Qorannoo hawaa: NASAn konkolaataa gara Ji'aatti ergaa jiruuf bakka qubattu filataa jira

Hojii artii Viper

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna Hawaa keessatti bakka baayyisee cabbaa'aadha jedhamu Bantii Kibba Ji'aa qoratti jedhama
    • Barreessaa, Paul Rincon
    • Gahee, Gulaalaa Saayinsii, marsariitii BBC News

NASAn konkolaataa roobotii holqa Bantii Kibba Ji'aatti dhiyoo argamtu tokkorraa akka bishaan-cabbii barbaadduuf ergaa jira.

Bara 2023 keessa, konkolaataan hanga gaarii/konkolaataa golfii nama lama baattuu geessu kun, gama lixaan qarqara holqa Nobile Crater jedhamu qubachuuf jirti.

Holqi Nobile Crater kun ammoo kiiloomeetira 73 gadi kan fagaatuufi keessi isaa yeroo hunda dukkanaa'aa kan ta'edha.

Ergamni Viper jedhamu kun karoora dhalli namaa Ji'a abuuruuf qabu kan deeggarudha, sababiin isaa ammoo cabbiin akka bishaan dhugaatiifi boba'aa rookeetiitti fayyadamuuf qotanii baasuun danda'amuu mala.

NASAn waggoota kurnan itti aanan kana keessa astiroonoomeroota gara dirra adeessaatti deebisuu barbaada.

Ejensii hawaatti Sagantaan Artemis ergama isaa kanaan yeroo jalqabaatiifi dubartiifi nama sanyiin isaa bifaan warra adii keessaa hin ta'iin Ji'atti erguuf jira.

Ergamichi saatelaayitii Dachee tokkittii kanarra namni akka jiraatuuf daandii saaquu danda'a jedhameera.

Wiirtuu Qorannoo Ames NASA Kaalifoorniyaatti Manaajerri pirojektii Viper Daani'eel Andiriwus akka jedhetti, ergamni konkolaataa 2023 kun saayintistoonni bishaan-cabbii [Ji'arraa] baasuun dhala namaatiif hangam salphaa ykn rakkisaa akka ta'u hubachuuf gargaara.

Daataa bakka tulluu lixa holqa Nobile Crater irraan jiru agarsiisu

Madda suuraa, NASA

"Qabeenyi barbaachisan hedduun yoo jiraataniifi yoo argachuun kan danda'amu ta'e, akkaataa dhala namaa itti tursiisuu dandeenyu [Ji'a irraatti] kan sirriitti jijjiiruufi qabeenya kanneen ammoo baasnee itti fayyadamuu akkaataa itti danda'amu hubachuuf nu gargaara," jechuun ibsa.

Ragaan toora gara garaa irraa argaman akka agarsiisanitti, cabbii addeessaa toonii Biliyoonotaan lakkaa'amanitu holqawwan bantii sana keessatti dhinee osoo aduu hin argatiin hafee jira.

Bakki sun haalli qilleensa isaa qorri cimaan hanga -223C (-370F) tti gadi bu'u qaba.

Bakki dhaabbataadhaan gaaddiddaa'aa keessa ta'u kun, kuusaa cabbii guddaa tasgabbaa'aafi baayyisee qorraa barbaachisaa kuufame uuma.

Viper - Volatiles Investigating Polar Exploration Rover ibsa jedhu kan bakka bu'u yoo ta'u, saayintistoonni gaaffileen ijoo waa'ee kusaa cabbii, kan akka " cabbiin kun eessa akka ta'e, kuufama hangamii, hangam gadi-fagoo" akka ta'e hubachuuf isaan gargaara," jedha Daani'eel.

Buufatuma NASA Ames kan jiru dursaan saayintistii Viper Antoonii Kolapreet akkas jedhe: "Bantii Kibbaa kana deemnee qubachuu kan fakkaatu jira jennee hin yaadnu.

"Bantiiwwan Ji'aa baayyee waan ajaa'ibaati, keessumaa Bantiin Kibbaa. Bakka kana sululuwwan dur uumaman gaarreen ba'an Tulluu Everestiin kan gadi ilaalanidha... wanta addunyaa kanaan ala ta'edha."

Garuu naannoo adda ta'eefi cabbiin beekamu kana abuuruuf ammoo danqaawwantu jiru. Konkolaataa bakka halkan akka malee qorruufi guyyaa ammoo ho'u kana keessa hojjetan tolchuun rakkisaadha.

Injinaroonni moodelii iskeelii guutuu akkamitti akka konkolaataan Ji'arra baatu ittiin qubattu qoratan

Madda suuraa, BILL STAFFORD / Nasa JSC

Bantii Kibbaa kanatti Aduun baay'ee laaftuufi oddoorraan mul'atti waan ta'eef gaaddiduuwwan dheeraa turuufi saffisaan deemu qaba.

Iftiifi dukkanni saffisaan dhufee deemuun kun ammoo konkolaataan Ji'arra qubattu kun balaa fuuldurashee jiru adda baafachuun bakka deemuu barbaaddu deemuu ishee rakkisuu mala.

Kanaaf, injiinaroonni of-eegannoo cimaatiin yeroo dukkanni dhufaa jiru jalaa bahuudhaan akka humna aduu/soolaara Aduurraa argachuun humna godhattee of tursiisuu dandeessuun tolchuu qabu.

Haata'u malee, konkolaataan roobootiin kun yeroo holqawwan siriiyyu dhaabbatumaan dukkana ta'e baay'ee keessa yeroo seentu cimina/gootummaa addaatiin ta'uu qaba.

Kun konkolaataa NASAn ifa mataasheerratti tolcheef erge jalqabaa yoo taatu, ifti addarraa qabdu kun ammoo kuusaawwan cabbii eessa akka jiru adda baasuun maappii kaasti.