Manni Murtii Yakkaa idiladdunyaa qoqqobbii Tiraamp balaaleeffate

Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa (ICC) erga Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hojjettoota mana murtichaarratti qoqqobbii kaa’uuf ajaja mallatteessan booda mormii dhageessise.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC hordofaa
  • Tiraamp Mana Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa (ICC) qoqqobe, dhaabbatichi morme
  • Aangawoonni Itoophiyaa fi Turkii waliigaltee Ankaraa irratti mari'atan
  • Loltuun Israa'el Gaazaatti hidhamtoota Filisxeem dararuutti hidhame
  • Cufamuun USAID maaliif falmii kaase?
  • Tamsaasa kallattii darbe asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namoonni butaman sadi Hamaas gadhiise amma Israa'el galaniiru- IDF

    Lammilee Israa'el

    Dhiirooni har’a Hamaasin gadhiifaman sadii amma Israa'el gahaniiru.

    Muummichi ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ibsa kennaniin biyyattiin “namoota sadan deebi'an simatte” jechuun, amma gara IDF akka geeffaman maatiin isaanii beeksifamuu himaniiru.

    Namoonin gadi dhiifaman kunneen biftisaa huqqatee waan mul'atuuf namoonni Israa'el keessa jiran yaaddoo keessa jiru .

    Hogganaan mormitootaa Israa'el Yair Lapid jijjiirraa har’a ilaaluun 'qalbii nama cabsa' jechuu X irratti maxxanse.

    Ibsa kennaniin, maatii namoota butamanii huqqachuu namoota kanaa yaaddeesaadha jechuun namoota butaman hunda gara biyyaatti deebisuuf yeroo akka hin jirre kan mirkaneessu ta’u dubbatan.

    Mariisistoonni Israa’el marii dhikaasa dhaabuu sadarkaa itti aanuu gochuuf gara Qaxar qajeelu jedhamee eegama.

  2. Israa'el hidhamtoonni Filisxeem 183 gadhiifte

    Filisxeemota

    Madda suuraa, EPA

    Marsaa jalqabaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessatti hidhamtoonni Filisxeem 1,900 gadhiifamuu Israa'eloonni butaman 33 gadhiifamuu qabu.

    Har'a Israa'el Filisxeemota 183 gadhiiftee jirti.

    Hanga ammaatti namoonni 500 ol gadhiifamaniiru. Yeroo baay’ee Filisxeemonni hidhamtoota uffata mana hidhaan gadhiifaman kana otobosii jalaatti isaan eeguun hammatanii dhungatan.

    Hidhamtoota kana keessaa hedduun isaanii dubartootaa fi daa'imman. Dhuma baatii Amajjii namoota gadhiifaman keessaa tokkoo dubartii umriinshee waggaa 15.

    Isaan keessaa gariin yakka xiqqaadhaan himataman, kaan ammoo itti murtaa’ee ykn sirnaan hin himatamne.

    Garuu hidhamtoonni 21 ajjeechaa dabalatee yakka cimaa ta’een himataman gara naannoo Filisxeem akka deebi’an Isra’eel hin hayyamamneef. Isaan gara Masrii ykn biyyoota ollaatti geeffaman.

    Dhuma Amajjii Isra’eel Huseen Nassar nama ganna 47, kan bara 2003 Intifadaa(fincila) Filisxeem lammaffaa irratti hirmaachuu isaatiin to'annoo jala oole, gadhiifte.

    Intalli isaa kan yeroo inni mana hidhaa jiru dhalatte, gaafas yeroo jalqabaaf isa hammachuu dandeette.

  3. Lammileen Israa'el sadii fi hidhamtoonni Filisxeem 183 gadhiifamuuf jiran

    Namoota Hamaasin butaman

    Lammileen Israa'el Hamaasin butamani turan sadii fi hidhamtoonni Filisxeem 183 har'a gadhiifaman jedhamee eegama.

    Hamaas kaleessa maqaa namoota har’a hidhamtoota Filisxeemin jijjiruudhaaf gadhiiftuu himte turte.

    Isaanis namoota nagaa Eli Sharabi, Ohad Ben Ami, fi Levy kan jedhaman.

    Gadhiifamuu isaanin dura loltoonni Hamaas walitti qabamanii waltajjii qopheessaniiru .

    Kaameeraa, beeksisni fi alaabaa Hamaas nannoo konkolaattonni adiin itti argamanitti kan qophaa'e yoo ta'u, namoonni daawwachuuf walitti qabamaniiru.

    Hamaas

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el keessatti maatiin isaanii baay'ee gammadaniiru.

    Firri tokko, BBCtti "hanga ija kootiin argutti Eliin gadhiifamuu hin amanu" jedha.

    “Hin rafne, eegaa jirra, nutis dhiphanneerra. Onneenkoo na dhukkubaa jira, Eliin waan hin beekamnetti dhufaa jira; Mana hin qabu, haadha manaa hin qabu, ijoollee hin qabu, obboleessa angafaa hin qabu. Eliin waa'ee kanarraa maal akka beeku hin beeknu."

    Mana maatii Sharabii kutaa baha Tel Aviv keessatti, miira gaariitti jira

    Durbiisaa Jaakiin keekii fi shaampaayin qindeessitee jirti, akkuma gadhiifamuun isaa mirkanaa'een keekii kutee shaampaayinii buqqisa jetti.

    Miseensoti maatii hedduun tiishartii suuraa Elii fi kan obboleessa isaa Yoossi qabu uffatani jiru. Inni Gazaatti erga Elii waliin butamee ajjeefame.

    Jaakii
  4. Poolisiin Keeniyaa namni qindeessaa WBO kan Isiyooloofi Marsabiit jedhame hin butamnee jedhe

    Asxaa Poolisii Keeniyaa

    Madda suuraa, National Police Service

    Poolisiin Keeniyaa guyyoota dura bulchiinsota Kaaba Keeniyaa akka Marsabiitiifi Isiyooloo keessatti dahoo WBO naannicha keessa socho'u irratti duula gaggeessuu akka eegale ibsunsaa ni yaadatama.

    Duula kanaan namni Sadaam Bukkee jedhamuufi naannolee kana keessatti qindeessaa WBO akka ta'e shakame to'annoo jala ooluu Poolisiin Keeniyaa ibsa baaseen beeksiseera.

    Haata'u malee, miidiyaalee hawaasaa gubbaatti namni kun butamee achi buuteen dhabame jedhamee kan odeeffamaa jiru dhugaa mitii jedha ibsi poolisiin biyyattii baase.

    Namni kun to'annoo seeraa jala akka jiruufi mana murtiitti akka dhiyaatu ibse.

    Namni kun duula Ondoa Jangili jedhamuun to'atamuu kan beeksise ibischi, namni kuniifi kanneen biroo to'ataman heera biyyaa bu'uura godhachuun mirgi namoomaafi bilisummaan isaanii osoo hin sarbamiin seera dura dhiyaatu jedheera.

  5. Ji'oota jaha bara 2017 keessa balaa ibiddaa qaqqabe 103 keessaa 10 ta'e jedhee raawwatame

    Balaa Ibiddaa Finfinnee Shammaa Taraatti qaqqabe

    Madda suuraa, WMCC

    ALI Ji'oota jaha bara 2017 keessa balaa ibiddaa Finfinneefi naannawaa birootti qaqqabe 103 keessaa 10 ta'e jedhamee kan raawwate akka ta'e Poolisiin Federaalaa beeksise.

    Komishiniin Poolisii Federaalaa qorannoowwan Foorensiikii balaawwan ibiddaa gurguddaa qaqqaban 103 irratti gaggeessee bu'aa isaa ifa godheera.

    Akka gabaasa qorannoo kanaatti blaawwan irra hedduun kan qaqqaban rakkooelektikin walqabatuuni.

    Balaawwan harka walakkaatti siiqan(50) rakkoo ibsaati. Sababa balaa ibiddaa kan lammataa ammoo dagannaadhaan kan qaqqabeedha. balaawwan 17 dagannaan mudatan jedheera. Rakkoo makaanikaalaan balaawwan 11 kan qaqqaban yoo ta'u, balaawwan 10 ammoo ta'e jedhamee namni kan qaqqabsiise akka ta'e gabaasichi ibseera. Balaawwan hafan 15 ammoo sababoota biroo adda addaan mudatan.

    Akka gabaasichaatti balaawwan akka biyyaatti galmaahan kana keessaa 96 magaalaa Finfinnee keessatti qaqqaban. Kan hafan torba kutaalee biyyattii biroo keessatti.

    Balaawwan ibiddaa kunniin manneen jireenyaa 582, konkolaattota 12, manneen daldalaa 1965, warshaalee jaha irratti miidhaa geessisuun ibsameera.

    Ibsichi qabeenyi barbaadaa'e maallaqa hangamii akka ta'u hin ibsine.

  6. 'Waan addaa kan ta'u yoo waancaa injifatte qofa'- Arni Isloot

    Arine Isloot

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Liiverpuul Arni Isloot Totenhaamiin 4-0n injifachuun waancaa Karabaawoof darbuu booda yaada kenneen waancaa injifachuu baannaan milkiin hanga ''ammaa waan addaa hin ta'uu'' jedhe.

    Leenjisaan baroota sagalii kilabichaa Yaargan Kiloop gadhiisuu booda bara jalqabaa Piriimiyeer Liigiitti kan makametti liigicha dursaa, morkii shaampiyoonsi Liigiis dursaa gara marsaa itti aanutti kan ce'e Isloot milkaahina hanga ammaa argateen jajamaa jira.

    Isloot erga gara Aanfiild dhufee xumura waancaa isa jalqabaaf darbuu eda mirkaneeffateera.

    Weembileetti waancaa injifachuuf taphachuun miira akkamii akka qabu nan hubadha kan jedhu leenjisaan ganna 46 kun, ''garuummoo waan addaa kan ta'u yoo waancaa injifatte qofa. Kunimmoo hangam ulfaataa ta'uuf akka deemu ni beekna, Niiwkaasil garee ajaa'ibaati'' jedhe.

    Erga Liiverpuuliin leenjisuu eegalee garee kana cimsuuf hojii jabaa hojjechuufi taphattootni cimanii of fooyyessaa jiraachuu dubbateera. Ammoo jijjiiramni guyyaa guyyaan mula'tu xumura waancaaf gahanii injifachuu galma godhachuu akka qabu dubbate.

    Isloot Liiverpuuliin taphoota 37 irratti durseera. kana keessaa 29 injjifatee, sadii qofa mo'atame.

    Injifannoonsaa Kamisa galgalaa warra hedduu itti gammade keessaa ta'uus hime.

    Isloot hanga ammaa waancaa afur injifachuuf hiree harkaa qaba. Piriimiyeer Liigii, Chaampiyoonsi Liigii, FA Kaap fi Kaarabaawo(isa amma xumuraaf gahe). Morkiin Waancaa Niiwkaasiliifi Liiverpuul Bitootessa 16 gaggeefama.

    Waancaa hangam milkeessuu danda'a?

  7. Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)n aangoo attamii qaba?

    Mana Murtii Yakkaa Idiladdunyaa yeroo abbootiin taayitaa biyyaalessaa himachuu hin dandeenye gidduu seena

    Madda suuraa, Gett

    Ibsa waa'ee suuraa, Mana Murtii Yakkaa Idiladdunyaa yeroo abbootiin taayitaa biyyaalessaa himachuu hin dandeenye gidduu seena

    Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) kan Heeg keessatti argamu, mana murtii addunyaa dhaabbataa kan ta'eefi kan namoota dhuunfaafi dureewwan yakka duguuggaa sanyii, yakka dhala namaa irratti raawwatamuu fi yakka waraanaatiin himachuuf aangoo qabuudha.

  8. Manni Murtii Yakkaa idiladdunyaa murtee Tiraamp balaaleeffate

    Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa qaamolee yakka gurguddoo raawwatan seeratti dhiheessa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa qaamolee yakka gurguddoo raawwatan seeratti dhiheessa

    Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa (ICC) erga Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hojjettoota mana murtichaarratti qoqqobbii kaa’uuf ajaja mallatteessan booda mormii dhageessise.

    Ibsa dhaabbatichi baaseen ajaja Pirezidant Tiraamp balaaleeffateera, hojii haqaa dalaguu akka itti fufu beeksise.

    Ajaji Tiraamp mallatteessan kuni mana murtichaa ‘’bu’uura seeraa kan hin qabne’’ jechuun ibsa. Akkasumas Israa’el fa’i irratti xiyyeeffate jedha.

    Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa himannaa yakka waraanaan walqabatee MM Israa’el, akkasumas ajajaa Hamaas irratti ajaja hidhaa baaseera.

    Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa mana murtii idil-addunyaa duguuggaa sanyii, yakka namoomaafi waraanaa kanneen raawwatan jedhe seeratti dhiheessa.

    Haa ta’u malee, Ameerikaafi Israa’el miseensa miti.

  9. Xiyyaarri waraana Ameerikaa lammiilee Indiyaa biyyaa ari'aman fe'ee Punjaab qubate

    Xiyyaara waraana Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Xiyyaarri Ameerikaa lammiilee Indiyaa karaa seeraatiin ala Ameerikaa seenan jedhaman gara 100 ta’an fe’ee tokko bulchiinsa Punjaab keessa qubate.

    Xiyyaarri waraanaa, kan Kibxata galgala Teeksaas irraa kan ka’e yoo ta’u, amma magaalaa Amritsaar qubateera.

    Prezidaant Doonaald Tiraamp lammiilee biyya alaa waraqaa ragaa hin qabne jumlaan biyyaa ari’uu imaammata ijoo taasisaniiru.

    Ameerikaan lammiilee Indiyaa gara 18,000 ta’an kan seeraan ala biyyattii seenan jettee amantu adda baasuun himte.

    Tiraamp Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin namoota Ameerikaa ari'ataman simachuun ''waan sirrii ta'e akka hojjettu'' mirkaneessaniiru jedhan.

  10. Yuniyeeniin bulchiinsi Tiraamp USAID cufuutti himate

    Namoota tarkaanfii Tiraamp USAID diiguuf taasise falmuuf hiriira bahan

    Madda suuraa, Getty Images

    Gamtaan hojjettoota Ejensii Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa (USAID) bakka bu’an lama, karoora Waayit Haawus hojjettoota dhaabbatichaa baayyee xiqqeessuuf qabate irratti Pirezidaantii Doonaald Tiraamp fi bulchiinsa isaanii irratti himannaa banan.

    Kamisa darbe, hojjettoonni USAID dhaabbatichi akka addunyaatti hojjattoota isaa gara kuma 10 irraa gara 300 akka gadi xiqqaatu akka eegan itti himameera jedha gabaasni miidiyaalee Ameerikaa.

    Himannaan gareewwan hojjettootaa Waashingitan DC'tti dhiyeessan pirezidaanti Tiraamp ejensicha cufuudhaaf aangoo hin qaban jechuun falman.

    Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon Ameerikaan ''gargaarsa biyya alaa irraa fagaachaa hin jirtu'' jedhan. BBC'n dhimma kanarratti yaada akka kennaniif Waayit Haawus, Ministeera Dhimma Alaa, USAID fi kutaa maallaqaa gaafateera.

    Bulchiinsi Tiraamp, USAID maallaqa qisaasessaa sababii jiruuf dhimmoota imaammata preezdaantichaatiin dursi kennamaniif wajjin walsimsiisuu akka qabu ibseera.

    Himannaan Kamisa darbe kunis Waldaa Tajaajila Alaa Ameerikaa (AFSA) fi Federeeshinii Hojjettoota Mootummaa Ameerikaa (AFGE)dha.

    Kunis tarkaanfiiwwan Tiraamp USAID xiqqeessuuf fudhatan waliin walqabatee himannaa seeraa isa jalqabaati.

    Himannaan kun Tiraamp'n alattis, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa, USAID, kutaa maallaqaa, ministeera dhimma alaa fi Ministira Maallaqaa Iskoott Beesent irratti kan xiyyeeffatedha.

    Himannaan kunis pirezidaantichi ejensicha diiguuf yaaluun Heera mootummaa fi seera federaalaa cabsaa jira jechuun falma.

    "Tarkaanfiin himatamtoonni USAID diiguuf fudhatan keessaa tokkollee bu'uura hayyama kongireesiitiin hin fudhatamnedha," jedha himanni kun.

  11. Aangawoonni Itoophiyaa fi Turkii Finfinneetti waliigaltee Ankaraa irratti mari'atan

    Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) jila Turkii irraa dhufe waliin wayita mari'atan

    Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) jila Turkii irraa dhufe waliin wayita mari'atan

    Deetaa ministeera dhimma alaa Turkii kan ta'an Burhanettin Duran jilasaanii qabachuun gara Finfinnee imalanii Ministira dhiimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) waliin akkaataa hojiirra oolmaa waliigaltee Ankaraa irratti marii teeknikaa gaggeessaniiru.

    Dr Geediyoon walii galteen Ankaraa Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti araara buusuuf mallattaa'uu isaaf jila Turkii irraa dhufe galateeffatani.

    Gareen lameenuu hojiirra oolmaa waliigaltee Ankaraa ilaalchisuun yaada kan wal jijjiiran yoo ta'u, Dr Geediyoon gama kanaan Itoophiyaan kutannoon akka hojjettu ibsaniiru.

    Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteessuu booda dhibdee Somaaliyaa waliin uumame furuuf jaarsummaa Pirezidantii Turkii Rasiip Xayyib Erdogaaniin Waliigalteen Ankaaraa Mudde darbe mallattaa'e.

    Akkaataa waliigaltee kana hojiirra oolchuun danda'amurratti mariin teeknikaa Guraandhala 2025 akka eegaluu fi ji'oota afran itti aanan keessatti akka hojiirra oolu karoorfamee ture.

    Waliigalteen Ankaraa mallattaa'ee torban lama booda mariin sadarkaa qondaaltota mootummaa olaanoo biyyoota lamaaniitti kan jalqabaa ta'e Finfinneetti gaggeeffamee ture.

    Jilli Ministeera Dhimma Alaa Somaaliyaa jalatti hoogganamu gara Finfinnee wayita imaletti akkaataa waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuu fi hariiroo biyyoota lameenuu cimsuun danda'amurratti xiyyeeffachuun gitasaanii gama Itoophiyaan jiran waliin mari'ataniiru.

    Marii Finfinnee kana booda Pirezidantiin Somaaliyaa gara Masrii fi Ertiraa imaluun qondaalota biyyoota kunneenii waliin mari'ataniiru.

    Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud Finfinneetti Ministira Muummee Abiy Ahmad wajjinis mari'ataniiru.

    Mootummaan Itoophiyaa fi Somaaliyaa gaggeesitoonni biyyoota lamaanii dhimmoota hariiroo biyyoota lamanii irratti marii bu'a qabeessa gochuu ibsaniiru.

    Walitti dhufeenyasaanii laafee ture karaa dippilomaatota isaanii iddootti deebisuuf waliigaluus ibsaniiru.

  12. Tiraamp Iraan irratti ajaji mallatteessan maali?

    Hogganaa olaanaa Iraanii fi Doonaald Tiraamp

    Tiraamp gara Waayit Haawus wayita deebi'u wantoota akkaan eegamaa turan keessaa tokko dhimma Iraani.

    Dhumarrattis kan eegamaa ture ta'eera. Doonaald Tiraamp dhiibbaa guddaa Ameerikaan Iraan irra keessee turte itti fufsiiseera.

    Haata'u malee, Tiraamp wayita tarkaanfiiwwan US Iraan irratti fudhattu mallatteessu akkaataan dubbii fi yaadonni inni kaasaa ture ajaja inni mallatteesserraa xiqqoo adda.

    Yaada Iraan irratti kenne keessatti tarkaanfiiwwan mallatteessetti akka hin quufne fi gaabbiillee akka irraa qabu waan akeeku dubbateera.

    Guutuummaa gabaasa kanaa asiin ni argattu.

  13. Loltuun Israa'el Gaazaatti hidhamtoota Filisxeem dararuutti hidhame

    Loltuun Israa’el kun Falasxiinota bakka tursiisaa Sde Teiman (fakkii irratti) kibba Israa’el keessatti hidhaman irratti miidhaa geessiseera

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni murtii waraanaa Israa’el loltuun hidhamtoota Filisxeem Gaazaa irraa dhufan giddugala hidhaa waraanaa Sde Teiman keessatti miidhaa cimaa raawwachuu isaa erga amanee booda hidhaan ji’a torbaa itti murteesse.

    Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) akka jedhetti, humni eeggataan maqaa isaa hin ibsine kun, ''taateewwan hedduu hidhamtoota harka isaatiin yoo rukutuu, osoo harkasaanii hidhamee fi ija isaanii cufamee jiruu meeshaa waraanaa isaa fayyadame'' jedhamuun yakkamaa ta'uu ibseera.

    "Gochoonni kunneen bakka loltoonni biroo jiranitti kan raawwataman yoo ta'u, isaan keessaa tokko tokkos akka dhaabuuf waamicha dhiyeessan, bilbila harkaa himatamaa irrattiillee galmaa'era," jechuun dabalee ibseera.

    Gaazexaan Haaretz, loltuu kunis kan jalqabaa yeroo waraana Hamaas waliin taasifameetti lammiilee Gaazaa irratti miidhaa geessisuudhaan yakkamaa ta’uusaa ibseera.

    Akkasumas Mana Murtii Waraanaa Beit Lid wabeeffachuun loltuun kun qaama waliigaltee himannaa abbootii alangaa waliin taasifameen yakka miidhaa cimaa sadii fi gocha hin malle tokko raawwachuu akka amanee Haaretz gabaaseera.

    Isaanis taateewwan adda addaa afur kanneen baatii Amajjii fi Waxabajjii bara 2024 gidduutti, yeroo inni konkolaattota fe'umsaa hidhamtoota geejjibsiisan eegaa ture mudateen kan walqabatan jedha.

  14. Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ashamaa hordoftoota Kenya. Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo kan guyyaa Jimaataa kunoo amma eegalleerra.

    Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook keenyas nu hordofaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  15. Yukireen xayyaarota waraanaa ammayyaa F-16 dabalataan argatte

    Xayaarota F-16

    Madda suuraa, Getty Images

    Yukireen xayyaarota waraanaa ammayyaa F-16 dabalataan argachuu beeksifte.

    Maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti, xayyaarota waraanaa F-16 Yukireenif kan kenne Neezarlaandisiidha.

    Bara darbe ji'a Hagayyaa keessa Yukireen xayyaarota waraanaa kana yeroo jalqabaaf argachuu beeksifte. Kan ammaa kun dabalata.

    Xayyaara waraanaa F-16 kan omishtu Ameerikaan biyyoonni fedha qaban Yukireenif akka kennan hayyamuu hordofee Nezarlaandis fi Deenmaark xayyaarota kana Yukireenif kennuuf waadaa galanii ture.

    Raashiyaan Yukireenirratti waraana labsuu hordofee, Yukireen xayyaarota waraanaa ammayyaa Ameerikaan omishtu kadhataa turte.

    Xayaarri F-16 xayyaaraa waraanaa ammaayyaa ta'uurraa kan ka'e lola qilleensarraafi lafoof haalan mijataadha.

    Misaa'eloota fageenya dheeraa imaluu danda'an dhukaasufi sirna ittisaa miliquudhanis kan beekamuudha.

    ![Xayaarri] kun xayyaarota waraanaa Faransaayi Miraaj jedhaman waliin ta'uun yeroo dhiyootti ergama waraanaf hojiirra ooluu eegalu, ittisa keenyas ni cimsu," jechuun fuula facebook isaarratti barreesse ministiirri ittisaa Yukireen Rustam Umeeroov.

  16. Waggoota dheeraf Maadiriidif kan taphate Marseelon ganna 36tti kubbaa dhaabe

    Marseeloo

    Madda suuraa, Getty

    Lammiin Biraazil bara 2007 eegalee Maadiriidif taphataa ture Maarseelon ganna 36tti kubbaarraa soorama bahuu beeksise.

    Maarseeloon ganna 18tti ture Maadiriidif taphachuu kan eegale. Maadiriidif sarara ittisaarratti hiriiree taphachuun kan beekamu lammiin Biraazil kun, biyyasaaf taphoota 58 taphateera.

    Turtii waggaa 15 Maadiriid waliin tureen waancaa Shaampiyoons Liigii shaniifi Laa Liigaa jaha nyaatera.

    "Waggaa 18 yeroon guutu Maadiriid waan na barbaadef asan dhufe. Amma garaa koorraa ani Maadiriileenodha jedhee dubbachuu nan danda'a," jechuun miidiyaa hawaasaa irratti ibse.

    "Tapha kubbaa miilaa asumatti dhaabuu kooti, garuummoo kubbaa miilaf waanan gumaachu baay'en qaba. waan hundaafuu galatoomaa jechuun barbaada."

    Maarseelon si'a 656 kilabasaaf hiriiree taphateera.

  17. Mormiin jabaatus Tiraamp karoora Gaazaa qabachuu irra deebiin beeksisan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Kibxata darbe karoora Gaazaa bulchuu qabaachuu ifa gochuu booda hoogganoota addunyaarraa balaaleffannaan isaan mudateera.

    Mormiin dhagaahamus Tiraamp Kamisa har'aas irra deebiin US Gaazaa ni fudhatti jehcuun fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaanii Truth jedhamu irratti barreessan.

    ''Wayita waraanni goolabamu Israa'el ulaa Gaazaa USf dabarsitee kenniti'' jedhan.

    Filisxeemonni amma Gaazaa keessa jiran bakka fagootti, iddoo bareedaa qubsiifamus jedhaniiru.

  18. Uummata Gaazaa keessaa baasuuf waraanni qophii akka ta'u Israa'el ajajje

    Gaazaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Ittisaa Israa'el waraanni biyattii uummata Filisxeem Gaazaa keessaa baasuuf qophii akka ta'u ajajan.

    Namni ofiin Gaazaa gadhiisee bahuuf fedha qabaannaan fedhiisaa kana raawwachuu akka danda'u waraanni Israa'el karoora akka qopheessus ajajan.

    Ajajni kun karoora Pireezidatiin US Doonaald Tiraamp Gaazaa to'achuufi uummata naannichaa miiliyoona 2.1 ta'an bakka biraatti qubsiisuu waliin kan deemudha.

    Israa'el Gaatiz uummatni Gaazaa ''bilisummaa sochiifi godaanuu haa qabaatu'' jedhaniiru. Biyyootni waraana Israa'el Hamaas irratti bante qeeqaa turanis uummata Gaazaa simachuuf ''dirqamuu qabu'' jedhan.

    Ministeerri Haajaa Alaa US uummatni Gaazaa bakka biraa kan qubsiifamu yeroof hanga Gaazaan deebitee ijaaramtutti jedheera. Yaadni Tiraamp garuu US dhaabbiin Gaazaa akka to'attu ture.

    Filisxeemotaa fi biyyoota Arabaa dabalatee biyyootni addunyaa hedduun karoora Filisxeemota Gaazaa humnaan qubsiisuu kana seera idila addunyaa kan cabsu jechuun balaaleffataniiru.

    Barreessaa Olaanaan UN duguuggaa sanyii bifa kamuu hanqisuun ni barbaachisa jedhan.

  19. Mormitoonni Baangilaadesh mana maatii ministira muummee duraanii ibiddatti qabsiisan

    Sheek Hasiinaan mormii barattootaatiin bara darbe aangoorraa buqqifamuun biyyaa baqatan

    Madda suuraa, Getty Image

    Ibsa waa'ee suuraa, Sheek Hasiinaan mormii barattootaatiin bara darbe aangoorraa buqqifamuun biyyaa baqatan

    Baangilaadeshitti namoonni hiriira bahan mana maatii Ministira Muummee duraanii biyyattii Sheek Hasiinaa fi miseensota paartii isaanii ibidda qabsiisanii mancaasan.

    Hokkorri kan dhalate oduun Sheek Hasinaan karaa miidiyaa hawaasaa Hindirraa hawaasaaf ibsa laatu jedhamuu odeeffamuu hordofeeti.

    Sheek Hasinaan mormii barattootaatiin bara darbe aangoorraa erga buqqifamuun erga baqatanii as biyyatti hin deebine.

    Nama ganna 77 kan ta’an Hasiinaan waggoota 20’n darbaniif Baangilaadesh bulchaa turan.

    Kanaan dura wayita aangoorra turan mormitoota humnaan callsisisuuf yaalaa turan. Roobii galgala doozaraan manni abbaa Sheek Hasiinaa diigame.

    Abbaan Sheek Hasinaa, Sheek Mijirub Rahimaan Pirezidantii jalqabaa Baangiladesh turan.

  20. Hiriira 'waamicha nagaa dhalattoota Tigraay' Finfinneetti taasifame

    Kanneen hiriira bahan alaabaa Itoophiyaafi Naannoo Tigraay waliin dhaadannoo qabatanii turan

    Madda suuraa, FBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen hiriira bahan alaabaa Itoophiyaafi Naannoo Tigraay waliin dhaadannoo qabatanii turan

    Hiriira ‘waamicha nagaa’ dhalattoota Tigraay Finfinneetti

    Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee keessa jiraatan Naannoo Tigraay keessa nagaan akka bu’u gaafachuu gabaafame.

    Hiriirri barii sa’aatii 11:00 eegalee taasifame kuni ‘kutannoofi deeggarsa nagaaf qaban’ agarsiisuuf akka ta’e miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

    Waraanni Naannoo Tigraay keessa erga dhaabbatee waggaa lama darbeera.

    Haa ta’u malee, hoggantoonni dhaaba naannicha yeroo dheeraaf bulche, TPLF, lamatti qoodamuun wal himataa jiru.

    Booda kanammoo qondaalonni waraanaa gartuu Dr Dabratsiyooniin hoogganamu deeggaruun ittuu yaaddoo hammeesse.

    Jiraattonni BBC’n dubbise haalichi walitti bu’iinsatti qajeeluu mala jechuun akka guddoo yaadda’an himaniiru.

    Magaalaa Maqaleetti torban darbe maallaqa baankiidhaa baasuu, akkasumas waan nyaatamu bibbitachuun olkaa’uun dabalee mul’achuu BBC’n odeeffateera

    Xumura torban darbe Ministirri Muummee Abiy Ahimad ergaa Afaan Tigriffaan namoota siyaasaa naannichaaf dhaamaniin rakkoo karaa nagaan akka furan gaafatani.

    Dhalattoonni Tigraay Finfinneetti hiriira bahan jedhamanis ‘Tigraayiif nagaa malee waraanni hin barbaachisu’ jedhu dhageessisuu gabaafameera.

    Waliigalteen Piritooriyaa naannichatti waraanni akka dhaabbatu taasise akka hojiirra oolu gaafachuun isaaniis dhagahameera.

    Waliigalteen Piritooriyaa guututti hojiirra hin oolle jechuun dureewwan Tigraay komatu.

    Gartuun Dr Dabratsiyooniin hoogganamu FM Maqalee magaalaa guddoo naannicha keessa jiru to’achuuf sochii taasisuu kana dura gabaasnee turre.

    Odeessa kanarratti dabalata: