Qoqqobbiiwwan Iraan maali, Tehraan akkamitti jalaa miliquuf yaalti?

Madda suuraa, EPA
Iraan sababa qoqqobbii cimaa ji'oota muraasa darban keessa pirezidaantonni Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Joo Baayiden irra kaa'ameen boba'aa ishee al-ergii ishee gadi bu'uu argaa jirti.
Tiraamp sagantaa niwukilaraa isaa akka to'atu gochuuf yaaluun gara "zeerootti" isaan oofuu akka barbaadu dubbataniiru.
Imaammata "dhiibbaa olaanaa" Iraan irratti taasisuu kan inni marsaa jalqabaasaanii keessatti hordofe kan deebisudha.
Inniifi Baayidan lamaan isaaniiyyuu taankaroota boba'aa Iraan baay'ee gara biyya alaa geejjiban, ''dooniiwwan dukkanaa'oo'' jedhaman irratti qoqqobbii kaa'aniiru.
Tiraamp ''networkii dhaabbilee idil-addunyaa'' daldala boba'aa seeraan alaa Iraan akka raawwattu gargaara jedhame irratti xiyyeeffataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Iraan jikita boba'aa hangam alatti ergiitii?
Iraan kuufama boba'aa addunyaa keessaa isa guddaa jedhame qabdi.
Jalqaba bara 2024tti guyyaatti gara barmeela miliyoona 1.8 al-ergaa akka ture tilmaama dhaabbanni daataa S&P Global irraa argame ni mul'isa.
Haata'u malee, S&P Global qoqqobbii dhiheenya kana kaa'ame akka jedhutti, ji'a Guraandhalaa bara 2025'tti heddummina al-ergii gara giddu galeessaan gara bpd miiliyoona 1.2 gadi buuse.

Madda suuraa, Getty Images
Xiinxaltoonni indaastirichaa akka amananitti, jikitni boba'aa Iraan ergitu hunda keessaa %90 gara Chaayinaa deemaa tureera.
Chaayinaan qoqqobbii Ameerikaan daldala boba'aa Iraanirra keessuus, qoqqobbii gama tokkootiif beekkamtii seera akka hin qabnetti ilaaluun bitaa turte.
Kanas ta'e sana, buufata boba'aa Chaayinaa Shaandong keessatti argamu dhiheenya kana sababa qoqqobbii Ameerikaatiin boba'aa Iraan fudhachuu dhaabuusaatti, Chaayinaan boba'aa Iraan irraa galchitu Muddee 2024tti bpd miiliyoona 1.48 ture, Amajjii 2025tti gara bpd 851,000tti gadi buuseera jedha S&P Global.
Qoqqobbii akkamiitu al-ergii boba'aa Iraanirra kaa'amee, maaliif?

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa fi biyyoonni biroo Iraan meeshaalee niwukilaraa fi misaa'ela balistikii misoomsuu ishee to'achuuf jecha qoqqobbii irra kaa'anii ture.
Qoqqobbiin kun, akkasumas gareewwan akka Hamaas, Hezbollaah fi hidhaattoota Huutii kan Ameerikaa fi biyyoonni biroo dhaabbilee shororkeessaa jedhaniif maallaqa akka hin ergeef dhorkullee kan yaadame ture.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2002tti Iraan meeshaalee niwukilaraa guuttachaa akka turte erga ifa ta'een booda, UN, EU, US fi biyyoonni biroo qoqqobbii kaa'anii meeshaa niwukilaraa akka hin hojjenne yaaluun ittisuuf yaalan.
Iraan waadaashee, yeroo bara 1967 waliigaltee meeshaa waraanaa hin babal'isne mallatteessite, gonkumaa biyya niwukilaraa hidhate akka hin taane cabsaa jirti jedhu.
Iraan meeshaalee niwukilaraa guuttachuuf mirga akka qabdu ibsiteetti. Kaayyoon isaa guutummaatti nagaa ta'uu cimsee dubbata, anniisaa niwukilaraa maddisiisuudha jette. Haata'u malee, dhaabbanni niwukilaraa addunyaa, Abbaan Taayitaa Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa, kana mirkaneessuu hin dandeenye.
Bara 2006tti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhiyeessii meeshaa waraanaa fi teeknooloojii niwukilaraa Iraan irratti qoqqobbii kaa'ee ture. Bara 2011tti ammoo US damee boba'aashee irratti qoqqobbii bal'aa kan keessa yoo ta'u, bara 2012'tti Gamtaan Awurooppaa boba'aa Iraan irraa bitanii galchuu dhorke.
Bara 2015tti ammoo yeroo Baaraak Obaamaan pirezidantii US turaniitti, Iraan UN, US fi biyyoota biraa waliin sochii nikulaaraa daangeessuuf waliigaltee (Karoora Hojii Waliigalaa Waliinii, ykn JCPOA jedhamuun beekama) mallatteessite.
Akka qaama waliigaltee kanaatti qoqqobbii boba'aa (fi oomishaalee biroo) irratti kaa'ame laaffisamee ture.

Madda suuraa, Iranian presidential handout / Reuters
Haata'u malee bara 2018tti Pirezidanti Tiraamp waliigaltee kana keessaa bahuudhaan qoqqobbii kanaan duraa irra deebi'anii kaa'uufi kanneen biroo dabaluudhaan duula "dhiibbaa guddaa" taasisuudhaan, mootummaa Iraan sochii niwukilaraa ishee irratti dhiibbaa dabalataa baasuuf yaaluun isaanii ni yaadatama.
Kunneen baay'ee ciccimoo waan turaniif bara 2020'tti boba'aan Iraan ergitu guyyaatti naannoo barmeela kuma 400'tti gadi bu'eera.
Iraan sagantaa niwukilaraa ishee irratti gara mariitti akka deebituf amansiisuuf yaaluun qoqqobbii Pirezidaantii isa bakka bu'e Joo Baayideniin laaffifameera.
Haleellaa misaa'elaa Iraan Onkoloolessa bara 2024 Israa'el irratti raawwatteef deebii kennuudhaan, Baayiden ejjennoo isaa cimsuun, Onkoloolessa fi Muddee keessa taankiroota boba'aa Iraan geejjiban hedduu irratti qoqqobbii kaa'e.

Madda suuraa, Iranian presidential website / Reuters
Qoqqobbii yeroo dhiyoo bulchiinsi Tiraamp irraa ka'e kun, "networkii dhaabbilee idil-addunyaa" jechuun kan ibsu yoo ta'u, boba'aa Iraan Chaayinaatti gurguruufi galiisaa ammoo gara humnoota waraanaa biyyattiitti geessuuf waliigaltee seeraan alaa keessatti hirmaachuu isaanii himatu irratti xiyyeeffata.
Tarkaanfiin ishee kun maallaqa Iraan gareewwan hidhattootaa kanneen akka Hamaas, Hezbollaa fi hidhattoota Huutii ergitu jettu ukkaamsuuf akka ta'e dubbata.
Tiraamp al-ergii boba'aa Iraan ''gara zeerootti'' hir'isuu akka barbaadan dubbatan. Kunis mootummaa Iraan irratti dhiibbaa dippilomaasii gochuufiidha. ''Iraan waliin waliigaltee niwukilaraa hin taane irratti akka hojjetamu nan barbaada'' jedhan.
Iraan gamasheetiin ammoo, qoqqobbii Ameerikaan boba'aa al-ergii ishee irratti kaa'uun gabaa jikita boba'aa addunyaa tasgabbii dhabsiisuu akka danda'u ibsiteetti.
Miseensonni garee oomishtoota boba'aa Opec waliin hojjetan ammoo dhiibbaa qoqqobbii kana irratti dhufu qolachuuf tarkaanfii akka fudhatan gaafateera.
Qoqqobbii gosa biroo akkamiitu Iraan irra kaa'ame?

Madda suuraa, EPA
US bara 1979, yeroo Imbaasiin Ameerikaa kan Tehraaniitti argamu to'atamuudhaan namoonni butamanii fudhataman irraa eegalee mootummaa Iraan irratti qoqqobbii kaa'aa turte.
Sagantaa niwukilaraa mootummaa irratti ammoo qoqqobbii kaa'uu kan eegale bara 1992 ture. Ammattis biyyoota biroo caalaa kamuu caalaa Iraan irratti qoqqooppii keessee jirti.
Ameerikaan dhaabbileen ishee Iraan waliin meeshaalee akka hin daldalleef dhorkiteetti.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Baankota Iraan fi baankii giddugaleessaa ishee irratti qoqqobbii kaa'uun, dhaabbileen faayinaansii addunyaa guutuu Iraan waliin hojjetan Ameerikaa waliinis akka hin hojjenne, ykn doolaara Ameerikaa akka hin fayyadamne dhorkeera.
Kaayyoon isaas Iraan sirna faayinaansii idil-addunyaa irraa adda baasuudhaaf.
Akkasumas US qabeenya dhaabbilee gurguddoo Iraan kan akka Eegdota Warraaqsa Islaamaas dhorkiteetti.
Kun Iraan keessatti jireenyarratti dhiibbaa akkamii qabaata?

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2012 fi 2016 gidduutti, yeroo qoqqobbii Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa al-ergii boba'aa Iraan irratti kaa'ametti, Iraan galii doolaara biiliyoona 160 ol dhabde.
Tiraamp bara 2018 duula "dhiibbaa olaanaa" yeroo jalqaban, Iraan dinagdeen ishee gara kufaatii keessa akka seenu, gatiin riyaala Iraan mudateera.
Riyaalli jalqaba Guraandhala 2025'tti qoqqobbii yeroo dhiyootti Tiraamp kaa'an hordofuun sadarkaa gadaanaa yeroo kamiyyuu caalaa gadi bu'eera.
Akka Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) jedhutti, duula "dhiibbaa guddaa" jedhun bara aangoo Tiraamp jalqabaa booda, saffisi qaala'iinsa jireenyaa ol ka'uudhaan bara 2022'tti %54 ol ga'e. Dhuma bara 2024'tti ammoo gatiin waggaatti %30n dabalaa akka ture dubbata.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Hariiroo Idil-addunyaa Nezerlaanditti argamu Kilingendael, sadarkaan gatii saffisaan dabaluu, guddinni dinagdee laafaa ta'uu waliin walqabatee, lammiilee Iraan hedduu gara hiyyummaatti dhiibee jira jedha.
Humna hojjettootaa keessaa kan gara %8 ta'u hojii dhabeeyyiidha. Hoji dhabdummaan dargaggootaa ammoo %20 caala.
Gabaasni Kilingendael taatee kanaaf sababoota biroo kanneen akka malaammaltummaa fi bulchiinsa badaa dinagdee Iraan keessatti mul'ate jedhame waliin, qoqqobbii kan komate.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni tola ooltummaa Humaan Raayitis Woochi gabaasa bara 2019 baaseen, qoqqobbii ''dhiibbaan ol'aanaa'' Tiraamp bara hojii isaanii isa jalqabaatiin irratti kaa'anitiin, Iraan gosoota qoricha tokko tokko biyya alaarraa galchuu akka hin dandeenye taasiseera jedheera.
Kun ammoo ''lammiilee Iraan idileen rakkina hamaan akka mudatu taasisuudhaan... fayyaa namootaa balaadhaaf saaxiluu'' jedheera.
Iraan akkamitti qoqqobbii jalaa miliquuf yaalti?

Madda suuraa, Reuters
Namoonni siyaasaa fi duula gaggeessitoonni biyyoota dhihaa kan akka United Against Nuclear Iran, Iraan jikita boba'aashee dhoksaan gara biyya alaa geejjibuuf ''dooniiwwan dukkanaa'oo'' qabdi jedhan.
Kunis dooniiwwan biyyoota abbootiin qabeenyaa odeeffannoo isaanii akka hin beekamne kan taasisan keessatti galmaa'aniidha jedhameera. Akkasumas, daandii isaanii dhoksuuf jecha wayita galaanarra jiranii meeshaa qunnamtiisaanii akka dhaamsan himama.
Iraan "doonii dukkanaa'aa" akka fayyadamtu hin amanne garuu kana hin haalle, miidiyaaleen Iraan doonii isheen fayyadamtu kana "abjuu qoqqobbii" jechuun waamuun isaanii ni yaadatama.
Iraan akkasumas daldala boba'aa idil-addunyaa karaa toora baankiiwwanii fi dhaabbilee dhoksaatiin kan raawwattu yoo ta'u, qoqqobbii maallaqaa Ameerikaan Iraan irratti kaa'e kan baankota idil-addunyaa fi dhaabbileen faayinaansii harki caalaan biyyattii waliin daldala kamiyyuu akka hin hojjenne taasise irraa fagaattee jirti jedhameera.
Dr Burcu Ozcelik, dhaabbata yaada UK keessatti argamu dhaabbata Royal United Services Institute (RUSI) irraa BBC'tti akka himanitti: "Tiraamp neetworkii faayinaansii biyyoota ollaa Iraan kan dhangala'aa boba'aa seeraan alaa irratti dhiibbaa dabalataa gochuu itti fufuu hin oolu.
''Kunis lamaan isaanii iyyuu bu'aa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa kan taasisuu fi bakka bu'oota shororkeessummaa fi michoota isaanii maallaqaan gargaaruu kan dandeessisudha."
"US baankota Iraaq hojii kana Iraaniif hojjechaa turan irratti xiyyeeffachuu jalqabuu dandeessi" jetteetti.












