Simbirroon ‘walee-dammaa’ jedhamtu weedduu dagachaa dhufte

Simbirroo 'walee-dammaa' jedhamtu

Madda suuraa, LACHLAN L. HALL

Sanyiin simbiraa 'walee-dammaa' jedhamuun beekamtuufi kan bakka dammi jiru akka nama geessitutti amanamtu yeedaloo faaruu duraan qabdu dagataa dhufte jedhame.

Simbirroon faarfattuun sagaleeshee dagattee kun ofiis baduu jala jirti jedhan saayintistoonni.

Simbirroon regent honeyeater ykn ‘waleen dammaa’ kibba-baha Awustiraaliyaatti baay’inaan argamti ture, yeroo ammaa sanyii warreen badii jala jiran keessaa taateetti. Simbirroota dhuunfaa 300 qofatu addunyaa kanarratti hafee jira.

‘’Warreen hafan kunimmoo simbirroota sanyii isaanii gatii hin arganneef akkatti faarfatan hin barre,’’ jedhan Dr Roos Kireets.

Bu’aan qorannoo isaanii UK Royal Society journal proceedings irratti maxxanfame.

Dr Kireets miseensa garee qorannoo simbirroowwan rakkisoo Yunivarsiitii Kaanbeeraa yoo tahan simbirriittii walee-dammaa tokko qabanii faaruu warrashee barsiisaa jiru.

‘Lilmoo cidii keessaa….’

Yeroo jalqaban Dr Kireets faaruu simbirroo qorachuu hin turre kaayyoon isaanii. Simbirrootuma kana argachuu ture kan isaan yaadan.

‘’Lakkoofsi isaanii baayyee xiqqoo tahus lafa bal’aa UK al 10 dachaasu qabataniiru-lilmoo cidii keessaa hanga barbaaduu ture,’’ jedhu Dr Kireetar.

Barbaacha of eegannaan taasifame kanaan simbirroonni ‘faaruu isa warri isaanii jedhan osoo hin waan biraa wacaa turan,’’ jedhu.

Simbirroonni faarfatan akkuma namni dubbachuu baratu faarsuu baratu jedhan.

‘’Warri xixiqqoo yeroo man’ee isaanii gadhiisanii deeman simbirroota kaan waliin waliigaluu qabu, yeroo simbirroonni kormaa faarsan dhagahaniiru irra deebi’uun,’’ baratu jedhu qoratichi.

Simbirroon walee-dammaa qubannaasaanii harka 90 gadhiisanii yeroo ammaa bittaannaa’anii fi xiqqaatanii jiru. ‘’Simbirrooti kormaa, kaan dhagahanii akkatti faaruu baratan hin qaban,’’ jedhu..

‘’Kanaaf faaruu sanyii simbirroo biraa barachuu jalqaban,’’ jedhan Dr Kireetis.

Faaruun aslii walee-dammaa harki 12 tahu badeera jedha bu’aan qorannoo isaanii.

Simbira cuucotashee waliin

Madda suuraa, MICK RODERICK

Simbira faaruu barsiisuu

Sanyii simbirroo kanaa eeguuf jecha saayintistoonni sagalee waraaban walee-dammaa manatti qabatanii jiran barsiisaa jiru.

Sanyii simbiraa kana baay’isuuf jecha kan manatti horan gara bosonaatti waggaa waggaatti gadhiisuuf karoorri jira.

‘’Haa tahu malee simbirroonni kormaa faaruu kan sanyii hanbiraa yoo faarfatan warri dhaltuu quunnamuudhaaf eeyyamamoo hin tahan,’’ Kanaaf jedhu Dr Kireetis, ‘’abdiin keenya yoo sagalee faarsaa dhageessisneen ofiisaanii baruu jalqabu kan jedhu dha,’’ jedhan.

Saayintistichi sanyii kunneen eeguudhaaf ‘aadaa’ isaanii kanneen akka faaruu fi amaloota bineeldotaa uumamaa tahan akka dagaagan gochuu qabna jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Adamoof ba'een simbira boo'u argee - amma kunuunsaan jira'