Simbirroo addaa: Ameerikaa keessa simbirroon 'saala lama qabdu' argamte

Simbirroo Noorzern Kaardinaal

Madda suuraa, Jamie Hill

Simbirroon walakkaa kormaafi walakkaa dhaltuu fakkaatu Ameerikaa Pensalveniyaa keessatti nama simbirroo faana dhahaniin argamte.

Kunis kan ta'e hiriyyaan isaanii agartee itti himtee booda ta'u ibsame. Kana dura dhagahamuus garuu simbirroota akkanaa arguun baay'ee rakkisaadha.

Simbirroon kaardinaal jedhamanii waamaman kuni bifaan kan dhaltuufi kormaa addadha. Bifi kormaa diimaa yoo ta'u kan dhaltuu immoo daalacha (brown) dha.

Kanaaf, simbirroon kuni makaa saala lamaa qaba jedhameera.

Ornitolojistiin sooroma bahan Jeemi Hiil, umrii 69, BBC'f akka himanitti wanti akkanaa ''jireenya dhala namaa keessa yeroo tokko, miiliyoona keessaa tokko,'' mudata jedhan.

Simbirroo Norzeern Kaardinaal

Madda suuraa, Jamie Hill

Hiriyyaan Obbo Hiil akka isaanitti himtetti simbirroo bifni ishe ''hin baramne'' agarte.

Obbo Hiil jalqabarra simbirroon mul'ate kuni rakkoo fayyaa malee saala lama qaba jedhanii hin yaadne. Boodarra garuu 'gynandromorphism' jechuunis simbirroo ovaarii fi cidhaan qaba jedhamee shakkame.

Simbirroo Noorzern Kaardinaal

Madda suuraa, Jamie Hill

Boodarra bakka simbirroon addadha jedhame jiru deemanii suuraa kaasan.

''Ergan suuricha kaase booda hangan mana gahee suuraa dijitaalaa qoradhutti sa'aatii shaniif onneen haalaan rukutaa turte,'' jedhan.

Jeemi Hiil waggoota 48 simbirroota faana dhahaa turan

Madda suuraa, Jamie Hill

Ibsa waa'ee suuraa, Jeemi Hiil waggoota 48 simbirroota faana dhahaa turan

Simbirroon walakkaa saala dhiiraa, walakkaa saala dhaltuu qabu arguun addadha jedhan Yunivarsiitii Westeern Ilinooy irraa Pirofeesar Biriyaan Piir.

Garuummoo sanyii tokko tokko keessatti wanti akkanaa baramuu dhiisuu danda'a jedhan.

Simbirroo Noorzern Kaardinaal

Madda suuraa, Jamie Hill

''Gosti simbirroo akkanaa kan dhalattu dogoggora yeroo qoodina seelii raawwatuuni,'' jedhan.

Gosti simbirroo akkanaa Pensalveeniyaatti yoo mul'atu kuni yeroo duraaf miti.

Bara 2019 jaalalleewwan lamaan simbirroo walfakkaataa arganii turan jedheera Naashinaal Joograafik. Tarii, kan amma mul'ates isuma kana ta'uu mala jedhanii shakki Obbo Hiil.

Akka Pirofeesar Piir jedhanitti bifi dhaltuufi kormaa simbirroo kaardinaal garaagara ta'un isaa kan saala lamaa qaban arganii adda baasu nama hin rakkisu yaada jedhu qabu.