Mootummaan federaalaa lola biraa Tigraayitti banuuf qophaa'aa jira jechuun TPLF himate

Madda suuraa, TPLF
TPLF mootummaan federaalaa waraana marsaa biraa Tigraayitti banuuf qophaa'aa jira jechuun himate.
Gareen kun ibsa Wiixata, Guraandhala 09 baaseen kana kan beeksise yoo ta'u, naannoo Tigraay keessatti waraana marsaa biraa eegaluuf mootummaan federaalaa qophii guddaa gochaa akka jiru himeera.
Mootummaan federaalaa huma waraanaafi loojistikii guddaa gara Tigraayitti sochoosaa akka jiru ibsuun, "waraana balaafamaa marsaa biraa gaggeessuuf of qopheessaa jira jechuun mootummaa himateera TPLF.
Dhaabi TPLF ibsa isaa keessatti, uummanni Tigraayiifi gaggeessitoonni [naannichaa] garaa garummaa jiru furuuf mariin murteessaa akka ta'e ejjannoosaanii akka ta'e kan ibse yoo ta'u, mootummaan federaalaa kanarra tarkaanfachuun waraana biraaf qophiitti akka jiru himate.
Ibsi TPLF kun yeroo mootummaan Itoophiyaa Ertiraan loltootashee daangaa Itoophoyaa keessaa akka baastuufi qaamota hidhatanii Itoophiyaa lolan deeggaruu akka dhaabu akeekkachiisuun xalayaa barreesseefi mootummaan Eritiraa ammoo himannaa Itoophiyaa kana "soba dhugaarraa fagaatedha" jechuun deebii kennitettidha.
Torban tokko dura ammoo mootummaan Itoophoyaa fi humnoonni Tigraay bakka naannoleen Amaaraa fi Tigraay waldaangessanitti, keessumaa Tsallamti keessatti walitti bu'anii turan.
Walitti bu'iinsi sana hordofee Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyootaaf balalii gara naannoo Tigraayitti taasisu erga adda kutee booda deebi'ee eegale.
Humnoota mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti walitti bu'iinsa torban darbe dhalatee ture ilaachisee TPLF ibsa baase kanaan mootummaan federaalaa haleellaa banuun dubbii hammeessuu himate.
Haleellaa lafoofi qilleensarraan "mootummaan federaalaa" gaggeesse jedhe kanaan lubbuun namootaa darbuu ibse.
Waliigalteen Piritooriyaa akka kabajamuuf "wawwaataan ture" kan jedhe TPLF ibsa isaa kanaan, mootummaan federaalaa kana cinaatti dhiisuun daangaa heeraan kan Tigraay ta'e dhibbeentaa 40 " hidhattoota isa waliin hidhata qabanii to'atee jira" jechuun buqqaatonni qe'ee isaanitti deebi'uu dhabanii "du'aa akka jiran" ibse.
Ammas taanaan "ummata Tigraayis ta'ee TPLF waraanni deebi'ee akka ka'u hin barbaadan" kan jedhe Gareen kun, akkaataa Waliigaltee Piritooriyaan mariyachuuf qophii ta'uu ibse.
Hawaasni idiladdunyaa mootummaan Itoophiyaa sochiifi qophii waraanaa taasisaa jiru akka dhaabufi waraanni dhiiga dhangaalaasu biraa akka hin kaanef "hawaasi idiladdunyaa mootummaa Itophiyaarratti dhiibbaa akka godhuuf waamicha dhiyeessera.















