Dursaa Komaandootii hanga ministira muummeetti- Benjaamiin Netaaniyaahuu eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Benjamiin Netaaniyaahuu yakka farra-dhala namoomaa raawwachuun Mana-Murtii Yakkaa Idil-addunyaatti himatamuun hoggantota biyyoota addunyaa akka hidhaman ajaji irratti bahe 4ffaa ta’eera.
Netaaniyaahuun tarree hoggantoota akka Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, hogganaa duraanii Sudaan Omar al-Bashir, kan Liibiyaa Mohaammad Gadaafiitti eeraman.
Netaaniyaahuun hidhaaf kan barbadaman haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’elirratti raawwate hordofuun tarkaanfii waraanni Israa’el Filsxeemootarratti fudhateen walqabata.
Israa’el akka tooftaa waraanaatti namoota nagaa beelessuu, , ajjeechaa, itti yaadanii ummata nagaa haleeluufi dhabamsiisuu fa’aatiin himatamte.
Ministirri Ittisa duraanii Israa’el, Netaaniyaahuu - akkasumas hoggantoonni Hamaas sadiirratti himannaa walfakkaatatu dhiyaate.
Tarkaanfiin ICC’n guutummaa Israa’el keessatti mufii kaase.
Netaaniyaahuun akka nama qoqqoodinsa uumuutti bal’inaan kan ilaalamu yoo ta’u, morkattoonni isaallee himatamuun isaa sirrii miti jedhanii balaaleffatan.
Netaaniyaahuun MM Israa’el yeroo dheeraaf tajaajile yoo ta’u, himannaan kun yeroo murteessaatti irratti dhiyaate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Netaaniyaahuun hidhattoota Iraaniin deeggaraman Hamaas Gaazaatti fi Hezbollaa Libaanos irratti waraana gaggeessa jira.
Waraanni kun adeemaa otoo jiruu, Netaaniyaahuun Israa'elitti himannaan yakka malaammaltummaa irratti dhiyaatera.
Netaaniyaahuun garuu himannaa kana haalera.
Netaaniyaahuun dhaddacharratti akka hin dhiyaanneef waraana Gaazaa dheeressuu barbaada jechuun namoota kaanirra qeeqni irratti dhiyaate.
Haleellaan Hamaasi fi waraanni haleellicha hordofee dhalate, mormiin haaromsa sirna haqaa Netaaniyaahuun karoorse hambisuuf ji’ootaaf bahamaa ture qabbanaa’era.
Qeeqxonni Netaaniyaahuu muummichi ministiraa biyyattii addaan qooda, dimokiraasiifillee yaaddoo uuma jedhu.
Mormiin danuun isa mudatus, namoonni hedduun aangoorra isa buusuuf dhama’anis, Netaaniyaahuun qondaala siyaasaa haxxee ta’usaaf kabajama.
Hogganaa Likud Paartii kan Netaaniyaahuun, Sadaasa bara 2022 yeroo shanaffaaf irra deebiin kan filatame.
Waggoota 12 walitti aansuun MM Israa’el kan ta'an Netaaniyaahuun, yeroo gabaabaaf aangoorraa bu’ee booda aangootti deebi'uun, haala ajaa'ibaa ta'een deeggartoota isaa biratti "Mootii Biibii" siyaasaan hin mo'amne akka jedhamu taasiseera.
Maanguddoo ganna 75 kan ta’an Netaaniyaahuun, yeroo jaha filatamanii aagoorra turan.Waraana Israa’el hogganuurratti nama hunda caala filatamudha. Maqaa masoo "Mr Security" jedhus moggafameeraaf.
Netaaniyaahuun hunda caalaa akka eegduu Israa'elitti yaadatamuu akka barbaadu kanaan dura dubbateera.
Garuu, Onkoloolessa 7 bara 2023, Israa’el seenaa keessatti haleellaa guddaatu hoggansa Netanaahuu jalatti irra qaqqabe.
Hamaas namoota 1,200 ajjeesuun, namoota 251 ammoo butanii gara Gaazaatti deebi’an.
MM Netaaniyaahuun haleellaa sana hordofuun Hamaas balleessuuf waraana banan.
Waraanni kun ammas hin qabbanofne- waggaa tokkoo boodas itti fufee jira.
Haleellaa Israa’el Gaazaatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 44,000 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa ibseera. Israa’el haleellaan raawwattu hawaasa addunyaa biratti akka jabaa balaaleeffatame.
Netaaniyaahuun namoota Hamaasiin butaman 100 ta’an ammallee qabaman akka gadhiifaman walii galuun, dhukaasa akka dhaabu biyya keessaa dhibbaan irratti jabaate ture. Netaniyaahuun garuu dhiibbaa kana mataa jabaatanii didan. Israa'elii fi Hamaas waliigaltee irra gahuu dadhabuu isaaniif dabareen wal komatu.
Kun haala kanaan otoo jiruu, Hezbollaan Hamaas cina goruuf Israa’eel waggaa tokkotti dhiyaatuuf haleella bane.
Sababa haleellaa kanaan kaaba Israa’elirraa yoo xiqqaate namoonni 60,000 ta’an qe’eerraa buqqa’an.
Haleellaa Onkoloolessa 7 bara 2023 qaqqabeef seenaa Israa’el keessatti rakkoo tika biyyattii mudate isa hamaa ta’uusaa Netanaahuun akka amanan deeggartoonni fi mormitoonni isaallee gaafataniiru.
Netaaniyaahuun hanga ammaatti komii dhuunfaan irratti dhiyaatu ofirra qabeera. Garuu hoggantoota Hamaas Yahyaa Sinwaar fi hogganaa Hezbollaa Hasan Nasrallaa ajjeeffamuun Netaaniyaahuun fudhatamnisaa akka dabalu taasisera.
Yaadannoo obboleessa Netaaniyaahuu

Madda suuraa, GPO via Getty Images
Beenjaamin Netaaniyaahuun bara 1949 Teel Aviivitti dhalate.
Bara 1963tti abbaan isaa, hayyuu seenaa beekamaa fi roogeessi Ziyoonizimii hojiif gara US kan deeman.
Netaaniyaahuun maatiisaa waliin garasitti imale.
Netaaniyaahuun umriin isaa waggaa 18 wayita guutu gara Israa'elitti deebi'e. Waggoota shaniif waraana keessa ture.
Netaaniyaahuun dursaa garee loltoota leenjii addaa qaban- komaandoo Sayeret Matkal ta'ee tajaajilaa ture.
Xiyyaara Beeljiyeem hidhattoota Filisxeemiin butamee, bara 1972 Israa'el keessa qubaterratti haleellaa banameen madaa’e ture, bara 1973 waraana Baha Giddugaleessaatti hirmaatera.
Bara 1976tti obboleessi Netanaahuu, Joonaataan Yugaandaa Entebetti xiyyaara butame keessaatti namoota turan baraaruuf sakatta'iinsa otoo geggeessaanii ajjeefame.
Duuti Joonaataan maatii Netaaniyaahuu hube, maqaan isaas Israa'el keessatti nama hin dagatamne ta’ee hafe.
Netaaniyaahuun yaadannoo obboleessa isaatiif dhaabbata farra shororkeessummaa kan hundeesse.
Bara 1982tti Waashingitanitti hogganaa ittaanaa ergama Israa'el ta'e.
Yeroo sanarraa kaasee beekamtiin Netaaniyaahuu dabalaa adeema.
Barruuwwan afaan Ingiliziin maxxafamanirrattii fi televijiinii Ameerikaa irratti beekamaa fi nama waa’ee Israa'el leellisu ta'e.
Bara 1984 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti bakka bu’aa Israa'el ta'uun Niiw Yoorkitti muudame.
Netaaniyaahuun aangoo qabachuu

Madda suuraa, Getty Images
Netaaniyaahuun bara 1988 gara Israa'el yeroo deebi'u siyaasa keessatti hirmaachuutti cime.
Sana booda paartii Likud bakka bue’ee teessoo paarlaamaa argachuu hordofuun Ministeera dhimma alaaIsraa’elitti itti aanaa ta'e muudame.
Booda dura taa'aa Likud Paartii ta'an.
Bara 1996tti ajjeechaa Yitizaaq Raabin hordofee filannoo dafee erga gaggeeffameen booda MM Israa'el kallattiin filatame isa jalqabaa ta'e.
Netaaniyaahuun hogganaa Israa'el isa dargaggeessaa fi erga Israa’el bara 1948 hundoofte booda dhalate kan jalqabaati.
Waliigaltee nagaa Osloo bara 1993 Israa’elii fi Falasxim mallatteessan cimsee qeequs, Netaaniyaahuun Hebroon %80 to’annoo Abbaa Taayitaa Filisxeem jala akka oolu eeyyame. Akkasuma Israa’el Weest Baank keessaa akka baatu waliigale, kun mormii guddaa itti kaase ture.












