Eelon Mask sooressa gameessa addunyaa kanaa ta'e

Eelon Mask - abbaa qabeenya 'Tesla' fi 'SpaceX'

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Eelon Mask - abbaa qabeenya 'Tesla' fi 'SpaceX'

Qabeenyi isaa qulqulluun (net worth) doolaara biliyoona 185tti kan tilmaamame abbaan qabeenyaa 'Tesla' fi 'SpaceX' sooressa gameessa addunyaa kanaa ta'e.

Gatiin kaampaanii isaa kan konkolaataa elektiriikii 'Tesla' jedhamtu omishu dabaluu isaatiini dhalataan Afrikaa Kibbaa Eelon kamisa gara sadarkaa jalqabaatti ol bahuu kan danda'e.

Erga bara 2017 as sooressa addunyaa ta'ee tokkoffaarra kan ture hundeessaa danldala onlaayinii 'Amazon' Jeef Beezoos ture.

Gatiin kaampanii 'Tesla' bara kana daran dabalee yeroo jalqabaaf Roobii darbe doolaara biliyoona 700tti tilmaamame.

Gatiin kaampaniiwwan akka Toyota, Volkswagen, Hyundai, GM fi Ford walitti dabalamee hagana hin gahu.

Oduu kana fayyadamaan twiitter tokko erga maxxanseen booda Eelon Mask "akkam nama ajaa'iba" jechuun jalatti deebii kenneera.

Elon Musk

Madda suuraa, Twitter

Waa'ee qabeenya isaa maal akka yaadu barreeffama twitter irratti maxxansee gubbaatti akka mul'atu taasiseen himeera.

"Maallqani koo walakkaan rakkoolee dachee kanaa furuuf oola, kan hafe walakkaan ammoo Maarsii gubbaatti magaalaa sanyii gosa mara baraaruuf taatu ijaaruuf oola - kuni tarii yoo dacheen akka daayinoosarii miitiwooriin rukutamte ykn waraanni Addunyaa sadaffaa dhufee yoo of balleessineef ta'a," jedha.

Filannoo Ameerikaa Sadaasa darbeetiin diimokiraatonni seneetii keessatti olaantummaa argachuun 'Tesla'f oduu gaariidha.

Ajandaa magariisummaa waan dhaadhessaniif konkolaataa elektiriikiin hojjetu jajjabeessuu malu.

Jeef Beezoos

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeef Beezoos akkasuma maallaqa isaa habuurraa hawaa irratti baasa

Qabeenyi Jeef Beezoos baroota darban akkanuma dabalaa ture. Koronaavaayirasiin caalaatti daldalli isaa onlaayinii akka ho'u taasiseefi jira.

Haa ta'u malee qabeenya isaa dhibbeentaa 4 haadha warraa isaa gargar bahan Makkeenziif kenneera. Kuni Eeloniin akka caalamu taasiseera.

Gama kaaniin to'annoon jabeeffamuun gatiin 'Amazon' hanga eegamu akka ol hin kaane taasiseera.