FM Maqalee humnaan to'achuuf yaalii taasifameefi muddama uumame

FM Maqalee

Madda suuraa, FM MEKELLE

Naannoo Tigraayitti waldhabdee qondaalota TPLF gidduu jiru hordofee har'a miseensi paartichaa tokko hidhattoota shaniin deeggaramuun buufata FM to'achuudhaaf yaalii taasisuu BBC'n hojjettootaafi poolisiirraa mirkaneeffate.

Har'a gara ganamaa itti-gaafatamaa nageenyaa tokkoofi hidhattoota shan qabatanii namni buufata FM Maqalee 104.4 qaqqaban tokko, yaaliin buufata kana to'achuuf taasisan fashaluu hojjettoonni BBCn dubbise himaniiru.

Namni hidhattoota shan waliin gara buufata Raadiyoo deeman kun Obbo Zamanfasqiddus Fissahaa kan jedhaman yoo ta'u, miseensa paartii TPLFdha.

Namni kun buufata kana bulchuudhaaf mana-mareetiin filatameera jechuun akka Kantiibaa magaalaa Maqaleetti kan of ilaalan Doktor Radaayiin muudamuu ibsu.

Hojjetaan buufata raadiyoo maqaan isaa akka hin eeramne barbaadu tokko Obbo Zamanfasqidduus Fissahaa namni jedhaman kun hidhattootaan deeggaramuun gara buufata kanaa erga seenanii booda chaappaa barreessituurraa butuun hojjettootaaf beeksisa maxxansuu isaa dubbate.

Hojjetaan buufatichaa biraan waan mudate kana BBCtti hime ammoo namni deeggaraa damee TPLF Dr Dabretsiyooniin durfamu ta'e tokko xalayaallee osoo hin qabaatiin buufaticha humnaan to'achuuf yaalii taasiseera jedha.

Namni kun akka jedhutti, humni gareen Dr Dabratsiyoon hogganu Televizhiiniin Tigraayiifi Dimtsi Wayyaaneen waan harka isaaniitii baheef FM Maqalee humna meeshaan fudhatanii itti fayyadamuudhaaf yaaliin taasisan fashalaa'eera.

Obbo Zamanfasqiddus Fissahaa namni jedhaman kun hidhattoota shaniin deeggaramuun erga gara buufatichaatti seenan booda chaappaa butuun hojjetootaaf waamicha walga'ii beeksisa maxxansuu isaanii maddi kunis himeera.

Hojjetaan dhaabbatichaa biraa gama isaatiin Obbo Zamanfasqiddus Fissahaa, "Hoji-gaggeessaan sirrii Dr Raddaayiin muudame anadha, aangoo anatti dabarsaa,'' jechuun hoji-gaggeessaa duraan turan Obbo Halafoom Nir'a gaafachuusaa dubbate.

Obbo Halafoom ammoo muudamni kan siif kenne nama bulchiinsa yerootiin seeraan ala jedhame waan ta'eef aangoo koo sitti dabarsuu hin danda'u jechuu maddeen himan.

Xalayaa bulchiinsa yeroo irraa qabadhuu koottu isaa booda aangoo sittin dabarsaa ittiin jedhe jechuun waan taajjabe dubbata hojjetaan kun.

Dureewwan TPLF erga walitti bu'uu eegalanii bubbulaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Dureewwan TPLF erga walitti bu'uu eegalanii bubbulaniiru

Yeroo kanatti ture Obbo Zamanfasqiddus chaappaa barreessituurraa humnaan dirqisiisee fudhatee hojjetootaaf waamicha walga'iif beeksisa kan maxxanse jedha hojjetaan kuni.

Kana hordofee Obbo Halafoom "osoo ani jiruu maaliif chaappaa butte beeksisa maxxansita jechuun beeksisa maxxanfame akka kaasaniifi kanaan walqabatees muddamni uumamee akka ture,'' dubbate.

Booda akkam ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wal dura dhaabbannaan kuni ganama sa'aatii 3:30 hanga guyyaa sa'aatii 6:00'tti tureera.

Boodarra Kutaa magaalaa Qadaamaawwii Wayyaaneerraa poolisiin waamamee namoota lamaafi hidhattoota buufaticha to'achuu dhufan qabatanii adeemuu hojjettoonni dhaabbatichaa BBC'f mirkaneessaniiru.

Obbo Zamanfasqiddus qondaala kantiibaa magaalaa Maqaleeti kan of jedhan Dr Radaa'iitiin muudamuu irra deddeebiin dubbatani.

Haa ta'u malee, qoqqoodinsa hoggantoota TPLF gidduu uumameen Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Getaachaw Raddaa, Dr Radaa'i dhorkuun bakka isaanii Obbo Birhaana G/Iyyasuus muuduun isaanii ni yaadatama.

Haa ta'u malee, muudama kana manni maree magaalichaa hin fudhanne.

Yeroo ammaa magaalaa Maqaleef kantiibonni lama muudamanis baatiiwwan sadan darbaniif magaalattiin kantiibaa malee turte.

Taatee Roobii ganama mudate ilaalchisuun BBC'n hojii gaggeessaa buufatichaa Obbo Halafoom akkasumas muudameera kan jedhan Obbo Zamanfasqiddus bilbilaan dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Itti gaafatamaan waajjira buufata poolisii magaalaa Maqalee BBC'n dubbise Komaandar Andinnat Naggasa gama isaaniin guyyaa har'aa buufaticha to'achuuf yaaliin taasifamuu mirkaneessaniiru.

Haa ta'u malee, odeeffannoo dabalataa kennuurraa of qusatan.

FM'n Maqalee 104.4 akkaataa seera Abbaa Taayitaa Biroodkaastingii Itoophiyaan eeyyama Televijinii Naannoo Tigraayiin sosso'a.

Erga hundaa'es waggoota 16 lakkoofsiseera.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.