Tesla: Manni murtii Jarman ijaarsa warshaa konkolaataa sababa bofaafi lootuun adda akka citu ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Warshaan konkolaataa Jarman, Tesla, sababa bofaafi lootuun oomisha akka dhaabu manni murtii ajaje.
Kunis kan ta'e quuqamtoonni naannoo dhimmicha mana murtii erga geessanii boodadha.
Warshaan oomisha konkolaataa elektirikaa oomishu kuni dhihoo magaalaa guddoo biyyattii Berliinitti warshaa elektirikaa Awuroppaati isa jalqabaa ta'eefi kan baatirii konkolaataa ijaaruuf bosona ciraa ture.
Haa ta'u malee, quuqamtoonni naannoo bofaafi lootuuwwan bosona keessa jiranif gaarii miti jechuun mormuu eegalan.
Sababa kanaaf manni murtii Fraankifart bosona ciruun akka dhaabatu ajajeera.
Ajajni mana murtii kuni kaampaanii Teslaa irratti waggaa darbes achuma biyya Jarman bulchinsa Biraandenbargitti itti bahee ture.
Ajajni duraan itti bahe yaaddoo bineensota bosonaafi dhiheessii bishaaniin walqabateeti.
Ajaja booda kana itti bahe irratti Teslaan waan dubbate hin qabu. Murtiin dhumaas hin murtoofne.
Kanneen himata kana dhiheessan Waldaa naannoof quuqamu Nature and Biodiversity Conservation Union (NABU) fi Green League jedhamanidha.

Madda suuraa, Getty Images
Akka kanneen naannoof quuqaman jedhanitti bosonni Teslaan ciru bakka jireenyaa bofaafi lootuu cirracha gubbaa jiraatanii ni dhabamsiisa. Lamaanuummoo sanyii eegumsi taasifamufidha.
Dabalataan, ijaarsi warshaa kanaa mataan isaa reppitaayiloota yeroo ammaa ganna keessa riphanii jiran ni jeeqa jedhu.
Hogganaan Tesla Elon Mask Sadaasa waggaa dabre ture ijaarsa warshaa kanaa kan ifa godhan. Adoolessa 1 2021'ttii hojii akka eegalu abdatanii ture. Waggaattis konkolaataa 500,000 oomishuuf karoorfame.
Quuqamtoota naannoon ala paartileen Jarman lama biroollee ijaarsa warshaa kanaa mormaniiru
Kana dura ministeerri naannoo Jarman 'itti gaafatama ofiin' Teslaan ijaarsa warshaa akka eegalu eeyyameefi ture. Kanaafis, bosona hektaara 91 ciruun irraa eegama.
Ijaarsa eegaluun garuu murtee qondaaltota irratti hundaa'a.














