Afrikaan Kibbaa Elon Maask Tiraamp akka irraa dhorkuuf gaafatte

Madda suuraa, SA Presidency
Tiraamp Afrikaa Kibbaarra qoqqobbii akka kaa'u beeksisuu hordofee pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamafoosan dureessa addunyaa kan ta'e Elon Maaskitti bilbiluun Tiraamp akka irraa tasgabbeessu gaafatan.
Afrikaan Kibbaa lafa sirnaan ala warra adiidhan qabame akkaataa barbaachisummaa isaatti akka irraa fuutu beeksisuu hordofee Tiraamp Afrikaa Kibbaarraa gara fuulduraatti deeggarsa akka irraa kuti Dilbata darbe beeksise.
Kunis Afrikaan Kibbaa garee tokko [warra adii] irratti xiyyeeffachuu lafa irraa fuudhachuuf jetti jechuuni qoqqobbii kaa'uf itti dhaadate.
Afrikaan Kibbaa ammoo bulchiinsi Tiraamp akka hin taanetti na hubate jechuun Elon Maask itti erguuf gaafatte.
Dureessa addunyaafi bulchiinsa Tiraamp keessatti aangoo olaanaa kan qabu elon Maask dhaloonnisaa Afrikaa Kibbaati.
Pirezidaantin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosanis Elon Maaskitti bilbilanii haasofsiisun isaanii, biyya dhaloota keerra qoqqobbiin gaafa kaa'amu akkamiin caalista? waan jedhaniin fakkaata.
Elon Maask Tiraamp biratti dhageettii qabu fayyadamee seera lafaa Afrikaan Kibbaa baaste kaayyoosaa isa sirrii akka Tiraamp hubachiisus gaafatan.
Dureessi addunyaa hiddi dhalootasaa Afrikaa Kibbaarraa ta'e, fuula miidiyaa hawaasaa kan isaa ta'e X gubbatti Raamaafoosan seera sanyii loogu baasera jechuun qeeqee ture.
Haata'u garuu biiroon pirezidaantii Afrikaa Kibbaa, Pirezidaant Raamaafoosaan Elon Maaskitti bilbiluun Afrikaan Kibbaa biyya heera mirgi namaa, haqniifi wal-qixxummaan keessatti kabajame qabduufi kana milkeessuf kutannoo qabdu ta'uu mariyachuu beeksise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'a darbe keessa Pirezidaant Siiril Raamaafoosaan, haalota tokko tokko keessatti beenyaa malee lafa abbaa qabiyyee harkaa fuudhuu hayyamu mallatteessanii ture.
Afrikaa Kibbaatti sirni gita bittaa Appartaayidii erga goolabamee waggaa 30 ta'us, ammayyuu lafti dhuunfaa harki guddaan warra adii lakkoofsan muraasa ta'an harka jira. Kuni ammoo abbummaa lafaarratti falmii hanga yoonatti ka'aa jiruudha.
Qabiyyee lafaarratti rifoormin akka gaggeeffamuufi daba bara gita bittaa raawwatameef beenyan madaalawaa ta'e akka jiraatuf yeroo garaa garaatti gaaffin mootummaa biyyattiif ni dhiyaata.
Himannaa Tiraamp "Afrikaan Kibbaa lafa abbootii qabiyyeerraa fuudhaa jirti" jedhuuf bulchiinsi Raamaafoosaa deebii kenneen "mootummaan lafa homaatuu namarraa hin fuune" jedhee ture.
Seerri haaran Afrikaan Kibbaa baaste "sirriifi fedhii uummataa ta'ee yoo argame" mootummaan lafa abbaa qabiyyee harkaa beenyaa malee akka fuudhu hayyama. Kunis qabeenya sanarraa abbaan qabiyyee bu'aa buusaa hin jiru yoo ta'eefi qabeenyi uummatarraan balaa kan geessisu ta'ee yoo argameedha.
Afrikaa Kibbaa keessatti dubbiin abbummaa lafaa waggaa 100 oliif gaaffii belbeltuudha. Bulchiinsi gita bittaa warra Biriitish seera bara 1913 baasen, mirga qabeenya qabaachuu gurraachotaa ni daangesse.
Kuni ammoo warragurraacha biratti dheekkamsa kaasun sirna Appartaayidii irratti akka fincilaniif karaa bane.
Bara 1994tti Neelsan Mandeellaa filannoo dimokiraatawaa gaggeeffameen injifatee pirezidaantii ta'e.
Haa ta'u malee lafti dhuunfaa guddaan harka warra adii lakkoofsan xiqqoo ta'an harkaa hin bahin hafe.
Ragaan mootummaan bara 2017 baase akka agarsiisutti lafti qonnaa biyyattii %72 harka warra adii harka jiru. Uummata biyyattii keessaa warri addiin lakkoofsan &7.3 qofaadha.












