Meeksiikootti bineensi dubartii fuunfate kolaafamuun dheekamsa kaase

Amaakenni yeroo turistii fuunfataa jirutti

Biyya Meeksiikootti bineensi afaan Ingiliffaan bear jedhamu dubartiin daawwannaaf gara paarkii deemte tokko rifeenshashee fuunfateen booda qabamee kolaafamuun dheekkamsa kaaseera.

Bineensi biftii gurraachaa paarkii keessatti wayita rifeensa dubartii fuunfatu viidiyoo mobaayiliin waraabameen argamee booda ture namoonni paarkichaa akka kolaafamu kan taasisan.

Turistoonni daawwannaaf deeman garuu bineesna kana kolaasuurra gara bakka turtii bineensootaa gara biraatti geessuu wayya jechuun kolaafamuu isaa mormaniiru.

Garuu ammoo oggeessoonni bineensichi namoota daawwannaaf gara paarkichaa dhufan irraa nyaata waan bareef gara biraa yoo geeffame jiraachuuf ni rakkata jechuun mormu.

Binneensi ulfaatina kiilogiraama 96 qabu kunis tarii daawwattoota balaa irraan gahu danda'a yaaddoo jedhuun tarkaanfiin kun fudhatamuu himu.

Dubartiiin fuunfatamtes bineensa kana waliin suuraa ka'uuf wayita jettuutti rifeensa ishee harkisuun akka ishee fuunfatedha kan himame.

Bineensi kun daawwattuu kanarraan miidhaa omaa gessisuu baatulleen gara fuula duraatti waan ta'uu malu sodaachuun murtee kolaasuu kanarra gahusaanii himu.

Kana duras namoonni paarikicha keessa hojjetan bineensi kun namoota waliin walitti dhiyaachuun mullateera, namoota harkaas nyaata fudhachuu bareera jedhu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Atttamiin bineensichi paarkii keessatti namootatti akka maxxanu dowwadha

Bineensa daawwattoonni 'Chiippii' moggaasa jedhuun waaman kunis namoota naannoo paarikichaa jiraataniinis ni jaallatama.

Jalqabas gara paarkichaa kan fidamee jiraattoonni osoo inni mana jireenyaa tokko duuba rafaa jiruu arguun ergaa abbaa taayitaatti himanii booda ta'uun barameera.

Erga bineensi kun kolaafameen booda qaamooleen mirgoota bineensootaatiif morman qorannoon nuuf haa gaggeefamu jechaa jiru.

Daawwattoonis ta'e jiraattoonni naannichaa erga 'Chiippiin' kolaafameen booda dheekkamsa dhageessisaa kan jiran yoo ta'u, kanneen gara paarkii biraatti dabarfamuu qabaata jedhanilleen ni jiru.

Oggeessoon gama isaanitiin daawwattoonni bineensa kana nyaata barsiisuu isaanitu kanaaf isa saaxile jechaa jiru.

Biyya Meeksikootti bulchiinsa Chiwaawaa keessatti gaarrii Siiyeraa De Niidoo lafa argama amaaketa gurraachaa ta'uutu himama.