Iloon Maask moo Mister Biist eenyutu TikTok bitachuu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Jiimii Doonaaldsan ykn Mister Biist hordoftootasaa miliyoona kudhaniin lakkaa'aman waa'ee waltajjii kana bitachuu yeroo himu gammachuu guddaa qaba ture.
"Ani hoogganaa keessan haaraa ta'uu danda'a! Baay'een gammade!" jedhe Mister Biist.
Sana booda hordoftoota haaraa shaniif doolaara kuma 10 waadaa seene.
Barreeffamnisaa kun wiixata irraa eegalee yeroo miiliyoona 73 ol ilaalameera.
Donaldson waa'ee caalbaasii isaa bal'inaan qooduu akka hin dandeenye dubbateera, garuu 'waan ajaa'iba ta'aa' jechuun waadaa galeera.
Innis namoota hedduu TikTok bitachuuf fedhii qaban ibsan keessaa tokkodha.
Bara darbe Pirezidaantiin yeroo sanaa Joo Baayiden TikTok dhaabata Ameerikaatti hin gurguramu taanan biyyattii keessatti akka ugguru seera mallatteessaniiru.
Seerri kun hidhata Tiktok mootummaa Chaayinaa waliin qabu fi appiin kun balaa nageenya biyyaalessaa ta'uu isaa ilaalchisee yaaddoo Ameerikaan qabdu ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaanti Doonaald Tiraamp ammo carraa walta'iinsa uumuu danda'uu dhiheeseera.
"Ameerikaan abbummaa dhibbeentaa 50 akka qabaattu nan barbaada, kana gochuudhaan Tiktok baraarree, harka gaarii keessa akka jiraatu taasifnee appiin kun akka itti fufu ni hayyamna."
Baayidan Guraandhala 19tti appii kun Ameerikaa keessatti akka hin hojjenne maallattessus, Tiraamp appiin kun guyyoota 75 dabalataaf akka hojjetu ajaja hayyamu mallatteessaniiru.
Jalqaba baatii kanaa Bloomberg, Chaayinaan dureessa addunyaa fi michuu dhiyoo Pirezidaanti Tiraamp kan duraanuu waltajjii miidiyaa hawaasaa X qabu Eloon Maaskitti TikTok gurguruuf yaadaa akka jirtu gabaaseera.
Maask mataan isaa yeroo dheeraaf uggura Tiktok mormaa akka ture torban kana X irratti barreesse, "Tiktok Ameerikaatti akka hojjetu hayyamame, garuu X Chaayinaa keessatti akka hojjetu hin hayyamamu. Wanti tokko jijjiiramuu qaba".
Kibxata ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Tiraamp yoo Maask bitachuu barbaade nan deeggaraa jedhe.
Akkasumas, ''Laariinis akka bitatu nan barbaada,'' jechuun dubbate Tiraamp. Laarii Eliisan dura taa'aan Oraakilii fi yeroo dheeraaf deeggaraa Tiraamp kan ta'e.
Oraakiliin dhiyeessitoota sarvarii TikTok gurguddoo keessaa tokko yoo ta'u, wiirtuuwwan daataa viidiyoon waltajjii kanaa biliyoonaan lakkaa'aman itti kuufaman.
Bara darbe Oraakili uggurri TikTok daldala isaa miidhuu akka danda'u akeekkachiisee ture.
Dhaabbanni kompiitara duumessaa kun bara 2020 yeroo Tiraamp ugguruuf yaalaa turanitti waltajjii miidiyaa hawaasaa kana bitachuuf dorgomaa adda duree ture.
Invastimentiin biliyeenara Firaank Maakoortis TikTok irratti fedhii qabaachuu isaa ibsuun, ji'oota hedduudhaaf waa'ee abdiisaa gaaffii fi deebii miidiyaalee irratti taasisaa tureera.
Dhumarratti Prezidaant Traamp nama Ameerikaa Tiktok bitu filachuu keessatti gahee guddaa qaba.
Yunivarsiitii Joorji Taawunitti piroofeesara seeraa kan ta'an Anupam Chander, "Kan Mo'atan nama siyaasaan Pirezidaantii Doonaald Tiraampiif mararfannaa qabu ta'uu hin ooluu" jedhan.
Moodeellin abbummaa waliinii kun (50-50) ulaagaalee seeraa kan hin guunne yoo ta'u, Tiraamp Kongireesiin seera kana akka fooyyessu dhiibbaa godhuuf mala jedha piroofeesaraan seeraa kun.
Ammaaf egeree waltajjii kanaa ifa miti.
Seera eenyuti akka TikTok bitachuu danda'a irratti to'annoo guddaa pirezidaantiif kennu hayyamuudhaan bulchiinsi Baayidan ''dogongora hamaa" raawwate jedhu Profeesar Chaander.












