Awustiraaliyaatti weedduun simbirrootaa tarree muuziqaa keessa galuun rikkoordii haaraa qabate

Madda suuraa, Getty Images
Awustiraaliyaatti weedduun simbirrootaa gosti isaanii baduutti dhiyaateeru waraabamee akka muuziqaatti dhiyaateera.
Wanti dubbii ijoo ta'e weedduun simbirrootaa akka muuziqaatti dhiyaachuu osoo hin taane tarree sadarkaa muuziqaa (Chaartii) Awustiraaliyaa keessatti seenaa haaraa kanaan dura hin turre galmeessisuu isaati.
Sadarkaa muuziqaa Awustiraaliyaatti (Ariyaa Muusik Chaart) muuziqaawwan baayye jaallatamoo ta'an shan keessaa tokko weedduu simbirrootaa ta'eera.
Albamiin maqaa 'Weedduu Badaa Jiru' ykn 'Songs of Disappearance' jedhu kennameef guutummaan guutuutti weedduu simbirrootaarraa kan walitti qabamedha.
Weedduun simbirroota sanyiin isaanii baduutti dhiyaaterraa walitti qabame kunis muuziqaawwan gurguddoofi baayyee beekamoo ta'an caaluudhaan sadarkaa muuziqaa Awustiraaliyaa keessatti tokkoffaa qabateera.
Sirboota sadarkaa addunyaatti baayyee beekamoo ta'an weedduun simbirrootaa kun caalee tarree muuziqaa keessatti tokkoffaa bahe keessaa muuziqaan lammii Kanaadaa dhalataan Itoophiyaa ta'e 'Ze Wiikend' jedhudha.
Sirbi Abeel Tasfaayee sadarkaa addunyaatti beekamu weedduu simbirootaatiin caalameera jechuudha.
Sirboota jaallatamoo sadarkaa duraarra jiran weedduu simbirroota kanaan caalaman biroon sirba garee muuziqaa warra Siwiidin, sirba Ayyaana Qillee, sirba jaallatamaa Maayikel Babiliifi kan Maariyaa Keeriiti.
Weedduun simbirrootaa Waldaa Bard Laayif Awustiraaliyaatiin dhiyaate kun gosotta simbirrootaa 53 sanyiin isaanii baduutti dhiyaatan kan hirmaachisedha.
Weedduu simbirroota tokko tokkoo waraabuudhaaf sa'aatiiwwan qofa osoo hin taane guyyoota baayyeedhaaf eeguu kan barbaachise ture jedhameera.
Qindeessaan weedduu simbirroota bosonaa Daaviid Istewaard akka jedhutti, muuziqaa sagalee simbirrootaa irraa walitti qabe kana qindeessee qopheessuudhaaf waggaa 30 isa gaafateera.
Albamiin weedduu simbirrootaa kun qophaa'ee ummataaf kan dhiyaate torban tokko dura ture. Albamiin kun miidiyaa hawaasummaan erga beeksifamee booda fudhatamummaa guddaa argateera.
Weedduun simbirrootaa kun seenaa Awustiraaliyaa keessatti qofa osoo hin taane seenaa addunyaa keessattillee rikkardii haaraa gama muuziqaatiin galmaa'e ta'eera.
Simbirroota Awustiraaliyaatti argaman 6 keessaa tokko kan ta'an balaa sanyiin isaanii lafarraa baduuf saaxilamaniiru. Kanaaf sababiin guddaan ammoo jijjiirama haala qilleensaati.
Albamiin simbirroota kanaa akka qophaa'u kan taasifameefis kanuma ilaalcha galchuun hubannoon akka uumamu taasisuuf jedhameera.
















