Paarkiin Oromiyaafi Affaar keessatti argamu, Halaaydagee Asaboot, maaliif beekamtii maluuf dhabe?

Madda suuraa, ASEBOT ALLEDEGHI NATIONAL PARK FACEBOOK
Paarkiin Halaaydagee Asaboot naannolee Oromiyaafi Affaar keessatti argama. "Paarkii Biyyaaleessa ta’uuf kan kadhimame" Halaaydagee Asaboot, Itoophiyaattis ta’e sadarkaa Afrikaatti bineeldota marartoo qabantu keessatti argama.
Bara 1960 moota keessaa eegalee eegumsi taasifamaaf kan ture paarkiin kun, sadarkaa paarkii biyyalessaatti kan hin guddatiin tureef ammoo sababa rakkoo bajaatafi bulchiinsatiin.
Kanarraa kan ka'een Paarkiin kun gochawwan seeraan alaatiif saaxilameera.
Halaaydagee Asaboot bal’ina lafa 1,900 km2 kan qabuufi sanyiin bineeldotaafi biqilootaa hedduun kan keessatti argaman ta’uu Itti-gaafatamaan Paarkichaa Obbo Maaqoyyaa Maammoo BBCtti himaniiru.
Akka ibsa Obbo Maaqoyyaatti, Paarkicha keessatti bineeldoonni hoosiftota ta'an gosa 42, simbirroota gosa 240 oliifi biqiloota gosa 260 olitu argama.
Tursitoonni dawwaachuu kan barbaadan akka Afrikaattu bineensonni baay’inaan paarkicha keessatti argamu jedha Obbo Maaqoyyaan.
Bineeldonni daawwattoonni ilaaluu barbaadan, tarii sadarkaa Afrikaatti baayyinaan paarkii kana keessatti kan argaman ta'uu Itti-gaafatamaan Paarkichaa ni ibsa.
Halaaydagee Asaboot daandii Finifnneeraa Harar geessurratti km280 fagaatee kan argamu yoo ta'u, bakkawwan daawwachuuf mijatoota ta'an Paarkii Awwaashirraallee fagoo hin taane qaba jedha Obbo Maaqoyyaan.
Paarkichi sadarkaa biyyaalessaatti galmaa’ee bulchiinsiifi eegumsi barbaachisu akka guutamuuf gaaffii dhiyeessuunn kan jalqabe A L I bara 2006 dura ture. Haata'u malee, gaaffichi hanga ammaa deebii hin arganne.
Yeroo sanatti ulaagaa hunda guutee, hawaasa naannoo paarkichaa jiraatanirraa fudhatama argatee beekamtii akka argatuuf adeemsi eegalame akka ture yaadata.
Halaaydagee Asaboot waliin paarkoonni tora biroo gara paarkii biyaalessaatti guddachuuf gaaffii gaafatanillee hanga ammaa deebii hin arganne.
"Gama sanada qopheessuutiin wanta nurraa eegamu mara xumurreerraqopheessineerra. Sanadichis abbaa alangaa waliigalaatiin qoratamee, foyyeeffamee yaada akka irratti kenninuuf nuuf deebifameera,’’ jedha Obbo Maaqoyyaan.
Paarkiin Biyyaalessaa Yaangudiraaasaa Halaaydagee Asabootitti dhiyoo waan jiruuf Halaaydagee Asabootiin akka [guddifannaatti] of jalatti bulchaa ture.
Paarkiin Biyyaalessaa Yaangudiraasaa mootummaa Federaalaa jalatti bulaa kan ture yoo t'au, naannoon Affaar ofiin bulchuuf adeemsi barbaachisan xumuramaa jira.
Kun taanaan Paarkiin Halaaydagee Asaboot ammoo eegumsa dhabee qophaatti hafa yaaddoo jedhu uumeera.
Eegumsa cimaa dhabuusaatiin bineensonni paarkicha keessa jiraatan seeran ala adamfamu, gochoonni seeran alaa biroos keessatti babal’achuu mala sodaa jedhus uumeera.
Bineeldonni lakkoofsaan muraasa ta’aniifi baduutti dhiyaatane guutummaatti akka hin badne yaaddoo biraa uumeera.
Naannoo Affarirraan bineeldota eeguurratti muuxannoon gaarii jiraachuun paarkichi akka hin badne abdii uume. Garuu adamoo seeraan alaatiin bineensonni ni baduu jedhamanii sodataman akka jiran dubbateera Obbo Maaqoyyaan.
Paarkicharra balaan akka hin geenyeef deebii ariifachaatu barbaachisa jedhe Daarktarri Abbaa Taayitaa Eegumsaafi Misooma Bineeldota Bosonaa Itoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa.
Paarkicha gara sadarkaa paarkii biyyalessaatti adeemsi guddisuu sababoota garaa garaatiin harkifachuu amanuun, amma garuu sadarkaa abdii qaburra jira jedhe.
Paarkichi naannolee lama keessa jiraachuu isaatiin caasaa mootummaa sadarkaan jiru hirmaachisuu gaafata jedhe.
Hana barbaadamusaffisaan deemuu baatus Mana Maree Ministeerotaatiin akka mirkanaa'uuf ragaleen barbaachisan walitti qabamanii qophaa'uu isaa ibseera Obbo Kumarraan.
Paarkichi yeroo dheeraaf "bakka eegumsa qabu' ‘jedhamuun beekama. Sababa kanaaf eegumsaafi bulchiinsa otoo hin qabaatiin tureera.
A.L.I bara 2002 eegalee garuu fayidaasaa hubachuun Yaandiraasaa jalatti akka bulu taasifame.
Paarkichi turizimii kan oolun qabeenya guddaa qabaachuu himuun, bineeldi [Saalaa] jedhamu akka Afrikaatti heddumminaan kan keessatti argamudha.
Bineensi kun hedduumminaan Keeniyaa, Yugaandaafi Itoophiyaatti argama. Itoophiyaa keessaa paarkii Halaadagee Asaboot keessatti argama jedha Obbo Kumarraan.
Bineeldi biraan carraan sanyiin isaa baduutti dhiyaate gosti harree-diidaa paarkicha keessatti argama.
Bineensonni kun paarkicha keessaa akka hin banne itti fufinsaan eeguufi fayidaa dinagdee parkicharraa argamu guddisuuf tattaffiin eegalamee ture jedhe.
Paarkichi gadaamii Asaboot of keessatti hammachuusaatiin maqaa Halaadagee Asaboot jedhamuun isaa komii uume ture.
Hogggantoonnis dafanii waan jijjiramaniif dhimmi paarkichaa gara sadarkaa biyyaleessaatti guddisuu harkifachuu isaa kaase Obbo Kumarraan.
Manni Mare Ministeerota ammoo qooda fudhattoonni hundi irratti waliigaluu erga mirkaneessee booda beekamtii kenna.
Naannolee lamaan keessatti komii ka’an ilaaluuf hawaasa naannoo mariisisuun akka barbaachise hime.
Ji’oota ja'a keessatti adeemsi barbaachisaan xumuramee gaaffii beekamtiin akka kennamu gaafachuuf adeemsarra jira jedhe Obbo Kumarraa.


















