Tigraayitti shamarran Muslimaa hijaaba uffatanii akka hin baranne dhorkamuu hordofee maaltu mudate?

Shamarran Muslimaa Hijaaba uffatanii dareee akka hin seennee dhorman keessaa

Madda suuraa, SM

Manni Maree Waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa xalayaa mata duree ''dhiittaa mirgaa sababa amantiin hawaasa muslimaarra ga'aa jiru,'' jedhuun barreessee Feesbuukii isaarratti maxxanse keessatti Tigraayitti rakkoo barattoota Muslimaa irraa ga'aa jiru balaaleffateera.

Manni maree kun, manneen barnootaa magaalaa Aksum keessa jiran barattoota hijaaba uffatan alatti gadi ittisuu booda ibsa baase kana keessatti biiroo barnootaa magaalichaa himateera.

Naannoo Tigraay magaalaa Aksuumitti barattoonni dubaraa Muslima ta'an sababa uffannaa dambii amantiisaanii ta'e uffataniin miidhaan irra gahuu himataa turaniiru.

Keessattuu maatiifi barattoonni kanneen hijaaba uffatan mana-barumsaarraa dhorkamuu BBC Tigiriffaatti himaniiru.

Manneen barnootaa magaalattii keessatti argaman dubartoonni hijaaba uffatanii mana barumsaa deemuu akka hin dandeenye erga ibsanii as barattoonni murtee kana morman hidhamaniiru.

Manni marechaa gama kanaan waan magaalaa Aksum keessatti mudataa ture hordofaa akka ture ibsuun, garuu rakkoon dhalate ammallee akka fala hin arganne eereera.

Manneen-barnootaa magaalaa Aksuum keessatti argaman- Mana barumsaa Sadarkaa Lamaffaa Wari'ii, Mana-barumsaa Sadarkaa Lamaffaa Aksuum, Abirahaa Atsibaah, Qadaamaawii Miniliik, akkasumas Kindeyyaa jedhaman dhorkaa kana kaa'aniiru.

Manni maree dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa manneen barnootaa kunneen keessatti barattoonni shamarranii sababa hijaaba uffataniif qofa barnootarraa ittifamuu fi hidhaa akkasumas burjaajiiwwan adda addaaf saaxilamuu akka hubate ibsa keessatti eereera.

Manni maree kun taateen magaalattii keessatti mudataa jiru kun ''faallaa duudhaa biyyattii akka ta'e'' ibsuun cimsee akka balaaleffatu himeera.

Dhorkaa kana kan kaa'e Biiroon barnootaa naannoo Tigraay, qajeelfama gurmaa'iinsa manneen barnootaa bu'uureffachuun akka hojiirra oolche ibseera.

Waan mudate barattootaa fi maatiirraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barattoota manneen-barnootaa kana keessa baratan keessaa kanneen BBC Tigiriffaa dubbise kanaan dura hijaaba uffatanii mana-barumsaa akka hordofaa turan ibsuun torban sadan darbanii as garuu mana-barumsaarraa dhorkamuu himan.

Barattuun tokko kanaan dura hijaaba uffattee barataa akka turtee fi torbanoota dhihoo as garuu barumsarraa ittifamuu dubbatte.

''Akka seerri hijaaba hin godhatiinaa jedhu baheen mana-barumsaa addaan kuteera. Osoo hijaaba keessan hin baasiin hin barattan nuun jedhan. Amma mana-barumsaatiin ala nu godhaniiru. Ani hanga har'aatti hijaaba kiyya baafadhee hin beeku. Yeroo hunda hijaaba kiyya godhadheen mana-barumsaa deema,'' jette.

Barattuun biraan sababa kanaan barnootashee adda kutuu himtu, mana barumsaatii poolisiidhaan akka baafaman BBCtti himte.

''Asii deemaa yookaan poolisii isinitti waamna jedhamne. Isaan booda poolisii waamanii isaan kanadha hunda caalaa kan jeeqan jechuun nu baasan,'' jette.

''Dheengadda, isaan duras deemnee ture. Haata'u malee poolisoonni afur karra mana-barumsaarra dhaabbataniiru. Akka nu hin argine jennee baqanne.''

BBCn mana barumsaa sadarkaa lamaffaa Qadaamaawwii Miniliik irraa kan dubbise barsiisaan Mabiraahituu Tsgaay jedhaman seerri kun amma hojiirra haa ooluyyuu malee duraanis tureera jedhu.

''Seerri hijaaba dhorku kun amma guutuu ta'ee hojiirra ooluu jalqabe malee wanti haaraan uumame hin jiru. Qajeelfamaafi Gurmaa'ina manneen barnootaa maqaa jedhuun bara 1997, booda ammoo 2003 qajeelfama bahedha,'' jedhe barsiisaan kun.

''Mana-barumsaa seenuudhaaf koffiyyaa, shaarbii, hijaabni hin barbaachisu jedha qajeelfamichi. Hanga waraanni jalqabutti hojiirra oolfamaa ture. Gidduutti dagatamee amma gara hojiitti hiikuutti deebiyameeti waan haaraa fakkaate malee wanti haaraan jiraatee miti.''

Magaalaa Aksuum keessatti qajeelfamni hijaaba dhorkuu bahe maatiin barattootaa kan irratti waliif hin gallee fi irrattillee hin mariyatin ta'uu jiraattuu magaalichaa kan taate Aadde Najaat Abdulqaadir ni dubbatu.

''Dubartoonni bakka nu bu'an nuti filanne gara manneen barnootaa kanneen deemanii maaloo dhiisaa jedhanii kadhataniiru. Yoo xiqqaate foormii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa yeroo guutan suurri ka'an seenaafis waan taa'uuf hijaaba godhatanii haa ka'an jennee turre.

Isumaafillee hayyamaafii jennee gaafannee ture. Har'as ta'e bor hin hayyamani, sagalee caalmaan dhimma kuffiisnudha jechuun nu cufani,'' jette.

Manneen barnootaa dhorkaa kana kaa'an keessaa Daarektara Mana-Barumsaa sadarkaa lamaffaa Aksum kan ta'e Siyyum Kaahisaay, gaaffiin hjaabaa kun amantaa biraa hordofee kan dhufe ''gocha kaayyoo siyaasaati,'' jechuun gaafficha mormeera.

Kaayyoo siyaasaa akkamii qabateera? Gaaffii jedhuuf garuu deebii kennuu hin dandeenye.

''Dursuu kan qabu qajeelfamichadha. Dhimmi ka'aa jiru dhugaarra kan fagaatedha. Gaaffiin hijaaba jedhu akka ka'u kan ta'eef akka hokkaraaf ka'umsa ta'uufidha malee waan naannawaa sana lafarra qabatamaan jiru agarsiisu miti,'' jedha.

Barattoonni BBCn dubbise mirga amantaa keenyaa gaafachuu keenyaaf rakkoofi hidhaatiif saaxilamneerra jedhu.

Aadde Nuurayinii Mohaammad intallishee mana-barumsaatii fudhatamtee buufata poolisiitti hidhamuushee ibsiti. Intallishee mana-barumsaa fi bakka amantaa keessaa akka filattuuf akka itti himame dubbatti haati kun.

''Buufata poolisiitti barbaadamtu jedhamnee deemne. Ijoolleen keessan seera mana barumsaa kabajanii haa deebiyan yookaan ammoo gara masgiidaa haa deeman. Tokko haa filatan nuun jedhan,'' jetti.

BBCn dhimma kanarratti Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay fi Biiroo Dhimmoota Islaamaa Tigraayirraa deebii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Haata'u malee, Biiroon dhimmoota Islaamaa Tigraay dhimma kanarratti kaleessa, Amajjii 1, 2025 waaree booda beellama inni ibsa gaazexaaf kennuuf ture haqameera.

Kunis kan ta'eef hoganaan Biiroo Barnootaa Tigraay Doktar Kiroos Guhish gara Biiroo dhimmoota Islaamaa xalayaa qabatanii deemuun, rakkoon kunis ammarraa akka furamuuf waadaa seenuu isaaniitiif ta'uu BBCn hubateera.

Xalayaan maqaa Dr. Kiroosiin bahe kun haalli kanaan dura ture akka itti fufuufi dhorkaan haaraan akka hin jiraanne kan ibsudha.

Haata'u malee, ammas barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa Aksum gara barnootaatti hin deebine.