Dhibdeefi ibsi namoota siyaasaafi waraanaa yaaddoo Tigraayitti uume

Madda suuraa, Tigray Region Communications
Naannoon Tigraay waraana miidhaa guddaa geessiserraa bayyanachuuf carraaqaa jiraattus, hooggansa paartii ijoo naannichaa gidduu dhibdeen ji'ootaaf ture cimee ummata yaaddorra buuseera.
Waldhibdeen hoggantoota siyaasaa TPLF gidduu ture hanga Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad bira gaheera.
Haa ta'u malee, qondaalonni waraanaa Tigraay ji'ootaaf gar tokkotti osoo hin caalsisiin turan torban darbe gartuu TPLF Dr Dabratsiyooniin hoogganamuuf deeggarsa kennuu hordofee naannicha keessa yaaddoon uumameera.
Qondaalonni waraanaa gartuu TPLF Yaa'ii Waliigalaa godhadhe jedhe garuu gartuun Obbo Getaachoo Raddaafi Boordii Filannoon fudhatama dhabe deeggaraniiru.
Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay dura taa'aa I/Aanaa TPLF Obbo Getaachoon hoogganamu akka deebi'e hundaa'u gaafataniiru.
Gaaffiin qondaalota waraanaa kuni bulchiinsa yeroo Obbo Getaachoon hoogganamu waliin muddamni akka cimu sababa ta'eera.
Kana hordofee bakkeewwan naannichaa garagaraatti qaama tokko deeggaruun yookiin mormuun hiriirri taasifamaa tureera.
Waldhibdeen hoggantoota siyaasaa TPLF gidduu uumameefi qondaalonni waraanaa immoo gartuu tokko deeggaruu isaanii uummata gidduu qoodinsa uumeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattonni waldhibee namoota siyaasaa gidduu qondaalonni waraanaa seenuun isaanii haalichi gara walitti bu'iinsatti geessuu mala jechuun yaaddoo qabu.
Guyyoota muraasa dura gartuun Dr Dabratsiyooniin hoogganamu hidhattoota shan waliin ta'un Raadiyoo FM magaalaa Maqaleetti argamu to'achuuf yaalii taasisee ture.
Ejjennoo qondaalota waraanaa, hiriira deeggarsaafi mormii taasifame dabalamee waan ta'uf deemu kan isaan yaaddesse jiraattonni tarkaanfii of eeggannoo fakkaatu fudhataa jiru.
Wantoota bu'uuraa bitachuu, maallaqa baankiidhaa baasuu, akkasumas kaan gara magaalaa Finfinnee imaluuf akeekuu mul'achaa akka jiru jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Jiraattonni magaalaa Maqalee BBC'n dubbise torban darbe eegalee namoonni baay'ee maallaqa baankiidhaa qaban baafachuuf dameelee baankii fuuldura hiriiraa turan.
Baankii keessaas maallaqi guddaa bahaa akka jiru kan himan jiraattonni, kana hordofees baankiiwwan hamma namni tokko baasu birrii 50,000 ture 10,000'tti xiqqeessuu dubbatu.
BBC'n dhimma kana mirkaneessuuf baankiiwwan lama gaafatus deebii argachuu hin dandeenye.
Waraana waggaa lamaaf tureen gartuu hawaasaa miidhaman keessaa tokko kan ta'an dargaggoonni gara Finfinnee deemuuf akka yaadan namoonni BBC'n dubbise himaniiru.
Jiraattonni wantoota jireenyaaf isaan barbaachisu waan bitaa jiraniif guyyoota muraasa darban daballiin gatii mul'achuu dubbatu.

Jiraattun magaalaa Maqalee BBCn dubibbise wanti adda ta'e mudate akka hin jirree himuun garuummoo wantoota akka zayitaa, makarooniifi meeshaalee biroo irratti daballiin gatii jiraachuu himti.
Waraana kana dura tureen naannoon Tigraay naannolee Itoophiyaa biroo irraa adda cituun meeshaaleen garaa garaa akka hin galle godhamuun rakkoo guddaaf saaxilamuu yaadachuun, rakkoon wal-fakkaatan akka isaan hin mudanne meeshaalee garaa garaa bitanii olkaa'aa jiraachuu himti jiraattun magaalaa Maqalee BBCn dubbise kun.
Namoonni hedduun jireenya harkaa gara afaanii akka jiraataniifi kan baankidhaa qabanis birrii 10,000 ol baasuu akka hin dandeenye dubbatti.
Akkuma kutaalee Itoophiyaa biroo keessatti mudate, Tigraaayittis hanqinni boba'aafi geejjibarratti daballiin gatii guddaan uumameera.
Wal-dhabdee gaggeessitoota TPLF gidduutti uumameen gaggeessitoonni humnoota naannichaa garee tokkoof looguu bifa fakkaatun dhiyeenya kana ibsa erga kennanii booda jiraattonni yaaddoo keessa galuufi meeshaalee irratti daballiin gatii baay'ee olka'uu himu jiraattonni.
"Beenzilli [boba'aan] litiirri tokko birrii 300 galeera. Kanaan dura bajaajidhaan si'a tokko yeroo deemnu kanaan dura birrii 30 kaffalaa kan turre amma birrii 50 ta'eera," kan torbee tokko dura tureefi daballii gatii amma jiru wal-bira qabuun himti jiraattun kun.
Jiraattuun magaalaa Maqalee biraa ammoo, "Magaalaa keessa boba'aan hin jiru. Torban tokko dura taarifni taaksii birrii 15 ture amma birrii 30 galeera.
"Humnaafi maallaqa kan qabu Tigraay keessa turuu hin barbaadu. Naannicha keessaa bahuu barbaada," jechuun dargaggoonni hedduun gara Finfinnee deemuu akka barbaadan himti.
Magaalaa Maqaleerraa dargaggoon BBCn dubbise namoonni hedduun gara Finfinneetti godaanaa akka jiraniifi kanarraa kan ka'e balaliin wal-hanqatee guyyootaf eeggachuun dirqama ta'aa akka jiru hime.
Goolama siyaasaa dhalateefi yaaddoo uummanni keessa jiru akka carraatti fayyadamuun daldaltonni bu'aa hin malle argachuu barbaadan, meeshaalee hanqina dhiyeessii hin qabne irratti illee gatii hin malle dabalaa jiraachus hima.
Garee TPLF bakka lamatti hirame gidduutti muddamni uumame jiraattota yaaddoo hamaa keessa galchee akka jiruufi gaggeessitoonni TPLF rakkoosaanii mariin furachuu osoo hin taane deeggartoota gareesaanii waammachuun hanga hiriira walirratti bahuutti gahaniiru.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












