Peeruu: Namichi simbirroota 20 shaanxaan baatee imalaa ture buufata xiyyaaraatti qabame

Madda suuraa, AFP
Namni lammii Beeljiyeem ta'e tokko simbirroota fayyaaleyyii 20 shaanxaa isaatti qabatee osoo imalaa jiruu buufata xiyyaaraa Limaa, Peeruu keessatti argamutti to'atame.
Namni maqaan isaa Huugoo Koniingiis jedhamu umuriin isaa ganna 54 ta'e kun, osoo simbirroota kana saanduuqoota xixiqqaa keessa kaa'uun shaanxaatti qabatee seeraan ala dabarsuuf jedhu qabamuu poolisiin ibseera.
Sanyiin simbirroota kanaa kan eegumsi taasifamuuf yogguu tahu, namichi gara magaalaa Maadiriid Ispeen geessuun gurgurachuuf ture.
Simbirroonni kunneen hunduu lubbuun oolaniiru. Haata'u malee, dheebuufi shaanxaa keessatti ukkaamamuurraa kan ka'een miidhaan hanga tokko irra ga'eera.
Saanduuqa sana keessa turuu isaaniirraa kan ka'eenis baalleen (kaattuu, kochoo) isaanii hanga tokko irraa luqqa'eera.
Obbo Huugoo Koniingiis kan to'annaa jala oolfaman Wiixata darbe yommuu ta'u, yakka bineeldota seeraan ala daddabarsuutiin hidhaan hanga waggaa shanii itti murtaa'uu danda'a.

Madda suuraa, AFP
Simbirroonni kunneen bosona Peruuviyaan, Ikuwaadooriifi Boliiviyaa keessatti qofa argamu.
Simbiroonni kunneen keessa 16 isaanii gosa simbiraa tanagers jedhamaniifi lama ammoo toucanets jedhamanidha. Gosoonni simbirroota kanaa qaamaan xixiqqoo kan ta'aniifi baallee/kaattuun isaanii halluu ifaa kan qabudha.
Baallee/kaattuu miidhagaa ta'e qabaachuu isaaniitiif yeroo baayyee namoota seeraan ala dadabarsaniin ni barbaadamu.
Peeruun gosoota sanyii simbirrootaa 1,800 ol ta'an qabdi.
Haata'u malee, namoonni seeraan ala simbirroota daddabarsan gosa simbirrootaa kana balaarra buusaa jiru.
Biyya sanattis simbirroonni kunneen seeraan ala daddabarsuun kun manca'insa qabeenya uumamaaf sababa guddaa ta'eera.













