Allaattiin miilarraa lakkoofsa qabdu Wallagga Bahaatti akkamiin argamte?

Madda suuraa, Katamaa Urgeessaa
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti allaattiin miillashee lamaan irraa odeeffannoo barreeffama lakkoofsaa, lakkoofsa gabatee konkolaataa fakkaatu, ofirraa qabdu argamte.
Gara lixa biyyattiitti allaattiin mallattoo ofirraa qabduu fi adda taate mul'achuun haaraa miti. Bara 2019 keessa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Noonnoo Sal'eetti argamtee turte.
Garuu kan Aanaa Guutoo Giddaatti mul'atte kun lakkoofsuma qofa waan ofirraa qabduuf akka ishee Iluu Abbaa Booraa eessaa dhufteeshee adda baasuun rakkisaa ta'eera.
Allaattiin fageenya dheeraa imaluushee dadhabbii isheerraa mul'atu kun jiraattota naannoon kan qabamtee fi dhiibbaa irra ga'eenis lubbuunshee darbeera.
Akkamiin argamte?
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti ogeessa kominikeeshinii kan ta'e dargaggoo katamaa Urgeessaa taateen kun ALI Bitootessa 30, 2014 guyyaa kessaa sa'atii 7:00 booda Ganda Gaaddisa Odaa jedhamutti mudate jedha.
''Ijoolleen xixiqqoon gandichaa allaattii kanaan dura arganii hin beekne ta'uushee wayita baran qabuuf yaalan. Wayitasheen qabamuu diddu namoota gurguddaa itti waaman,'' kan jedhu ogeessi kun, Allaattiin kun akka waan fageenya dheeraa imalteetti akkaan dadhabdee waan turteef balali'uu hin dandeessu turte jedhe.
Allaattiin lakkoofsa addaa T7659 fi VU 4649 ofirraa qabdu kun namoota qabuuf jedhan jalaa wayita baqattutti uleedhaan rukutamuun wayita qabamtu miidhamuushees dubbata ogeesi kun.
''Allaattiin kun erga qabamtee booda bulchiinsa gandichaa tursiifamuun soorati fi bishaan wayita kennamuuf fudhachuu idde. Luki ishee bakki sibiilli irratti hidhamee tures akkaan madaa'ee ture,'' kan jedhu Katamaan dhukkubbiin itti hammaannaan gara aanaatti erguu hima.
Ogeeyyiin beelladaa yaalii taasisaniifis allaattittiin garuu qabamtee guyyaa sadi booda du'uus hime. Erga duutees qubeelaa luka isheerratti hidhamee ture irraa hiikuun olkaa'uu himan.
Katamaan akka jedhutti allaattiin kun eessaa dhufuu akka maltu qaamolee kunuunsa beelladaa akkasumas warra Godina Iluu Abbaa Booraa gaafatanis odeeffannoo guutuu hin arganne.
Eessaa dhuftee allaattii kanaa baruuf baayyee akka ifaajan kan dubbatu ogeessi kun, inumaa lakkoofsa luka allaattittiirra jiru walitti aansuun barreessuun 09 dura aansuun bilbilaa akk turanfaa hime.
''Lakkoofsa kana walitti fufiinsaan barreessinee 09 jennee eegallee bilbilleerra. Yeroo tokko nama Aggaaroo jiraatu tokko nuuf baasee ture. Namni kunis allattittiin kan kiyya, naaf deebisaa jedhee dubbatee ture. Garuu isa booda lakkoofsichi cufameera. Kanas sirriitti mirkaneessuu hin dandeenye.''
Naannoon allaattiin kun itti qabamte gammoojjii ooyiruu qonnaa ta'uu kan hime ogeessi kun, iddoon da'oo sinbirrootaa yookiin paarkiin naannawa sana akka hin jirree fi allaattiin akkanas argamtee akka hin beekne hime.
Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Guutoo Giddaa odeeffannoo waa'ee allaattii kanaa fuula Facebook isaarratti erga barressee booda namoonni yaadota adda addaa kennaa turan.
Kaan mora yookiin tolcha ittiin raawwachuuf gadhiifamte jedhu, kaan ammoo basaasaaf meeshaan lukatti hidhamee ergame jechuun yaada kennu.
Kan mallattoo nagaatti jedhan akkasumas paarkii biyya biyya biraa keessaa haalli itti cimnaan baqattee dhufte waan ta'eef waan luka isheerra jiruun hordofaa kan jedhanis jiru.
Akkuma namoonni yaada dhiyeessan barreeffama meeshaa luka allaattittiirratti hidhame googole irra galchuun wayita sakattaanu Giddu Qubeela Sinbirrootatti hidhu kan biyya Poolaand ta'uu mirkaneeffanne.
Giddugalli kun maaliif sinbirrootatti qubeelaa hidha?
Ogeessa bineensa bosonaa kan ta'an Obbo Cammaree Zawudee taateen qorannoof jedhamee kan raawwatamuu fi biyyoota hunda keessatti waan mudatuudha jedhan.
Allaattiin amma argamte kun lakkoofsa addaa qubeelaa lukasheerraatti barreeffameen alatti hidhaa (Link) ittiin interneetii irra barbaaduuf gargaaru ''http//ring.stornit.gda.pl'' jedhu ofirraa kan qabu yoo ta'u, innis Giddu Gala Sinbirrootatti qubeelaa hidhu kan biyya Poolaand ta'uu agarsiisa.

Madda suuraa, Katamaa Urgeessaa
''Jaarmiyaan Jireenya Allaattiiwwanii Idil-addunyaa (Bird Life International) jedhamu jira. Isa jalatti jaarmiyaaleen hariiroo uumuun hojjetan jiru. Jaarmiyaan Poolaand kun isa jala jiraachuu danda'a. Itoophiyaanis jaarmiyaa kana waliin hariiroo qabdi,'' jedhan Obbo Cammareen.
Jaarmiyaan allaattiirratti qubeelaa (tag) hidhee gadhiisu odeffannoo guutuu waan eeruuf ni beekama kan jedhan Obbo Cammareen, ''qorannoof, eessatti qormaati akkasaan mudatuu fi fageenya allaattiiwwan imaluu danda'an akkasumas haala jiruu fi jireenya sinbirrootaa ittiin to'achuuf kan raawwatamuudha,'' jedhan.
Sinbirrootaaf haala mijataa addunyaa saditu jia kan jedhan Obbo Cammareen, sinbirroonni heduun qabeenya addunyaa waan ta'aniif haala mijataa argatan keessa imalu jedhan.
''Sirnakkoowwan sadi sinbirroonni akkaataa haalaa fi amala isaaniin waliin keessa imalan (Biome) saditu jiru. Inni Sudaan-Giinii jedhamu Lixa Oromiyaa, Gambeela, Beenishaangul Gumuz, Sudaan dabalatee hanga Giiniitti kan fulla'uudha. Kun Sudan-Guinea Biomes Emblem jedhama. Afroalpine kan jedhamu ammoo Kaaba irraa eegale hanga Baalee fi Kibbaa biyyattiitti sinbirroonni haalaa fi amala tokkoo kan keessa imalaniidha. Inni sadaffaan ammoo Somaalii-Maasaay jedhama, kunimmoo Keenyaa dabalatee gammoojjii Somaaliyaa, Affaar, kutaa Eertiraa, Baha Oromiyaa hanga Booranaa darbees hanga Taanzaaniyaatti fulla'a.''
Gosa sinbirrootaa Itoophiyaan qabdu 871 keessaa Itoophiyaa keessatti qofa kan argaman gara 19ti jedhan, kanaafuu sinbirroonni qabeenya biyya tokkoo qofa osoo hin taane qabeenya addunyaati jechuun jiruun sinbirrootaa addunyaarra naanna'uudhaan aka ta'e ibsan.
Kanaaf jaarmiyaaleen dhimma sinbirrootaa irratti hojjetan ittiin to'achuu fi eegumsa akkasumas qorannoo gochuuf qubeelaa irratti godhu jedhan.
Wayita Kibba Itoophiyaa Paarkii Marga Adii (Nacci Saar) keessa hojjechaa turan naannoo sanattis taateen kun akka mudate kan eeran Obbo Cammareen, taateen kun bakka hedduutti ni mudata jedhu.
''Wanti nurraa eegamu odeeffannoo waa'ee allaattii kanaa qixeessinee qaama dhimmi ilaalutti himuudha. Odeeffannoo waa'ee allaattii funaannachuutiin ala ajandaan biraa hin jiru,'' jechuunis ergamasaa ibsan.













