Cufamuu dhaabbata USAID'n wal qabatee maaliif falmiin ka'aa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Egereen dhaabbata gargaarsa biyya alaa guddicha mootummaa Ameerikaa, USAID jedhamu, maal akka ta'u baruu dhabuun, addunyaa guutuutti dambalii rifaasisaa uumeera.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi gorsaan isaanii olaanaa Eloon Maask ejensicha cimsanii kan qeeqan yoo ta'u, kaan ammoo cufamuun isaa miidhaa hedduu akka fidu sodaatu.
Garuu maaliif cufamuun eejansii kanaa akkas falmisiisaa ta'e? Eenyuuf barbaachisa?
Ejensiin Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteets (USAID) kun jalqaba bara 1960moota irraa eegalee, mootummaa Ameerikaa bakka bu'uudhaan sagantaalee gargaarsa namoomaa addunyaa guutuutti gaggeessaa ture.
Garuu dhuma torbee darbee Maask bulchiinsi US dhaabbaticha cufuuf karoora qabaachuu hime.
Waltajjii miidiyaa hawaasaa kan mataasaa ta'e X irratti, ejensicha "hamaa," "dhaabbata yakkamaa" fi "kan warra ilaalcha siyaasa finxaaleessummaa (radical-left political psyop) qaban" jechuun jecha dachaatiin ibse.
Pirezidaanti Tiraamp gamasaatiin ejensichi kan ''maraattota warra ilaalcha siyaasa finxaaleessummaa qabaniin'' kan geggeeffamudha jechuun himatan.
Akkasumas ''hanna guddaa'' jalaa ba'aa jira haa jedhan malee, garuu dhimmicharratti maqaa dhahanis ta'e ibsi bal'aa kennani hin jiru.
Dhimmi kunis sababoota hedduudhaaf, US keessatti waldhabdee siyaasaa fi addunyaa guutuutti falmii bal'aa kaaseera.
USAIDn maaliif siyaasaan falmisiisaa ta'e?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Prezidant Traamp baasiin biyya alaa hundi adeemsa "America First [Dursa Ameerikaaf]" jedhu waliin akka walsimu akka barbaadan ifa godhaniiru.
Akkasumas Ministirri Dhimma Alaa isaanii Maarkoo Ruubiyoon "doolaarri hundi" Ameerikaa nageenya, cimtuu fi badhaadhina akka gootu ragaadhaan ''mirkaneessuu'' qaba jedhan.
Kanaafuu tarkaanfiin "ejansiiwwan federaalaa walitti makuu" jedheen jecha isaatiif ''amanamaa ta'ee turuu" jechuudha jedhan Daarektarri hundeessaa Giddugala Siyaasa Ameerikaa UCL, Toomaas Giift.
Itti dabaluudhaanis, amanamtoonni ciccimoon Maga (Make America Great Again)n USAID akka "waan Ameerikaa dhuma garuu biyyoota guddachaa jirtu dursa kaa'uun, adeemsa keessa doolaara kaffaltoota gibiraa qisaasessuutti" ilaalu.
''Kunis waan Tiraamp bulchiinsisaa akka hordofaa jirutti ilaaluun, waan hunda caalaa fedhii lammiilee Ameerikaa dursa kennuudha jedhuun faallaadha" jechuun ibsu Dr Giift.
USAID'n cufamuun isaa ''warra sabboontota ummatummaa (populist nationalists)f injifannoo guddaa ta'a'' jedhan.
Qorannoon yaada filattoonni Ameerikaa yeroo dheeraaf akka agarsiisetti, filattonni Ameerikaa baasii gargaarsa biyya alaa hir'isuu deeggaru.
Kanaaf Tiraamp ejensicha cufuusaatiin deeggarsa ummataa argachuu danda'a.
Haata'u malee, Yunivarsiitii Baha Angliyaa keessatti piroofeesara gargaaraa dinagdee misoomaa kan ta'an, Dr Pool Kiliist akka jedhanitti, namoonni yeroo baayyee "baay'inaan" gargaarsa mootummoonni biyya alaarratti baasii garmalee ol kaasanii tilmaamu.
USAID baajata gara doolaara biiliyoona 40 (£32.25bn) kan qabu yoo ta'u, kunis baasii gargaarsa biyya alaa waliigalaa keessaa walakkaan ol ta'a.
Bara 2022tti US gara doolaara biiliyoona 70.3 rammadde. Kunis baajata federaalaa waliigalaa keessaa gara %1 gargaarsa biyya alaatiif ramaddeetti jedha gabaasni mootummaa.
Walumaagalatti, bara baajataa dhiyoo (Onkololeessaa 2023 hanga Fulbaana 2024)tti mootummaan federaalaa Ameerikaa doolaara tiriliyoona 6.75 (Paawundii tiriliyoona 5.3) baaseera jedha Waajjirri maallaqa Ameerikaa.

Madda suuraa, Getty Images
Akkasumas gargaarsi biyya alaa akka tasaa yoo dhaabbate maallaqni pirojektoota ammallee hin xumuramne irratti baasii godhame hundi qisaasamusaatii jedhan Dr Kiliist.
Lammiileen Ameerikaa gibira kaffalan tokko tokko faayidaa gargaarsa alaa haala salphaatti hubatamuu fi arguuf rakkachuu danda'u.
Garuu, deeggarsa kana kennuun lubbuu namootaa baraaruuf qofa gumaachuu osoo hin taane, US'f dhiibbaa fi nageenya dabalataa kennuun gargaaruu danda'a jedha.
''Ameerikaan gargaarsa biyya alaa kana yoo dhaabde ykn sochiishee baay'inaan yoo dhaabdee miidhaa maqaa guddaa geessisa,'' jedha.
"US seeraan gargaarsa kennitu hunda dhaabuu hin dandeessu, sababiinsaas waliigaltee mallatteessaniiru ta'a."
Sana booda, biyyoonni biroo kanneen akka Chaayinaa qaawwa jiru guutuudhaanii fi dhiibbaa idil-addunyaa isaanii guddisuuf yaalu malu jechuun Dr Kiliist akeekkachiisu.
Waggoota darban keessatti USAID'n qeequmsa jala kan ture yoo ta'u, himannaa naamusaatiin wal qabate waliigalteewwan tokko tokko addaan kuteera.
Ergasiin booda tarkaanfiiwwan dabalataa kan fudhataman yoo ta'u, kutaaleen hojii fi ejensiiwwan federaalaa sagantaalee gargaarsa biyya alaa haala bu'a qabeessummaa isaanii caalaa akka hordofanii fi madaalan taasifame.
USAIDn maal hojjataa?
- Dhaabbilee miti mootummaa, gareewwan gargaarsaa fi dhaabbilee tola ooltotaaf addunyaa maraatti gargaarsa biliyoonaan lakkaa'amu ni raabsa.
- Naannoo waraanaa keessatti yaaliiwwan namoomaa fi sagantaa talaallii dabalatee hojiiwwan adda addaa maallaqaan ni deeggara.
- Biyyoota 60 ol keessatti buufata kan qabu yoo ta'u, hojjattoota gara 10,000 qacareera.

Madda suuraa, Getty Images
Ittaansee maaltu ta'a?
USAID walfaana cufuudhaaf Kongirasiin raggaasifamuu barbaachisa.
Filmaatawwan bulchiinsa Tiraampiin fudhatamaa jiran keessaa tokko, USAID damee Ministeera Dhimma Alaa US jala galchuudha.
Ministirri Dhimma Alaa Ruubiyoon, hojiiwwan dhaabbatichaa baayyeen isaanii kan itti fufan yoo ta'u, innis qaama imaammata alaa Ameerikaa ta'a jedhan.
Seera tumaan paartii Dimookiraatotaa tokkoos, cufamuun ejensichaa tarkaanfii ''seeraan alaa, heera mootummaa kan faallessu'' akkasumas kan namoota harka qalleeyyii biyya alaa miidhu, kan nageenya biyyaa miidhuu fi dhiibbaa Ameerikaan waltajjii addunyaarratti qabdu kan hir'isuu danda'udha jedhaniiru.
UCL keessatti piroofeesara gargaaraa siyaasaa Dr Juulii Noormaan, gamasaanitiin Dimookiraatonni hedduun USAID ni falmu garuu, "filattoota seeneffama dhaabbatichi maallaqa Ameerikaanota irraa fageessaa jira jechun amanan waliin wal faalleessuu argatu" jedhu.
Isheenis Pirezidaanti Tiraampiifi Maaskii USAID "akka tuuta tarkaanfataa siyaasa damee gama bitaa ajandaa biyya alaa deeggaretti" fakkeessuuf yaalaa jiru jettee yaaddi. Kunis "gocha ofii isaanii akka gaariitti mirkaneessuuf" jetti dabaluun.
"Dhugaa jiru yoo ilaalle, hojjettoonni mootummaa irra caalaan isaanii namoota bulchiinsa hunda keessatti mootummaa Ameerikaa tajaajilaa jiran kan paartii kamiyyuu bakka hin buuneedha."
Kibxata darbe, USAIDn humni hojjettoota isaa addunyaa hundi jechuun haala danda'amuun Jimaataa irraa qabee boqonnaa akka bahan kan taasifaman yoo ta'u, hojjettoonni biyya alaa jiranis gara US akka deebi'an toora interneetii irratti maxxanseera.
Akka ejansichaatti, hojjettoota itti gaafatamoo "hojii ergama murteessaaf ramadaman, hoggansa ijoo fi sagantaalee addatti ramadaman" qofatu hojii itti fufa.












