Bineensota: Booyyeen addunyaarra 'fokkisoodha' jedhaman Landan Zoo galan

Pigs

Madda suuraa, PA Media

Booyyeen gosa baabiruusaa keessaa tahan lama ''booyyee addunyaarraa fokkisoodha,'' jedhaman, bakka turtii bineensotaa London Zoo galan.

Baabiruusota rifeensa ofirraa hinqabne kanniin kaan ''demon pigs'' yookaan ''booyyee seexanaa'' jechuunis waamu.

Booyyeen maqaa Buudii fi Beet jedhamu argatan kunniin, daawwattootaaf mul'achuu isaaniin dura, raasaa keessa qubatan kana dura baru jedhameera.

Bineensota bifaan haalaan adda tahan kanniin, bineensota kitaaba JK Rowling - Harry Potter keessa jiraniin fakkeessaniiru.

Hojjettuun Zoo keessaa Hannah Joy waan jettu: ''Namni tokkoyyuu bineensonni kun ni bareedu kan jedhu hinjiru.''

Booyyeen kunniin gogaa bifa daalachaa shushunturee fi uuruu dheeraa jiidhaa tahe qabu.

Bineensonni kunis fulaan jireenyaa isaanii jalaa manca'uun akkasumas daldala foonsaaniif jecha waan adamsamaniif, sadarkaa saaxilamoodha jedhamurra jiru - kanumaafis jecha gara Zoo kanaatti dhufan.

Akka Joy jettutti hawaasni Indooneezhiyaa keessaa, bineensota kanatti dhiyeenyatti jiraatan, sababa ilkaansaanii adda taheef ''booyyee hantuutaa ykn booyyee seexanaa'' jedhuun.

pig

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Booyyeen kun baala, goraa, ocholonii, horroqoo, ilbisoota, qurxummii fi bineeyyii bicuu fa'i soratu

''Akkuma taatoowwan kitaaba sana keessaa, bineensonni kun haalaan nu hawwataniiru.

Bineensota addunyaarraa fokkisoodha jedhaman kana uummatatti as baasnee, walbarsiisuuf kutannee kaaneerra,'' jetti Jooy.

Pig in mud

Madda suuraa, PA Media

Pig

Madda suuraa, PA Media

Beet ganna lama kan guutte yoo tahu, Budiin ammoo ganna tokko qofa yogguu tahu, amma booda yoo guddatu ilkaan isaa mimmiccarramoon daran si'achi guddatu.

''Indooneezhiyaa keessaa bareedinaan maqaan isaanii ka'uu dhabuu danda'a. Haatahu malee baabirusonni sirnakkoo bosonaa keessatti gahee olaanaa qabu - yogguu soratan biyyoo qotanii baasuun sanyii facaasu.''

''Bineensota ajaa'ibaati - qarqaarsa keenya barbaadu,'' jette Jooy.