Dureeyyonni teknooloojii maaliif Itoophiyaa filatu?

MM ABiy Ahimadiifi Jaak Maa

Madda suuraa, Waajira Ministeera Muummee

Yeroo tokkotti dureeyyonni teknooloojii addunyaa kanaa Itoophiyaa keessatti argamaniiru. Isaanis abbaa qabeenyaa Alibaabaa Jaak Maa fi abbaa qabeenyaa Tiwiiteraa Jaak Dorsiidha.

Abbaan qabeenyaa Aliibaabaa lammii Chaayinaa yoo ta'u ardii Eezhiyaa keessatti gabaa Elektirooniksii keessatti ga'ee guddaa ta'e qabudha. Tiwiiterri ammoo dhaabbata guddaa dargaggoota Ameerikaa afuriin hundeeffame waltajjii miidiyaa hawaasummaa baayyee guddaadha.

Jaak Maa fi Jaak Dorsiin akka nama wal beellamanii walakkeessa baatii Sadaasa keessa Finfinneetti argamuudhaan qalbii miidiyaalee harkisaniiru.

Abbaan qabeenyaa Aliibaabaabaa erga Finfinnee galanii booda ministira muummee Itoophiyaa Dr Abiy waliin walarganii mari'ataniiru.

Jaak Maa kana malees Mandaraa ICT keessattillee argamuun kan daawwatan yoo ta'u MM Abiy waliinis Fooramii Daldala Addunyaa Elektirooniksii (Electronics World Trading Forum [EWTP) piroojektii jedhu eebbisaniiru.

Piroojektiin eebbifame kunis dhaabbileen daldalaa xixiqqoo oomisha isaanii guutummaa addunyaa irratti beeksifachuu barbaadaniif carraa gaarii uumeera jedhameera.

Gama biraatiin dargaggoota Tiwiitera hundeessan afur keessaa tokko kan ta'e Jaak Dorsiin biyya Naayijeeriyaa ykn Itoophiyaa keessaa tokko filachuudhaan baatiiwwan sadiitii hanga ja'aa turuudhaan filannoowwan gabaa jiruu ilaaluudhaaf jedhameera.

Maaliif Itoophiyaa filatan?

Dura Ta'aa Feerfaaksi Afiirkaa kan ta'an Obbo Zemedneh Nigaatuu akka jedhanitti abbootiin qabeenyaa addunyaa gurguddoo kun kan Itoophiyaa filataniif baay'inna ummataan yommuu ta'u, sababiin lammaaffaa ammoo diinagdeen biyyoota kana lamaanii yeroodhaa gara yerootti guddataa waan dhufeef.

Biyyoota Sahaaraa gadii jiran keessaa Itoophiyaan GDP'n (galii waliigalaa biyya keessatti omishamu)n sadaffaarra jirti. Kampaaniiwwan tekinooloojii qofaa osoo hin taane invastimantiiwwan damee birootiinis Itoophiyaan qalbii hawwachaa jirti.

Itti dabaluunis," Abbootiin qabeenyaa lamaan kun kana ilaalanii dhufan. Keessumaa abbaan qabeenyaa Aliibaabaa afeerraa ministira muummeetiin dhufan.

Aliibaabaan sadarkaa idil-addunyaatti maamiltoota miliyoona 800 ol ta'an dandeettii keessumsiisuu ni qaba.

"Oomishaaleen Itoophiyaa keessatti oomishaman gabaa addunyaatiif dhiyeessuudhaaf waltajjii dandeessisudha," jedhan.

Kampaaniin Aliibaabaa jedhamu kun karaa bittaafi gurgurtaa 'ALIPEEY' jedhamu qaba. Obbo Zemedneh carraa ittiin wal irraa bitanii walitti gurguranii kanaa akka carraa guddaatti ilaalu.

Qondaalli Siitempaawer kan jedhamuufi Saayinsiifi Tekinooloojiifi Injiinariing irratti kan hojjetu Obbo Iyyu'eel Hayilees 'ALIIPEEY' gara gabaa Itoophiyaa dhufuun isaa waan guddaadha jedhu.

"Dhaabbileen kunneen kara Itoophiyaa dhufuun isaanii faayidaa guddaa inni qabu ce'umsa teknooloojii keessatti gumaachaa ni qabaata.

Biyya keenyatti fakkeenyaaf e-commerce (gabaan karaa elektirooniksii) baayyee gadi aanaadha. Kun humna namaa hedduus kan qabachuu danda'udha. Fakkeenyaaf dhaabbileen warra akka keenyaa kun kampaanota kanarraa muuxannoo guddaa fudhachuu dandeenya.

Aadaan tekinooloojii gara biyya keenyaatti dhufuun isaa faayidaa guddaa qaba."

Abbaan qabeenyaa Aliibaabaa, Jaak Maa fi mootummaan Itoophiyaa wiirtuu gabaa addunyaa gabaa elektirooniksiitiin deggerame ijaaruudhaaf waliigaltee mallatteessaniiru.

Obbo Zemedneheen akka jedhanitti kanaan dura kampaanonni teknooloojii sadarkaa addunyaatti gurguddo ta'an akkasii gara Itoophiyaatti yeroo dhufan argamee hin beeku.

"Yeroo baayyee gara biyya Ruwaandaa deemu. Ruwaandaan garuu biyya xiqqoodha. Itoophiyaan garuu guddoodha. Kun filannoo guddaadha. Fakkeenyaaf, Tiwiiteriin waltajjii miidiyaa hawaasaa baayyee guddaadha," jechuudhaan barbaachisummaa Itoophiyaa ibsan.

"Akka dhageenyutti Jaak Dorsiin akka dhuunfaattis ta'e akka kampanii isaaniitti Itoophiyaa keessatti invars gochuuf fedhii agarsiisaa akka jiru dhageenya. Kanaan dura fedhii agarsiisaa kan turan addunyaa gama Bahaarraa warra dhufanidha.

Waggaa tokkoofi walakkaa darbe kana keessa garuu gama biyyoota Lixaarraas fedhiin guddaan dhufaa jira," jechuudhaan dhufaatii Tiwiiteraa kaasuun ibsu.

Akka xiinxala Obbo Zemedneeheetti dhaabbileen gurguddoo gara Itoophiyaa kan dhufan tekinooloojiirratti qofaa miti. Filannoo invastimantii biraatiinis hojjechuuf fedhi ni qabu.

"Dhugaa dubbachuudhaaf wanti biraan qalbii hawwatu ministirri muummee Noobeelii Nagaa Addunyaa badhaafamuu isaaniiti.

Fakkeenyaaf, hawaasa invastimantii ani keessatti bobba'ee jiru keessatti xiyyeeffannoo ol'aanaa kenneeraaf. Itoophiyaadhaan 'Biraandii' gochuudhaaf [durra akka horattu] badhaasichi hiika ol-aanaa qaba," jechuun dubbatu.

Hundeessaa Afro FM kan ta'an Addis Alamaayehu gama isaaniitiin "Biliyeeneroonni lama dhufan jechuun kanaa booda Itoophiyaan kaartaa isaanii keessaa hin baddu jechuudha," jechuun daawwannaan dureeyyii kanaa faayidaa akka qabu ibsu.

Jaak Doorsii

Madda suuraa, Tiwiiter Jaak Doorsii

"Abbootiin qabeenyaa kun yeroo jalqabaatiif natti fakkaata biyyattii ilaalla jedhanii kan dhufan. Kana jechuun ammoo biyyattiin kanaa booda tekinooloojiirraa fagaattee hin turtu jechuudha.

Gama kanaan Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane dargaggoota dandeettii qaban addunyaaf ta'an hedduu qabna. Isaan kun lamaan dhufan jechuun warri kaanis dhufuun isaanii kan hafu miti."

Kanaaf ammoo jijjiiramni ministira muummee Dr. Abiy ulaa baneera jedha Obbo Addis. "Dingadeen banamaa jira. Dhaabbileen tajaajila telekoomii dhiyeessan haaraan biyya galuuf jedhaa jiru. Rakkoon interneetiirra jiru ji'oota ja'a ykn waggaa tokkoon booda ni furama jedheen amana."

Sababiin biraan akka biyyi kun invastimantii hawwattu godhe tokko biyyattiin ummata miliyoona 110 ta'u qabaachuudha jedha Obbo Addisiis. Umuriin giddu-galeessaa waggaa 18 ta'a. Guddinni dinagdees baayyee saffisaadha."

Abbootiin qabeenyaa mootummaarraa maal barbaadu?

"Kaampaaniin Alibaabaa Itoophiyaa keessatti akka milkaa'uuf an akka nama oomisha gurguruu yookiin akka hoogganaatti nan gargaara'' jedhan MM ABiy wayita Jaak Maa waliin mari'atan.

Obbo Zamadnah yaada kana ni qooddatu. ''Mootummaan iyyama kennuu qofa osoo hin taane deggeruus qaba. Kanaafuu dubbiin ministira mumee sirriidha.

Dhaabbileen akka Alibaabaa fi tuwiitariin Itoophiyaa keessatti hojjetanii yoo bu'a qabeessa ta'an faayidaansaa biyya keenyaaf. Biyyi keenya oomisha ittiin beekamtu qabaattee maqaanshees akka toluuf ga'ee guddaa qaba.''

Haata'u malee gama kanaan hojii eegalame galmaan ga'uuf imaammata fooyyessuun akka barbaachisu eeran Obbo Zamadneen.

«Mootummaan ajandaa jijjiiramaa eegale xumuruu qaba. Dargaggootaaf, keessattuu investeroota reef hojii jalqaban deggeruu irratti imaammata fooyyessee baasuu qaba. Dargaggeessi tokko hojii argachuuf hudhaan isa mudatu kaampaanichaafis dhiibbaa qaba''

«Dhugaatti waan biyyaaf fayyadu ta'uu qaba. Kaapmaaniiwwan akkanaa akka biyya baqatanii hin deemneef imaammati haala mijeessu ba'uu qaba.''

Akka yaada Obbo Iyyoo'eelitti garuu ilaalcha teekinooloojii irratti jiru jijjiiruu fi kuufamni sharafa alaa isaan ijoodha.

''Gabaan ammallee itti hin bu'amne jira. Garuu gabaan dijiitaalaa maali? Yookiin ammo 'e-marketing' maali? Mana kee teessee akkamiin gurguruu fi bituu dandeessa? Yaadonni kunneen baay'ee hin beekaman''

Itoophiyaa keessatti karaa mobaayilaa bituu fi gurguruun rakkisaa ta'uu kan dubbatan Obbo Iyyoo'eel kanaaf ammoo teekinooloojii babal'isuu barbaachisa jedhan.

Gama Kanaan waan hedduutu hafa kan jedhan Obbo Iyyoo'eel ''Itoophiyaa keessatti namoonni hedduun maallaqa harkatti baachuun fayyadamu. Tajaajila ATM illee seeraan dhimmi itti ba'aa hin jirru. Hojii guddaatu nu barbaachisu kan jennuuf kanaaf''

Kan biraan hudhaa guddaan dhimma hanqina doolaaraa ta'uu eeran Obbo Iyyoo'eel.

''An Itoophiyaa taa'ee Ingiliiz ykn Ameerikaadhaa meeshaa bituuf doolaarri ga'aan hin jiru. Sababni isaa an asii maallaqi an mootummaa Itoophiyaaf kaffalu birriidhaan.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo doolaara naaf kaffaluu qaba. Doolaara ga'aa hin qabu taanaan maal naaf kaffala? Kan jedhan gaaffilee ka'uu qabaniidha.

Gaaffileen kunneen haa ka'aniyyuu malee Alibaabaan daandii ittiin rakkoo kana irra aanan qabaachuu danda'a''

Interneetiin addaan ciccituu ilaalchisuun Obbo Iyyo'eel akkas jedhan: "Biyyoota Afirikaa faayiberiin guddaan keessa diriirfame keessaa Itoophiyaan tokkodha.

Dhuguma ciccituun interneetiin ni jira. Haata'u malee, kampaanonno telekoomii lama dhufaa jiru," kan jedhamu ni furu jedhanii amanu.

ampaanonni kun seenuun isaanii kampaanota gurguddoo akka Alibaabaatiif filannoo dabalataa akka ta'an himuun: "Rakkoon interneetiin addaan ciccituu telekoomiin dhaaba tokkoon dhuunfatamee waan qabameef dorgommiin waan hin jirreef kan uumamedha.

Dhaabbileen kunneen gurguddoodha. 'Viisaat' ofii isaanii dhaabbatanii osoo ta'ee fayyadamuu ni danda'u; inteneetiin addaan ciccituunis qormaata itti ta'a jedhee hin yaadu," jedhu.

Obbo Addisis ta'e Obbo Zemedneheen akkasumas ogeessi tekinooloojii Obbo Daani'ell biliyeeneroonni dhufan kun dandeettii guddaa isaan qaban baayyee guddaa akka ta'e waliif galu.

Gaaffiin amma jiru Itoophiyaan abbootii qabeenyaa kanarraa fayyadamuudhaaf hangam qophooftuudhaa? kan jedhudha.