Xiyyaarri hawaa UAE Maarsiitti ergamte suura jalqabaa kaafte dacheetti ergite

Madda suuraa, UAESA/MBRSC/LASP/EMM-EXI
UAE’n xiyyaara hawaa Ergama Hooppiin qorannoof gara Maarsiitti ergite suura Maarsii jalqaba kaaftee gara dacheetti ergite.
Xiyaarri hawaa kun Kibxa darbe orbiitii naannoo pilaaneetii diimtuu (Maarsii) qaqqabuu isheetiin, UAE biyya Arabaa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf ergama qorannoo saayinsiin pilaaneetii ollaa dacheetti argamturratti gaggeessite taate.
Suuraa jalqaba ergitetti aansuun pilaanetiin kun maal akka fakkaattu suura hedduu akka ergitutu eegama.
Xiyyaarri hawaa ‘Hoopp’ maqaa jedhuun beekamtu orbitii bal’aa ta’erra kan naannoftu yoo ta’u, haala qilleensaa fi qilleensa baramaa Maarsii qoratti. Akkasumas Maarsiin guutummaatti maal akka fakkaatu ittin ilaaluuf oolti.
Saatalaayitoonni pilaaneetii Maarsitti dhiyeessanii kaa’un kan barbaachiseef immoo, suura qulqullina olaanaa qaban dirra Maarsirra akka kaasanii fi roobitiwwaan Maarsiirra qubatan akka kan dachee wajjin wal qunnamuu danda’aniif akka buufata telekominikeeshinitti gargaaru.

Madda suuraa, MBRSC
Suuraan fuula kana jalqabarra argamu xiyyaara samii Hoop irratti meeshaa argamu EXI jedhamuun dirra Maarsiirra fageenya km 24,700 irraa kaafame.
Erga pilaaneetii diimtuu (Maarsiirra) geesse guyyaa tokko booda Hoop suura kana kaasu dandeesse.
Bantiin Kaabaa Maarsii suuricharratti gara harka bitaa, gara olitti kan argamuudha.
Walakkeessa pilaanetichaarratti immoo volkaanoo sirna solaarii hunda caala guddicha Olympus Mons jedhamutu argama.
Sararri halkanii fi guyyaa addaan kan qooduu achirratti argamu tarmineetar jedhamee waamama.
Volkaanoo sarara kana keessatti argaman sadan Askarayus Mans, Pavinis Mans, fi Arsiya Mans jedhamutu argama.
Toora tiwitaraa ergama qorannoo kanaa ibsuurratti, suuraan Hoop kaafte seena qabeessa akka ta’e fi UAE’n qorannoo hawaa jajjabaatti dabalamuu kan agarsiisedha jedhame barreeffame.
‘’Ergamani qo’anno kun waa’ee Maarsii argannoo nama fayyadu haaraa fida jennee abdanna,’’jechuun barreeffame.
Xiyyaarri hawaa Hoop km 1,000 Maarsiitti dhiyaachuun, akkasumas km 50,000 Pilaanetichaa fagaachuun qoratti.

Xiyyaarri hawaa akkaataa naannoo atomosfarii Maarsiitti annisaan gara gadiirraa akkatti ol deemu qoratti.
Kana malees, waa’ee atomoota Haayidirojinii fi Oksijiinii bilisa ta’anii qaama hawaa kana keessatti gadhiifamanii ni qoratti.
Kunis akkaataa pilaaneetiin ho’ituu fi jiitu taate Maarsiin qorritu fi jiidhinsa qabu irraa gogee dhukkeen akka guutamte hubannoo akka qabaannuuf gargaarti.
Gaaf xiyyaarri hawaa Hoop suuraa kaaftetti, xiyyaarri hawaa Chaayinaa ‘Tianwen-1 orbiter’ maqaa jedhu qabdu Maarsiirra qubatteetti.















