Wal-dhabuun aanga'oota TPLF gidduutti dhalate gara walitti bu'uutti deemuu danda'aa?

Hoggantoota TPLF

Torbee darbe yaa'ii 14ffaa TPLF haala muddamni guuteen Maqalee keessatti geggeesseera.

Yaa'ii kanarrattis Obbo Getaachaw Raddaa dabalatee miseensonni koree gidduugalaafi kaadireewwan olaanoo hoggansarraa kaaseera.

Dabalataanis Dabirtsiyooniin(PHD) dura taa'aa paartichaa gochuun irra deebiin kan muude yoo tahu miseensota koomishinoota giddugalaas filateera.

Yaa'iin murtoo Boordii Filannoo cinatti dhiisuun adeemsifameefi ''seera qabeessummaa isaarratti gaaffiin ka'e kuni wal-dura dhaabbachuu olaanaa hordofsiseera.

Nageenya paartiifi uummataa irra balaa kan saaxile wal-qooduun kuni naannoo madaan waraanaa hin qoorre kana deebisee gara lolaatti akka hin geessine sodaa xiinxaltoota siyaasaati.

Haalli kuni maaliif yaaddessaa tahe?

Yaa'iin galma Sema'aataatti adeemsifame cinatti gareen Geetaachoo Raddaan hogganmu waajira mana maree paartichaatti yaa'ii adeemsisaa ture.

Yaa'ii guyyaa tokko fudhateen ibsa ejjennoo abbaa qabxii 10 baaseera. Qabxiilee ka'an keessaa tokko qaamoti nageenyaa wal-qoodinsa siyaasaarraa of akka fageessaniifi walaba tahanii akka itti fufan kan gaafatu dha.

Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi Obbo Geetaachaw Raddaa humnoonni nageenyaa Tigraayi (TDF) gama tokko qabachuu hin qaban jechuun booda, humnooti kunneen gama kamiin akka jiran ijoo dubbii tahee tureera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

TPLF Sadaasa darbeerraa qabee ji'oota lamaaf wal-gahii cufaa adeemsisuun hogganoota olaanoo aangoorraa kaasuuf tattaaffii gochaa akka ture himama.

Koreen sababa waraana dhiiga dhangalaaseefi haala yeroo irratti gamaaggama geggeesse, Dr Dabiratsiyoon dabaltee hogganooti baayyee ittigaafatamummaa isaanii irraa akka ka'an erga murteeesseen booda yaa'icharratti hogganoti waraanaa olaanoo tajjabdummaan argaman akka dhaabsisan maddeen ni himu.

Hogganaafi miseensi humna nageenyaa gameessi Obbo Bisraat Amaara, ''ji'a sagal dura hogganooti waraanaa tokko tokko siyaasa TPLF keessa seenanii turan. Koreen gidduugalaa Dabiretsiyooniin aangoo dura taa'aa irraa kaasee ture. Fatilworqiinis kaasuuf qophaa'aa yeroo turetti gidduugaluun humnaan akka tura taaiseera,'' jedhu.

''Gidduggaltummaan humnoota alaa kuni balaa kan qabuufi gara waraana waliiniitti kan dhaqu tahuu danda'a. Rakkoon guddaan ammoo qaamni nageenya uummata Tigraayi akka eeguuf ramadame dhimma kanatti harka gaafa galfatu argineerra, gaddineerras,'' jechuun ibsaniiru.

Humni waraanaa kuni gochaasaan akka gaabbeefi yeroo ammaa akka humna hin qabne odeeffannoo qaba kan jedhan Obbo Bisraat, yaaddoon garuu akkuma jiruun itti fufeera jedhanii akka amanan himu.

Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraayitti itti gaafatamaa humna nageenyaa kan tahan Jeneraal Taaddasa Warada yaa'ii kana ilaalchisee ibsa kennaniin nageenya naannichaa eegsisuuf qaamni hunduu, ''sarara diimaa'' akka hin qaxxaamurre akeekkachiisaniiru.

Kunis ''humnooti nageenya siyaasa keessa otoo hin galiin walaba tahanii turu,'' ejjennoo jedhu kan jabeessu dha.

''Humna nageenyaa waan taaneef amma hojiin keenya guddaan haalli siyaasaa akkasii humnaan ykn gama bulchiinsaan akka hin furamne gochuu,'' tahuu jeneraalli kuni jala muraniiru.

''Wal-dhibdeen kuni haala qaroomeen hiikama jenne amanna''

Haala Tigaaryiifi paartichaa dhiyeenyatti kan hordofan hayyuun biyya alaa Piroofeesar Sheetilaand Tiroonvool humnoota nageenyaa muddama siyaasaa kanaarraa adda baasanii ilaaluun hin danda'amu jedhu.

''Eeyyeen carraan gidduugaluu jira. Ibsa Jenaraala Taddasa Warada amanuufi fudhachuun na rakkisa, '' jedhaniiru.

Humnoonni nageenyaa Tigraayi of kan danda'an miti. Aaangoo siyaasaa jala jiru. Yeroo ammaa aangoo siyaasaa bulchiinsa yeroo naannichaa jala jiru. Itti gaafatamaan humna nageenyaa Taaddasa Waradan ofii isaanii pirezidantii ittaanaa dha. Kana jechun gara haala ulfaataatti qajeeluu danda'a,'' jechuun hoggana TPLF haala baayyee rakkisaa fi murteessuuf dhibu keessa kan galche tahuu ibsu.

''Murtoofi ajaja bulchiinsa yeroo irraa dhufu gara fudhachuufi fudhachuu dhiisuutti gahuu mala. Kana jechuun qaamota lamaanirra gara tokkootti lucca'uun dhufa. Hogganni siyaasaa yoo waliigaluu baate humni nageenya walaba tahe hin jiraatu.

Waliigalteen Piriitooriyaa maaliif gaaffii keessa seene?

Hogganooti garee lameenii hundi haala jedhamuun,''TPLF diigamnaan waliigalteen Piriitoriyaa abbaa dhaba,'' jedhu.

Haa tahu malee, keewwatni ifaa hin taane ''mootummaan ce'umsaa haa ijaaramu'' jedhu falmisisaa tahee tureera.

Obbo Getaachaw Raddaa waliigaltee Piriitooriyaan bulchiinsa yeroo ijaarame akka hogganan Ministira Mummee Abiy Ahimadiin muudameera. Kunis kan tahe Dr Dabiratsiyoon ministira mummichaan fudhatama dhabuu isaanii hordofeeti.

Hoggansi ijoo TPLF gammadaa akka hin turre himama. Waajirri paartii waliigaltee Piriitooriyaa garee Obbo Geetaachoon mallatteefame hin fudhadhu jechuun ibsa baaseera.

Kana malees waliigaltee kana kan mallatteesse TPLF ''seer-qabeessummaa'' argachuu dhabuun ajandaa paartichaa tahee tureera.

Obbo Getaachaw murtoon boordiin filannoo ''galmee haaraa'' irratti kenne murtee koree giddugalaa kan dhiitee shira namoota afurii akka taheefi paarticha rakkoo irra akka buusu himatu.

Dabaluunis dhimmichi waliigaltee Piriitooriyaa irratti goolabamee gara qaamota hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa hordofanitti qajeelfamuu qaba jechuun falmu.

Waliigalteen Piriitooriyaa Tigraayitti ''mootummaan ce'umsaa'' hundeessuuf karoorse kan iftoominni hanqate dha kan jedhan Piroofesr Tiroonvool tahus,''TPLF'n kan hogganame tahuu garuu yaaduun danda'ama,'' jechuun ibsu.

''Yaa'iin TPLF Obbo Geetaachoo ittigaafatamummaa paartiirraa dhorkeera.Obbo Geetaachoodhaan pireezidantii bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraayitti tahuutti hin beekuuni kan jedhutti geessuu mala. Kunimmoo bulchiinsa qabatamaan lafarra jiru qoruu danda'a.

Akka Piroofesar Tiroonvool jedhanitti, Dr Dabiratsiyoon, '' Obbo Geetaachoon nama nu biraa ramadame miti jechuu dandeenya,'' ibsa jedhu baasaniiru. Hoggansa aangoorraa kaasuun suuta suutaan akka hojiirra oolus himaniiru.

''Kuni garuu dhimma akkaan falmisisaa tahe dha. Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraayi irratti itti gaafatamummaa kan qabu mootummaa fedraalaati. Ifatti kan muudes isa. Caasaa seeraa bulchiinsichaa kan to'atu ammoo Federeeshinii Gamtaa Awurooppaati. Kanaaf TPLF Obbo Geetaachoo Raddaadhaan eeyyama kallattii mootummaa federaalaan ala angoorraa kaasuuf bu'uura seeraa homaa hin qabu,'' jedhu piroofeesarichi.

Sababa kanaan gaaffiin aangoo falmisisaa tahuufi yeroo keessa ilaaluun fooyya'aa akka tahe piroofeesarichi ni himu.

''Haa tahu malee guutummaan guutuutti filannoon harka mootummaa federaalaa irratti kufeera.''

TPLF'n akka haaraatti galmeessuu kan beeksise Boordiin Filannoo Itoophiyaa yaa'iin adeemsifame haal-duree hin guunne jechuun beekamtiin akka hin kennamne ijaa ibseef mootummaan federaalaa tarkaanfii akkamii akka fudhatu raaguun hin danda'amu.

Gidduugaltummaa alaa fiduu danda'a?

Waliigaltee Piriitooriyaa ilaalchisee iddoowwan Naannoo Amaaraa wajjin daangaa qooddatan, lammiilee buqqa'an deebisuufi hidhannoo hiikkachuu dabalatee dhimmoonni furmaata hin aragnne jiru.

Sababa kanaanis haalli siyaasaa Tigraayi keessatti mul'achaa jiru waliigaltee Piriitooriyaa irratti balaa akka qabu kanneen amanan baayyee dha.

Mootummaan federaalaa gareeleen lamaan walii walii isaaniin hamma dadhbanitti ''callisaan ilaala'' kan jedhan jiru. Kaan ammoo akkauma barame ''seera raawwachiisuuf'' humna fayyadamuu akka danda'u tilmaamu.

''Gara waraanaatti qaamni deebi'uu barbaadu waan jiru natti hin fakkatu.Tahus garaagraummaan siyaasaa gidduugaltumma humnoota alaa kan affeeruufi karra banuuf kan carraa qabu dha,'' jedhu Piroofeesar Tiroonvool.

Keesumaa gareen Dr Dabiratsiyoon ''humnoota alaa irratti'' amanuun aangoo barbaadaa jira kan jedhan himannaan Obbo Geetaachoo dubbi ittu wal-xaxaa kan godhe fakkaata.

Kanaan dura TPLF fi mootummaa Eritiraa gidduu hariiroon icciitii adeemsifamaa ture gabaasni hin mirkanoofne bahaa turan. Gama Eritiraan garuu waan jedhame hin jiru.

Obbo Bisraat Amaara garuu, '' Obbo Getaachoon odeeffannoo mirkanaa otoo hin qabaatiin hin hafu, Pirezidant Isaayyaasa haasa'aa turaniiru, miseensonni nageenyaa Geetaachoo Asaffaan keessa jiran humnoota Eritiraa walin wal-argaa turan,'' odeeffannoo jedhu akka qaban himu.

Dabaluuni,'' Eritiraafi Faannoo waliin tahuun Abiy Ahimadiin aangoorraa buusuuf kan kaayyeffate tahuu odeeffannoo akka qaban,'' BBCtti himaniiru.

Mootummaa federaalaa fi mootumaan Eritiraan waliin humnoota TPLF lolaa tura hariiroon isaanii laafuu ifattis tahuu gabaasonni mul'isu.

Piroofesar Tiroonvool garuu himannaa Obbo Geetaachaw gareen Dr Dabiratsiyoon hogganu humnoota alaa fayyadamee gara aangootti deebi'uuf tattaafachaa jira jedhu akka hin fudhanne dubbatu.

''Gariin namaa TPLF Asmaraa wajjin hariiroo umeera jedhanii amanu. Ani garuu himannaan kuni sirrii tahuu nan shakka, '' jedhu.

Dubbihimaan TPLF himannicha waakkatanis dhimmichi garuu falmisisaa tahee itti fufeera.

Gareen Dabartsiyoon yaa'iin geggeesse sanada imaammata nageenyaa, Sudaanifi Eritiraa waliin hariiroo jiru fooyyessuuf akkasumas nagaafi tasagabbii uumuu kan dabalatu akka tahe beekuu isaanii Piroofeesar Tiroonvool dubbatu.

Obbo Bisraat garuu kanaan walii hin galan, ''hariiroo biyya alaa gochuu kan danda'u mootummaa qofaa dha. Kunis bulchiinsa yeroo ykn mootummaan federaalaati. Barbaachisaa yoo tahes waliigatee Piriitooriyaa bu'uura godhachuun malee akkasuma gareen waan raawwatu miti,'' jedhu.

Gama kaaniin ammoo gareen Dabiratsiyoon garee Geetaachoo Raddaa, ''mootummaa federaalaa waliin dhaabbateera, nus ganeera jechuun kan himatu yoo tahu, Geetaachaw Asaffaa dabalatee hogganni TPLF duraanii bulchiinsi yeroo dhalooti qabatee jiru ''dabarsee nu kenna'' yaaddoo jedhu akka qaban ni himu. Obbo Bisraatillee yaada kanaan waliigalu.

Wal-qooduun waan hin hafen ture

Siyaasa Itoophiyaa waggoota 30tti siqaniif to'atee kan ture TPLF bara 2018 MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu waliin dhiibbaan qabu Maqalee irratti daangeeffamee tureera.

Muddamni mootummaa federaala waliin qabaachaa tures gara waraana dhiiga lammiilee miiliyoona walakkaa dhangalaasetti geeddarameera. Taajjabadoonni ammallee kanarraa waan barate hin fakkatu jedhu.

TPLF amala kooministii kan qabu yoo tahu, yaadota haaraa fi garaagarummaa kan obsu akka hin taane hogganooti duraanii paartichaa himu.

Waraan Tigraayiin enyummaan ''tortore'' dhokfamee haa turuyyuu malee wal-qooduun waan hin hafne akka ture Obbo Bisraat himu.

Gareen Obbo Geetaachoo ''seeraafi ilaalchaan labata dhaaltuu dha,'' kan jedhan Obbo Bisraat yaada moofa'aa kan furu, dubbii nagaafi mariin kan furu ''humna jijjiramaa tarkaanfataa tahuusaa akka amanan,'' dabaluunis himu.

Piroofesar Tiroonvool gamasaaniin garee Dabiratsiyoon Gabiramikaa'eliin yaa'iin adeemsifame hordofee ''miseensonni koree gidduugalaa'' paarticha akka haaromsan amantii qabdu ibsiti.