Netaaniyaahuu irratti hidhaa osoo hin taane murtee du'aatu darbuu qaba - Ayaatolaa Kameenii

Ayaatolaa Kameenii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gaggeessan Olaanan Iraan Beeniyaamin Netaaniyaahuu du'aan adabamuu qaba ture jedhan

Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa (ICCn) Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti murtee hidhaa osoo hin taane murtii du'aa dabarsuu qaba jedhan gaggeessaa olaanan Iraan Ayaatolaa Kameenin.

Tajaajilli oduu Rooyitars akka gabaasetti, dureen Iraan Ayaatolaan kana kan jedhan Wiixata, Sadaasa 25 yoo ta'u, Netaaniyaahuudhaaf kan malu hidhaa osoo hin taane "murtee du'aati" jedhan.

Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa (ICCn) Kamisa darbe Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, ministiira ittisaa duraanii kan ta'an Yo'aav Gaallant akkasumas gaggeessaa Hamaas, kan amma lubbuun hin jirre, Mohaammad Da'iif, irratti ajaja hidhaa baasun isaa ni yaadatama.

Murtee Mana Murtii Yakka Idiladdunyaa kana irratti guyyaa kaleessaa yaada kan kennan Ayaatolaan, "Ajaja hidhaa baasanii jiru, kuni gahaa miti...gaggeessitoota yakkamtoota kana irratti murteen du'aa darbuu qaba" jedhan waa'ee gaggeessittoota Israa'el yoo ibsan.

Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa gaggeessitoota Israa'el irratti ajaja hidhaa kan baase, waraana Gaazatti gaggeeffamaa jiruun sarbama mirga namaa raawwataniiru jedheeti.

Muummee Ministiiraa Beeniyaamin Netaaniyaahuufi Minitiira Ittisaa duraanii Israa'el kan turan Yo'aav Gaalant Gaazatti gochaawwan ajjeechaa, beela akka meeshaa waraanatti itti gargaaramuu raawwatameef itti gaafatamoodha jechuuni ICCn ajaja hidhaa kan irratti baase.

Benjamiin Netaaniyaahuu yakka farra-dhala namoomaa raawwachuun Mana-Murtii Yakkaa Idil-addunyaatti himatamuun hoggantota biyyoota addunyaa akka hidhaman ajaji irratti bahe afur keessaa tokko ta'anii jiru.

Netaaniyaahuun tarree hoggantoota akka Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, hogganaa duraanii Sudaan Omar al-Bashir, kan Liibiyaa Mohaammad Gadaafiitti eeraman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Murtee ajaja hidhaa ICCn baase booda Israa'el dheekkamuun murticha akka hin fudhanne beeksifte.

Murtichi jibba sanyummaa warra Yihudii (anti-semetic) bu'uura kan godhateedha jechuun ibsite.

Gaggeessaa Olaanan Iraan Ayaatolaa Kameeniin ICCn gaggeessitoota Israa'el irratti murtee hidhaa osoo hin taane murtee du'aa dabarsuu akka qabu waamicha gochuun, tarkaanfiin Israa'el Baha Giddu Galeessatti fudhataa jirtu humnoota ishee morman jabeessuu malee akka hin laaffisne dubbatan.

"Tarkaanfin warri Israa'el fudhataa jiran kan mo'ichatti isaan geessu miti. Gochaawwan yakka waraanaa raawwataa jiru. Ajaja du'aatu irratti bahuu qaba.

"Mana namaa boombidhaan haleelun mo'icha miti. Warri gowwaan kun sababa mana jireenyaa namootaa haleelaniif, waan hospitaalota haleelaniif, waan bakka namni itti walitti qabame haleelaniif waan mo'icha argatan isaanitti fakkaata," jechuun "inumaayyuu faallaa kanaatu ta'aa jira jira. Gochaansaanii humnoota diddaa caalmatti jabeessaa jira," jedhan.

Waraanni Gaazatti eegale babal'atee humnoota Iraanin deeggaraman kanneen akka Hezbollaa, hidhattooya Huutii, milishoota Shiyaa Iraaqifi Sooriyaa keessa jiran akkasumas Iraan hirmaachisee jira.

Israa'el Gaazafi Libaanositti loltoota bobbaastee lolaa jirti, Iraanifi Huutii fa'aa wajjin ammoo fageenyarraa diroonifi misaa'elaan wal-lolaa jirti.