Qabeenya Umamaa: Israa’el rifeensa bineeldotaa bituufi gurguruu dhorkuuf

Borsaa rifeensi

Madda suuraa, Getty Images

Israa’el bittaafi gurgurtaa rifeensa bineeldotaa hayyama addaan yoo tahe malee dhorkuuf jette. Kana gochuunis biyya jalqabaa taateetti.

Seera haaraa kana hojiirra oolchuuf karoora bahe yoo beeksisan ministirri kunuunsa naannoo Gilaa Gaamli’eel gogaafi rifeensa bineeldotaa indaastirii faashiniif fayyadamuun ‘haraamuu dha’ jedhan.

Eeyyamni kana booda kennamullee ulaagaawwan murtaa’oo irratti hundaa’a jedhan.

Gareen falmitoota mirga bineeldotaa Peetaa jedhamu tarkaanfiin Isaraa’el fudhatte ‘waan jajjabeeffamudha,’ jedhan.

Hanga yoonaa magaalota US muraasaafi magaalaa Biraaziil Saa’oo Poolootu gurgurtaa rifeensa bineeldotaa dhorke.

Yeroo ammaa namni rifeensa bineensotaa bituu barbaade eeyyama gaafachuu qaba. Seerri kun hojiirra gaafa oolu garuu qorannoo saayinsii, barnoota yookiin dhimma amantiif qofadha kan bitamuu yookiin gurguramuu danda’u.

Seerri kun hawaasa Israa’el yeroo baayyee uffata rifeensa bineeldotaarraa hojjetame uffatan irrattillee ni hojjeta.

‘’Gabaan rifeensaa kun bineensota miiliyoonaan lakkaa’aman ajjeechaaf saaxileera, dararaafi gadadoonillee bineesota kanarratti raawwatama,’’ jedhan ministirittiin Gaamlii’eel.

‘’Gogaafi rifeensa bineensotaa faashiniif fayyadamuun haraamuudha.’’ Elsaa Aleen daariktara Peetaa yoo tahan Israael murtoo kanarraa gahuu isheef leellisaniiru. Rifeensa bineensotaa huccuuf fayyadamuun sona lammiilee keenyaa ni cabsa jedhan.

Namni seera kana cabsee argame adaba doolaara 22,000 yookiin hidhaa waggaa tokkoon adabama.