Donaald Tiraamp maaf Addeessarratti albuuda baasuu barbaadu laata?

Tiraamp Addeessarratti

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp Ameerikaan addeessarratti albuuda baasuu akka jalqabdu barbaadu.

Pireezidantichi yeroo dhihoo Ameerikaan hawaa irra qabeenya jiru abuurtee akka itti fayyadamtu ajaja mallatteesaniiru. Ameerikaan mirgas qabdi jedhan.

Ajajni kunis Ameerikaan hawaa akka iddoo qabeenya waloo addunyaatti hin ilaaltu jedhan. Kanaafis qabeenya achi jirutti fayyadamuu jalqabuudhaaf hayyama idil addunyaa hin barbaachisu jedhaniiru.

Garuu maaliif addeessarratti albuuda baasuu barbaadan? Faayidaansaa hoo maaliidha?

'Jireenya dachiin alatti...'

Addeessarraa albuuda baasuun dhalli namaa gara hawaatti akka imalaniif gargaara, bakkeewwaan akka Maarsii fa'a jetti Saaraa Kiruudas.

Gaazexeesituun dhimma hawaa Saaraan akka jettutti Addeessii "buufata peetirooliyamii taateetti" jetti. Sababni isaas qabeeyyiin rookeetiidhaaf fayyadan akka haayidiroojiinii fi oksijiinii of keessatti qabu waan ta'eefi.

Buufata peetirooliyamii hawaa keessatti qabaachuun yaaddoo beenzilli ni dhumata jedhu malee gara hawaatti deemuun ni danda'ama.

Sababa hawaan qabeenya heddu pilaaneetii keenya fayyadan qabuuf gadi fageenyaan hawaa abuuruun barbaachisaadha jetti.

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp

Piroofeesar Beenjaamiin Savaakoo akka jedhanitti sababa jijjiirama haala qilleensaan addunyaan gara anniisaa maddeen haaromfamaniitti fuula deebifataa jirti.

Yuunivarsiitii Sasseeksitti barsiisaa imaammata anniisaa kan ta'an pirofeesar Benjamiin, kanaafis jecha qabeenya addeessarra jiru konkolaataa elektiriikii tolchuuf gargaara jedhu.

"Sibiilonni akka Liitiyamii yookiin Koobaaltii baay'innaan biyyoota akka Chaayinaa, Raashiyaa yookiin Koongoo keessatti argaman salphaatti argachuun rakkisaa ta'aa jira," jedhu.

Albuudota kanneen addeessarraa qotuun danda'amullee, rakkoo sababa jijjiirama qilleensaan addunyaarra gahaa jiruuf garuu furmaata hin ta'u jedhan.

Waldhabdee US-Chaayinaa

Sababbiin pireezidant Tiraamp addeessarratti albuuda baasuuf murteessaniif Ameerikaan biyyoota biroo waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu albuuda xiqqaa waan qabduufi.

"Ameerikaan dorgommii injifatamteetti - biyyoonni akka Chaayinaa fi Raashiyaa fuuldura jiru," jedhan pirof Beenjaamiin.

Albuudonni Chaayinaadhaan baafaman guutuu addunyaaf akka dhihaatan taasifamaniiru.

"Namoota akka pireezidaant Tiraampiif bakka Chaayinaan hin jirretti albuuda baasuu danda'uun waan gaariidha."

Eega pireezidant Tiraamp gara aangoo dhufanii asii Ameerikaa fi Chaayinaa jidduu yaaddootu jira. Pirofeesar Beenjaamiin akka jedhanitti inni kun pireezidaant Tiraampiif carraa "hoggansaa fi irra aanuu" isaanii itti agarsiisaniidha jedhan.

Seerri hoo?

Ajajni pireezidant Tiraamp tattaaffii US taasiftu seera idil addunyaan akka hin gaangofne ifatti kaa'eera. Ammoo addunyaan hojii dhalli namaa dachiin alatti hojjatu to'achuuf seera jabaa hin qabdu.

"Seerri Hawaa bahaa jira, waan yeroon booda jijjiiramuudha," jetti Saaraan.

Biyyi "kamuu addeessi kiyya hin jettu", yeroo ammaatti garuu akka seera daldala bishaan irraati: "Yoo achi deemtee argatte albuuda baaftee kaayyachuu dandeetta."

"Dhalli namaa dachii lafaa waan haalan itti hin fayyadamneefi bakki hafu hawaa qofa jedhanii yaadu," jedhan pirof Beenjaamiin.

Saatalaayitii hawaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saatalaayitii hawaa keessatti

Ammatti ta'uu danda'aa?

Akka Saaraan jettutti "teeknooloojiin jira." Dhaabbileen dhuunfaa waan kana keessatti hirmaachaa waan jiraniif adeemsisaa saffisaadha.

"Asiin dura mootummaadhaan deeggarama ture. Namootaa fi dhaabbilee dhuunfaan, maallaqaa fi fedhii guddaatu jira."

"Addeessarratti, asteerooyiidii fi galaana keessaa albuuda baasuuf akkasumas dhalli namaa gara Maarsii deemuu jijjiirama guddaa arguuf deemna. Yeroo keenyaatti waan arguu dandeenyudha."

Piroofeesar Beenjaamiin akkas jedhan: Adeemsa albuuda lafa jalaa baasuurratti teeknooloojii guddatetti fayyadamuun barbaachisaadha.

Sirna Soolaarii

Madda suuraa, Getty Images

"Jalqabarratti adeemsa albuuda baasuu kan akka gaazii fi bishaan keessaa guddisuun barbaachisaadha. Achi booda gara sadarkaa itti aanutti ce'uun danda'ama."

Akka yaadasaatti addeessarratti albuuda baasuuf "yoo xiqqaate waggoota 10-15 fudhata". Akkasumas hegeree qabeenyaa fi maallaqarratti hundaa'a jedhan.