MM Abiy Ahimadif konkolaataan elektirikii jalqabaa Itoophiyaa keessa walitti suphamte kennameef

Atileet Hayilee fi MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad konkolaataa elektirikii jalqabaa Itoophiyaa keessa oomishamte isaaniif kennamuu ibsan.

Ganama kana MM Abiy atileet Haayilee G/Sillaase harkaa fudhachuu isaanii fuula Tiwiitaraa isaanii irratti ibsaniiru.

MM Abiyyiif konkolaataa kana kan kenne dhaabbata kaampaanii Haayundaay Mootar waliin ta'uun, biyya keessa kan konkolaatittii walitti suphe (assembled) Maaraatoon Mootarsidha.

Konkolaattota Haayundaayi alaa galchuun Itoophiyaa keessa kan hojjetummoo atileetii beekamaa Haayilee G/Sillaasedha. Hayileen abbaa qabeenyaafi dura taa'aa dhaabbata Marathon Motor Engineering jedhamuu kanaati.

Konkolaataa elektirikii Itoophiyaa keessa suphuun gaaffii MM Abiy Ahimad pirezidantii Haayundaayif dhiheessaniin kan raawwate ta'u Waajjirri Ministeera Muummee ibseera.

Ministirri Muummee Abiy invastimantiin akkanaa diinagdee magariisaa biyyattiin kaayyeffate galmaan ni gaha jechuun ibsaniiru.

Waajjirri Ministira Muummee konkolaataan kuni Itoophiyaaf haaraa ta'u ibsuun bakka fedhetti chaarjii ta'u akka dandeessu ibseera.

Biyyoota faalamni qilleensaa rakkisu keessaa tokko magaalaa Finfinnee akka taate ni beekama.

MM Abiyyiif maaliif kenname?

MM Abiy Ahimad konkolaataa jalqabaa elektirikii argatan keessatti

Madda suuraa, Abiy Ahmed/Twitter

Wantoota MM Abiy hoggantoonni Itoophiyaa kana dura hin agarsiifne barsiisan keessaa tokko keessummoota simatan ofii konkolaachisun bakka fedhan geessuu isaaniiti.

Akka fakkeenyaatti, viidiyoon wayita MM Abiy pireezidant Isaayyaas Afawarqii of bira kaa'atanii magaalaa Asmaraa keessa konkolaataa oofan marsaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'e ture.

Yeroo kaan hoggantoota kaan bulchaa UAE dabalatee konkolaataa isaaniin paarkii indastirii daawwachiisanii turani.

Biqiltuu magaalaa Finfinnee keessa dhaaban konkolaataa bishaan obaasuun fayyadamaa ofii yeroo obaasanif mul'ataniiru.

Waajjirri MM Abiy, Itoophiyaa keessa konkolaataan elektirikiin dalagu akka hojjetamu yaada dhiheessuu isaanii ibseera.

Konkolaataan elektirikii akkamiin dalaga?

Konkolaataan elektirikii faala qilleensa naannoo to'achuuf akka dandeessisu konkolaataa oomishamu eegaltedha.

Konkolaataan kuni akka konkolaataa kaani injinii boba'aa fudhate sosso'u osoo hin taane akka mobaayilaa chaarjii ta'ee haa sosso'uf motora elektirikii of keessaa qaba.

Elektirikiin baatiriirraa sosso'u motora elektirikii sochoosuun goommaan konkolaataa akka naanna'u taasisa.

Baatiriin isaa yeroo chaarjii taasifamu humna ni kuufata. Kana jechuun boba'aa bakka kuufatus ta'e aara boba'aa of keessaa hin baasu jechaadha.

Konkolaataan elektirikii kaanirra ulfaatina salphatas, sagaleenis hin iyyu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataan elektirikii kaanirra ulfaatina salphatas, sagaleenis hin iyyu

Yoo baatirii of harkaa fixe socho'u waan dhabuf bakki itti chaarjii ta'u qophaa'aaf.

Biyyoota garaa garaatti invastimantiin akkanaa babal'ataa waan dhufef bakkeen itti chaarjii ta'anis dhaabbileen oomishanis baay'ataa jiru.

Kaampaaniin konkolaataa oomishu Niisaan yeroo ammaa UK keessa buufata boba'a caalaa bakka elektirikaan chaarjii itti godhanitu baay'eedha jedha.

Yeroo ammaa mootummaaleen namoota kanneen konkolaataa elektirikii oofan jajjabeessuutti jiru.

Gatiin paarkii gadi-aanaa argachuu, barjaa magariisa akka argatan akkasumas gaafa daandiin tirkaafikaan guutame karaa baasiin akka sosso'anillee eeyyamamaaf.

Namoonni baay'inaan maaliif hin fayyadaman?

Sababoota muraasa namoonni konkolaataa elektirikii baay'inaan akka hin fayyadamneef taasisan keessaa muraasni kunooti.

Chaarjiin konkolaataa elektirikii takkaa taasisan maayilii 100 (160km) deemsisa. Kuni, kan boba'aan socho'anirraa xiqqaata.

Konkolaataan elektirikii mataan isaa gosa garaa garaati. Kan chaarjillee fudhataa, kan boba'aa fudhatullee jira.

Ta'us, chaarjii gochuuf kan boba'a fudhatan caalaa yeroo fudhata. Bakka hunda bakki itti chaarjii godhan waan hin argamneefis namoonni baay'ee itti fayyadamaa hin jiran.

Sababni biraa, giddugaleessaan konkolaataa elektirikii tokko chaarjii gochuuf hanga daqiiqaa 30 fudhata. Kan boba'aan sosso'anirraa yeroo fudhata jechaadha.

Kan biraan, konkolaattota biraarraa gatiin isaanii ni dabala. Taa'us, fuula duratti xiqqaachuu mala jedhu kanneen biiznasii sana keessa hojjetan.