'Biyyoota malaammaltummaan itti hammate keessaa, Itoophiyaan foyya'iinsa argamsiiste'-Gabaasa

Sadarkaa malaammaltummaa biyyoota 182 kan ifoomse Tiraanispaarensii Internaashinaal , addunyaa irraa biyyoota Afrikaa keessumaa ollaa Itoophiyaa ta'an hedduu keessatti malaanmaltummaan hundee gadifageeffateera jedhe.
Malaammaltummaa biyyootaa kennaa tajaajila ummataa keessatti addunyaarratti mul'atan waggaa waggaan hordofee kan gabaasa baasu dhaabbanni Tiraanispaarensii Internaashinaal jedhamu sadarkaa malaammaltummaa biyyootaa kan bara 2025 ifa godheera.
Dhaabbatichi inumaa bara 2012 irraa eegalee biyyoota Afrikaa madaalaman gara 49 keessaa 10 akka malee malaanmaltummaan laaqamuu isaanii mul'isuu ibse.
Biyyootni baay'een muraasni sadarkuma sanaan yoo itti fufan bara 2012 kanaa hanga bara 2025tti fooyya'iinsa kan agarsiisan biyyoota torba qofa jedheera.
Itoophiyaanis biyyoota foyya'iinsa muraasa mul'isan keessaa tokko ta'uu ishee dhaabbanni Tiraanispaarensii Internaashinaal jedhamu kun kan eere.
Akkaa dhabbatichi jedhutti akkataan madaallii malaammaltummaa biyyootaa agarsiisu kun hojjattootni mootummasa fi daldaltoonni tajaajila ummatni argachuu qabu irratti hundaa'uun qabxiin kan kennamuudha.
Malaammaltummaan bulchiinsa qabeenya mootummaa keessatti mul'atu hanqina naamusa siyaasaa hoggantoota biratti mul'atu akkasumas dandeettii ummanni tajaajila bu'uuraa argachuuf qabu ammallee furmaata cimaa barbaada.
Haalli kun jireenya guyyaa guyyaa lammilee irratti dhiibbaa uumuun isaa yaaddoo cimaa ta'uu gbaasichi kan eere.
Jireenya namootaa fooyyessuuf mootummaan malaammaltummaa ittisuufi iftoomina tajaajila hawaasaa cimsuuf tarkaanfiiwwan bu'a qabeessa ta'an dursa kennuu akka qaban gabaasichi hubachiisera.
Maallaqa mootummaa akka malee fayyadamuun kessumaa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti gadadoo hammeessuus ibse.
Itoophiyaa fi biyyoota ollaa ishee

Madda suuraa, Transparency International
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoota ollaa waliin wal bira qabamuun yoo ilaalamtu Itoophiyaan malaammaltummaatiin sadarkaa fooyyaa'aarratti kan argamtu yoo taatu, biyyoonni ollaa Itoophiyaa hundi malaammaltummaan Itoophiyaa caalaa kan keessatti hammaate ta'uu gabaasichi mul'iseera.
Itoophiyaa waggoota lamaan darban qabxii 100 keessa 37 aragachuun sadarkaa 99 irra turte.
Bara 2025 tti
Itoophiyaa qabxii 38 argachuun biyyoota 182 keessaa sadarkaa 96
Sudaan qabxii 14 abaachuun sadarkaa 175
Eertiraa qabxii 13 qabaachuun sadarkaa 177
Somaaliyaa qabxii 9 qabaachuun sadarkaa 181
Sudaan Kibbaa qabxii 9 qabaachuun sadarkaa 181
Keeniyaan qabxii 30 qabaachuun sadarkaa 130
Jibuutiin qabxii 31 qabaachuun sadarkaa 124 irratti argamu.
Haala sadarkaa malaammaltummaa biyyootaa agarsiisuun qabxii 100 keessaa ilaalamuun biyyoonni walakkaa (50) ol galmeessisan haala gaariirra jiru kanneen jedhamanidha.
Akkaataa kanaan Afrikaa keessaa biyyoonni sadarkaa fooyyaa'aarratti argaman jedhan Siishels (qabxii68 n sadarkaa 24ffaa), Keep Veerdee (qabxii 62n sadarkaa 35ffaa) Botiswaanaa (qabxii 58n sadarkaa 41ffaa), akkasumas Ruwaandaan (qabxii 58n sadarkaa 41ffaa) irratti argamu.
Mozaambiik (21) waggoota kurnan darban keessatti qabxii 10 gadi bu'eera.
Akkaataa sadarkaan kun itti kennameen biyyo qabxiin 100 kennameef kan malaammaltummaan keessa hin jirre yoo ta'u, kan 0 yon qabxiin gadi aanaa kennameef ammoo biyya malaammaltummaan keessatti hammaatudha.
Sadarkaan malaammaltummaa gadi aanaa ta'e kan keessatti argamu biyyoota tasgabbii dhabuu siyaasaafi walitti bu'insa hin qabne yoo ta'an, malaammaltummaan kan keessatti hundee gadi fageeffate ammoo biyyoota walitti bu'insiifi goolamni itti hammaatu ta'uu gabaasichi mul'iseera
Gorsaan Naannoo Afrikaa Transparency International, Paul Banoba yeroo tokko waa'ee dhiibbaa malaammaltummaan Afrikaa keessatti geessisu dubbatanii, "Malaammaltummaan damee mootummaa keessatti mul'atu yeroo hunda namoota baay'ee saaxilamoo ta'an haala hamaan miidha" jedhan.
Gamtaan Afrikaa waggoota kurnan lamaa oliin dura imammata Malaammaltummaa Ittisuu hojirra oolchuuf, ammallee waan baay'een hojjetamuu qaba jedhan
Mootummoonni Afrikaa waadaa farra malaammaltummaa galan hatattamaan hojiitti akka hiikanis waamichi dhiyaateera."















