jaalatu, sababa kanaaf bineensi akka arbaa, saatawwaa, warseessii faan naannoo Oromiyaa godina Booranaa keessaa baqatee, dangaa qaxxamuree Keeniyaa seene,” jedha

Paarkiin Biyyaalessa Booranaa humna gudda hin qabu kan jedhu itti-gaafatamaan kun, arba kana yoo arganiillee gara paarkii geessuun ulfaataa ta’u hima.

“Paarkii keenna qofaa miti, akkuma Itoophiyaattuu meeshaan arba ittiin qabanii idoo biraatti geessan hin jiru, wanni nu gochuuf deemnuu, akka inni hin tuqamne eeguu qofadha."

Obbo Niguseen akka jedhutti ammaaf wanti godhamuuf eegumsadha. Hojjiin duraa bineensi bosonaa kan barbaadu nageenna waan ta’eef nageenna ammoo ummanninuu waan mirkaneessef hin tura jedhen amana jedha.

Yeroo Pirezidaantiin Itti-aanaa Naannoo Oromiyaa Girmaa Amantee (PhD) Boorana daawwatanitti uummanni paarkii sadii ykn afur akka ijaaramuuf gaafachaa turan.

Ammatti kan jiru Paarkii Biyyaalessaa Booranaa qofadha. Paarkiin kun Balaadhaaf kan saaxilamuu danda’uuf kunuunsi ni barbaachisaaf jedhanii galmeessanii jiran.

Paarkiin kutaa shan qabu kana keessatti gosti bineensota bosonaa argamu 46 ol ta'a. Akaakuuwwan simbirroo addunyaa kanarraa eessayyu hin jiretu Paarkii Biyyaalessaa Booranaa kana keessatti argama.

Addunyaa keessa bakki gosti hare diidaa lama taatee bakka tokkootii argamtuu Paarkii Biyyaalessa Booranaa qofa.

Paarkiin Biyyaalessaa Booranaa kun kutaa shan kan qabu yoo ta'u, bineensonni akka leencaa, saattawwaa, qeerransaa, gadamsaa, saallaa, kkf keessa jiraatu.

Haata'u malee, wanti nama gaddisiisuu qabeenyi bineensia bosonaa kun balaa ongeerra oolchuuf wanti godhame hin jiru jedha Obbo Niguseen.

"Godina Booranaa keessa lagni tokko kan keessa yahuu hin jiru akka paarkoota biroo, kanaaf bineensi guddoo miidhamee garaa nama nyaata," jedha.

Paarkiin tun amma akka mootummaan dhimma bineensa bosonarratti xiyyeeffatee haala jireenna isaanii mijeessee hojjatuufi akka qaamni biroolleen dhaga’ee isaan gargaaru barbaadan.

Maaltu hojjetamuu qaba?

Abba Niguseen rakkoon guddoon jirtu dhimma paarkiin xiyyeeffannaa dhabuu akka ta’e ibsa. Mootummaa osoo hin ta’in kan bineensa kana tiksee asiin ga’e uumata ta’uu hima.

Duraan wanti hojjatame xinnoo waan ta’eef, jijjirama fiduuf itti karoorfachuutti jiraachuu dubbachuun, dura lakkoofsa bineensa bosonaa akka dabaluuf wanti barbaachisu hubannoo uummataaf kennuudha ture. Amma garuu uummanni kun beekumsaafi hubbannoo qabuun nuuyyu ceersutti jira jedha

Ta'ullee hubbannoon kun cimee itti fuufuu qaba.

Wanti baay’ee barbaachiisaa bishaanidha. Godinicha keessatti dhiheesi bishaanii baayyee rakkisadha kan jedhan aanga'aan kun, jiraatonniyyu bishaan barbaduuf kilomiterii hedduu miillan deemu jedha.

Wantooni biroo karaa, marraafi humna namootaa bineensa kan tiksuu dabaluun barbaachiisaa ta’u ibsa.

Uummanni Godina Booranaa amma arbi kun Keeniyatti deebi’ee maatiisaa waliin as deebi’utti abdii guddaan eegaa jira.