Waajjirri Obbo Geetaachoo dureewwan waraana naannichaa ''fonqolcha motummaa labsan'' jechuun himate

Madda suuraa, Getty Images
Waajirri Obbo Getaachoo Raddaa- pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannichaa deebii ibsa guyyaa tokkoon dura ajajoonni waraana naannichaa baasaniif kennaniin, ''hoggantoonni waraanaa Tigraay fonqolcha mootummaa labsaniiru'' jechuun himateera.
Hoggantoonni waraanaa humnoota Tigraay bulchiinsi yeroo ''laafeera'' jechuudhaan kan biraatiin akka bakka buufamu murteessuu ibsuunsaanii turan.
Obbo Geetaachoonis ibsa hooggantoota waraanaa kana hordofuudhaan dhimmicharratti mari'achuuf walgahii kaabiinee ariifachiisaa waamaniiru.
''Ibsi maqaa hoggantoota waraanaatiin bahe kan bulchiinsi yeroo hin beeknee fi karaa kamiinuu bu'uura seeraas ta'e fudhatama kan hin qabneedha. Bulchiinsi yeroos murtee hin malle kanarratti mari'achuudhaaf walgahii ariifachiisaa waameera. Haalicha xinxaluudhaanis ummata keenyaaf bal'inasaa ni dhiyeessina'' jedha ibsi waajjira bulchiinsa yeroo Tigraayin bahu kun.
Ibsi hoggantoonni waraanaa kennan kan ''waraana labsuu fi seera maleessuummaa'' kan hordofsiisu sababii ta'eef, miseensonni nageenyaa Tigraay hordoffii cimaa taasisuudhaan fuldura akka dhaabbataniifi ajaja kanaan alaa dhufu kamuu hojiirra akka hin oolchineef ni akkeekkachiifna'' jechuun waamicha taasiseera.
Nannoo Tiraagitti waldhabdee gareewwan lamaa; bulchiinsa yeroo naannichaafi garee Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el jedduutti umameen erga jechaan waraana waliratti bananii bubbulaniiru.
Ibsi gareewwan lamaaniin bahaa jiru kunis naannicha keessatti tasgabbii dhabiinsa siyaasaa akka hin harbeessineef sodaatamaa jira.
Hoggantoonni waraanaa naannichaa maal jedhan?

Hoggantoonni waraanaa humnoota Tigraay bulchiinsi yeroo ''laafeera'' jechuun kan biraatiin akka bakka buufamu murteessuu ibsan.
Hoggantoota humnoota Tigraay ofiin jedhan kun guyyootaaf erga walgahanii booda bulchiinsi yeroo irra deebiin akka gurmaa'u murteessuu beeksisan.
Bulchiinsi yeroo Tigraay akkaataa waliigaltee Piritooriyaatiin hundeeffame itti gaafatamummaasaa sirnaan hin baane, qaamota birootu itti fayyadamaa jechuun qeeqan.
Himannaa hoggantoonni humnoota Tigiraay dhiyeessanii fi murtee dabarsan ilaalchisuun bulchiinsi yeroo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaan durfamu hanga ammaatti yaada hin kennine.
Bulchiinsi yeroo "hoggansaa fi miseensonni aangoo ijoo qaban dantaa ummataa dhiisanii, gantummaan humna alagaa tajaajilan" jedhe ibsi baasan.
Haa ta'u malee, ibsi kun waa'ee miidhaa dantaa ummataarra gahees ta'e, "humni alaa" kam akka ta'e hin ibsine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walakkeessa bara darbee irraa eegalee waldhabdee miseensota Koree Giddugaleessaa TPLF jidduutti uumameen paartichi garee dura taa'aa dhaabicha fi dura taa'aan ittaanaan durfamutti qoodame.
Gareen Obbo Geetaachoo Radddaan durfamu gareen Dr Dabratsiyooniin durfamu dirqamasaa sirnaan akka hin raawwanne gufachisuu himataa ture.
Gareen dura taa'aa TPLF'n durfamu murtee duraan murteesse akka deeggaru ibsi hoggantoota waraanaa humnoota Tigiraay, al-kallattiin garee Dr Dabratsiyoon deeggaran.
Ibsi hoggantoota waraanaa humnoota Tigiraay baasan "dadhabina" bulchiinsa yeroo Tigraayirratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, bulchiinsi kun yeroo turtiisaa dheeressuuf yaalaa jira jechuun himate.
Kanarraa kan ka'e bulchiinsa yeroo Tigraay ''laafeera'' jedhan cimsuuf hoggantoonni biraan bakka bu'uu akka qaban ibsan.
Hoggantoonni waraanaa humnoota Tigiraay yaa'ii 14ffaa TPLF bara darbe taa'eef beekamtii kennuun, hooggansi bulchiinsa yeroo akka jijjiiramu gaafatan.
Kora falmiisiisa TPLF 14ffaan Boordii Filannoo Itoophiyaa fi hoggantoota dhaabichaa kaanif beekamtii waan hin laanneef, hoggantootaafi miseensoota ddhaabichaa gidduutti qoodinsa uume.
Pirezedaantii Bulchiinsa Yeroo Obbo Geetaachoo Radddaa dabalatee miseensonni Koree Giddugaleessaa 17 ol kora sanarraatti hin hirmaanne.
Dura taa'aa dhaabicha ta'uun irra deebiin kan filataman Dr Dabratsiyoon
Gabramikaa'el, "TPLF waliigaltee Piriitooriyaa kan mallatteesse,
TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay keessaa harka walakkaa waan qabuuf, nama barbaanne bakka buusuu dandeenya" jedhan.
Bulchiinsa yerootiin alattis, miidiyaaleen naannoo Tigraay keessa jiran, dantaa dhuunfaa namoota siyaasaa fi "meeshaa humnoota alaa" ta'an jechuun otoo miidiyaa kam akka ta'e hin ibsin hoggansa waraanaa humnoota Tigiraay kun qeeqe.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












